Finfinneetti daballiin kiraa manaa 11.5% akka hin caalle murtaa'e
Magaalaa Finfinneetti daballiin kiraa manaa 11.5% murtaa'uu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.
Haaromsi galmee waliigaltees kiraa manaas har'a Adoolessa 01, 2018 A.L.I kaasee gaggeeffama jedha waajjirri kantiibaa magaalichaa ibsa karaa miidiyaa hawaasaa isaa maxxanseen.
"Magaalaa Finfinnee dhiibbaa jireenyaa lammiileerraa hir'isuu fi gochaawwan seeraan alaa gabaa kiraa manaa keessatti mul'atan waaraadhaan ittisuuf tarkaanfii kana fudhachuu beeksise.
Akka labsii to'annoo kiraa manaa kanaan dura baheetti, daballiin kiraa manaa haqa qabeessi waggaatti11.5% ta'ee kan bara bajataa 2019 A.L.I'tti hojiirra akka ragga'uu isaa Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Manneenii beeksiseera.
Kanas hordofuun manneen jireenyaa dhuunfaa magaalattii guutuu keessatti argaman haaromsi galmee waliigaltee haaraa abbaa manaa fi kireeffataa har'a Adoolessa 01 bara 2018 (ALH) irraa jalqabee waajjira bulchiinsa manneenii kiflile magaalaa hundatti ragaadhaan hojiirra ooluu jalqaba.
Murteen sirreeffama gatii kun tasuma kan murtaa'e osoo hin taane, magaalattiitti i qorannoo saayinsawaa bal'aa gaggeessuun dandeettii kaffaltii qabatamaa jiraattotaa tilmaama keessa kan galche ta'uus ni eera ibsi kun.
"Hojmaanni kunis gama tokkoon kireessitoota galii haqa qabeessa waqtii fi haala diinagdee tilmaama keessa galche akka argatan kan dandeessisu yoo ta'u; gama biraatiin ammoo kireeffattonni kiraa galii isaanii waliin deemu kaffaluun yaaddoo jalaa oolanii jireenya tasgabbaa'aa akka jiraatan taasisa."
Murteen kun dhibbaa qaalayiinsa jireenya magaalattii keessa jiru 'sadarkaa ol'aanaadhan hir'isuu' qaba jedha.
Hariiroo kireessaa fi kireeffataa dawoo seeraan hogganuufis ni fayyada jedheera.