Keep Veerdee nagaatti - Biyya xiqqoo Waancaan Addunyaa hin daganne

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Keep Veerdeen biyya xiqqoo addunyaa ta'uu malti, ammoo dhugumatti gurra guddaa horte.

Liyoonel Mesii, Kiristiyaanoo Ronaaldoo, Eerliing Halaand, Haari Keen fa'i dagadhu - Waancaa Addunyaarratti yeroo jalqabaaf kan hirmaatan, Keep Veerdeetu ijoo dubbii ta'e.

Karra eegaa cimaa qabu, Vozinha jedhama. Ispeen waliin qixa bahanii yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaarratti qabxii galmeessan.

Galchii isaanii jalqabaas Yuraagaay irratti galmeessan. Shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa darbe kan taate Arjantiinaas qormaata guddaa keessa galchan.

Waancaa Addunyaa keessaa nagaa dhaammatanis wanti isaan hin daganne tokko garuu jira - onnee nama hedduu keessa seenaniiru.

''Keep Veerdee mo'amani, garuu injifataniiru'' jedha taphataan duraanii garee biyyaalessaa Iskootilaand Jeems Maakfaadan BBC Radio 5 Live irratti yoo dubbatu.

Tokkummaa, jabina, waan itti amanan gochuu akka danda'an mul'isaniiru jechuun jaje.

Keep Veerdeen yeroo Waancaa Addunyaatti dhufan sadarkaan isaanii 67ffaadha.

Ramaddii isaanii keessa si'a sadii qabxii qooddatan, shaampiyoonaa Awurooppaa kan taate Ispeen waliin galchii malee adda bahan.

Biyyoota jajjaboo kubbaa miilaan maqaa guddaa horatan qormaata keessa ka'an.

Arjantiinaa waliin immoo duubaa ka'ani morkatanii taphni hanga yeroo dabalataatti deeme.

Taphataan duraanii Ingilaand Gaari Neevil ''Kan isaan boo'an sababni isaa biyyatti waan deebi'aniifi,'' jechuun falmii isaan Arjantiinaa waliin taasisan guddoo jaje.

''Biyyatti deebi'uu hin barbaadan.''

'Onnee keenyatu jabaadha'

Mo'amanis leenjisaan isaanii Bubistaan jabina garee isaaniin boonu.

''Biyya xiqqoo taanus gareewwan cimoo addunyaa waliin akka taphachuu dandeenyu agarsiisne,'' jedhan.

''Kuni nama boonsa. Biyya keenyaaf seenaa dalagne. Biyya isaanii bakka bu'u isaaniin ni boonu.

''Shaampiyoonota addunyaa waliin akkana taphachuun, si'a lama qixa bahuun, kuni waan ajaa'ibaati,'' jechuun dubbatan.

Taphataan taphoota afran biyyattiin Waancaa Addunyaarratti taphatte hundarra hiriire, Shaamrok Rovers BBC Ispoortitti akkana jedhe: ''Wantoota Waancaa Addunyaa kanarraa argamu keessaa tokko si'achi namni Keep Veerdeen kaartaa irratti hin gaafatu - kuni mataan isaa nuuf seenaadha.''

Dabaluunis, ''Nuti biyya xiqqoodha garuu onnee gudaa qabna,'' jechuun waan tokko yoo itti amante ni milkeessita jedhe.

Waancaa Addunyaa dura ajandaa guddaa kan ta'e keessaa tokko biyyoonni 48 yeroo duraaf Waancaa Addunyaarratti akka hirmaatan gochuudha.

Haa ta'u malee, biyyoota kanneen akka Keep Veerdee erga arganii booda murteen isaa sirrii akka ta'eefi murteen FIFA biyyoota akkanaaf carraa kennuu isaa jajan xinxaltonni kubbaa miilaa Gaari Neevil fi Iyaan Raayit Filiips.

Taphattoota Keep Veerdee beekamtii guddaa horataniifi ijoo dubbii turan keessaa tokko karra eegaa isaanii umrii 40 Vozinhaadha.

Kontiraanni taphataan kun kilaba Porchugaal waliin qabu erga adda cite booda kilaba malee jira.

Haa ta'u malee, si'achi kilaba hin dhabu jedha Gaari Neevil tasgabbiifi cimina isaa dinqisiifachuun.

Karri eegaa kuni Waancaa Addunyaa baranaarratti kubbaa 18 oolche.