Gamtaan Awurooppaa muddamni kaaba Itoophiyaa isa yaaddessuu ibse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Gamtaan Awurooppaa muddamni dhihoo kana naannoo Tigraay keessatti mudataa jiru isa yaaddessuu ibse.

Jaarmiyaan kun ibsa Sambata (Waxabajjii 27, 2026) miidiyaa hawaasummaasaarratti maxxanseen tarkaanfii TPLF balaaleffateera.

Yeroo waraana Tigraay Itoophiyaarra qoqqobbii kaa'ee kan ture Gamtaan Awurooppaa, ji'a lama dura deeggarsa Itoophiyaarraa dhaabee ture deebisuu ibsee ture.

Gamtichi ibsa isaa keessatti TPLF naannoo Tigraayitti mana maree ofiisaa hundeessuu akkasumas dirqamaan namoota waraanatti guuruu kan kaase yoo ta'u, tarkaanfiin kun waliigaltee Piriitooriyaa Sadaasa 2022 mallattaa'e kan sarbu ta'uu ibse.

Qaamoleen waliigaltee kana mallatteessan, mootummaan federaalaa fi TPLF, waliigaltichi guutummaatti akka hojiirra ooluuf hatattamaan marii akka eegalan gaafateera jaarmiyaan Awurooppaa kun.

Gamtichi nagaa buusuuf jecha jaarsummaa bakka bu'aan Gamtaa Afrikaa Pirezidant Oluseegun Obaasaanjoo gaggeessaa jiran guutummaatti akka deeggaru ibseera.

Beekamtiin seeraan qabu boordii filannoon kan irraa mulqame TPLF bulchiinsa yeroo mootummaa federaalaan filame diiguun, ji'oota mana maree waraana dura filannoo injifate erga deebiseera.

''Koreen gidduu TPLF'' Ebla darbe ''mana maree mootummaa Naannoo Tigraay'' kan waggoota ja'a dura filatame deebisuu hordofee, manni maree kun pirezidantii duraanii naannichaa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el deebisee filateera.

''Fonqolcha mootummaa raawwachuun aangoo qabate,'' kan jedhame TPLF, namoota dirqamaan waraanaaf guuraa jiraachuun gabaafameera.

Dhihoo kana ''Jiruu fi jireenya akkasumas nageenya uummata Tigraay mirkaneessuu,'' maqaa jedhuun labsii falmisiisaan TPLF labse, dirqamaan namoota waraanatti guuruu kan eeyyamuudha.

Afa-yaa'iin mana maree naannoo Tigraay Mihret Barihee Roobii WaxabaJjii 24, 2026 xalayaa Biiroo Haqaa naannichaaf barreessan keessatti seeronni labsan hojiirra ooluu akka eegalan ajaja dabarsaniiru.

Namoota dirqamaan waraanaaf walitti qabuu irratti tarkaanfii TLF eegale namoonni siyaasaa fi jaarmiyaaleen mirga namoomaa gurguddoon kan morman yoo ta'u, jaarmiyaan mirga namoomaa idiladdunyaa- Human Rights Watch (HRW) tibbana ibsa baaseen seerri kun ''hacuucaadha'' jechuun mormeera.

Caamsaa darbe gareen mootummaa naannoo Tigraay kan TPLF harka jiru ''nan kuffisa'' jedhuu fi maqaa ''mana maree nagaa fi jijjiiramaa Tigraay'' jdhuun of waamu magaalaa Finfinneetti hundeeffamee ture.

Mootummaan US ji'a kana keessa miseensota TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti muddamni hammaate waraana balaafamaa deebisee kaasuuf sodaachisaa jiraachuu eeruun, qaamolee kana keessatti hirmaatan jedhe irra dhorkaa viizaa kaa'eera.

TPLF dhorkaa viizaa Ameerikaan irra keesse kana ''haqa qabeessa miti,'' jechuun balaaleffateera.

Tarkaanfiin Ameerikaa kun haala qabatamaa fi dhugaa Tigraay ilaalcha keessa kan hin galchinee fi mootummaa federaalaa ''itti gaafatamaa kan hin goonedha,'' jechuun qeeqan aanga'oonni TPLF.

Imbasiin Ameerikaa Finfinnee jiru tibbana ibsa kenneen adeemsa nagaa Tigraay ''qaamoleen gufachiisaa jiran,'' gochasaaniirraa of qusachuun tattaaffiiwwan marii nagaaf taasifamaa jiran akka tumsan akeekkachiiseera.

Imbaasichi dureewwan siyaasaa fi dhaabbilee siivilii mariiwwan siyaasaa keessatti hirmaachuu akka qabanii fi waliigalteen Piriitooriyaa, waliti bu'iinsa waaraan furuuf mallattaa'e, guutummaatti hojiirra ooluu akka qabu irratti akeekkachiisa kenne.