Waancaa Addunyaa 2026: Ramaddii, sagantaa taphaafi qabxii kallattiin

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Waancaan Addunyaa 2026 addadha. Yeroo jalqabaatiif seenaa dorgommii ispoortii guddaa addunyaa kanarratti gareen biyyoota 48 irratti hirmaatu.

Kana jechuun Waancaa Addunyaa waggaa fur dura Qaataar qopheessiterratti garee 16tu dabalame jechuudha.

Kun ammoo dorgommii kana seenaa keessatti isa guddinaan hunda caalu kan isa taasisu yoo ta'u, biyyoota sadan kanneen keessatti taphoota 104tu gaggeeffama.

Waancaan kun Waxabajji 11 hanga Adoolessa 19tti biyyoota sadii: Meksiikoo, Kanaadaa fi Ameerikaa keessatti gaggeeffama.

Waancaa Addunyaa 2026 ilaalchisee: Sagantaa taphaa garee isa kamitu kam waliin akka taphatu, guyyaafi saatii isaa, akkasumas qabxiiwwan jiran kallattiin akka itti aanutti qophaa'eera.