Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa 'hidhattoota Faannoo' tibbanaan Amuruutti maaltu ta'e?
Haleellaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti hidhattoota Faannoon raawwate jedhameen lubbuun darbuufi qabeenyi manca'u jiraattonniifi mootummaan beeksise.
Haleellaa jalqaba torban kana raawwateen hamma lubbuu darbe gama mootummaa ifa ta'udhaas baatu jiraataan BBC'n dubbise tokko 10 akka ta'an eeran.
Badii kanaaf jiraattoonni hidhattoota hidhattoota Faannoo bakkeewwan daangaa Wallagga Bahaafi dhihoo magaalattii jiranirraa akka dhufan eeran.
Kominikeeshiniin aanichaa garuu ibsa fuula Fesbuukii irratti baaseen ''Humni finxaaleessa faannoo jedhamu daangaa Mormor ce'uun'' badii raawwatu ibse.
Kanaanis, ''magaala Agamsaatti dhukaasa banuun lubbuu fi qabeenya irratti miidhaa geessisee jira,'' jedheera.
Haa ta'u malee, lakkoofsa namoota ajjeefamanii waan ibse hin qabu.
Lakkoofsa namoota ajjeefaman jedhaman kana BBC'n addatti mirkaneessuudhaas baatu bakkee kanatti haleellaan yoo raawwatu kuni kan duraa miti.
Jiraattonni BBC'n dubbise akka jedhanitti, haleellaan kan raawwate Kibxata barii yoo ta'u lubbuu namootaan ala horiifi qabeenya garaa garaa saamanii deeman jechuun hidhattoota himataniiru.
Jiraattoonni haleellaan kun miseensonni raayyaa ittisa biyyaa naannicha turan bakka biraatti deemanii guyyaa muraasa booda raawwatamuu dubbatu.
Jiraattuu Aanaa Amuruu Agamsaarraa BBCn dubbise haleellaa kanaan milishoota dabalatee namoonni nagaan ajjeefamuu himu.
BBC'n dhimma haleellaa kanaa adda baafachuuf bulchaa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti bilbiluus, bilbila isaanii nama biraatu kaasa.
Dhimma kanarratti bilbila harkaa bulchaa Aanaa Amuruuttis irra deddeebin bilbillus nuuf hin kaasne.
'Haalli jiru ulfaataadha'
Jiraataan BBC'n dubbise ''ummata nagaa qotee bulaarratti gaaga'ama hamaafi saamicha gaggeesse,'' jechuun hidhattoota Faannoo 'Finxaalessaa' jedhe himateera.
Meeshaa isaan qabatanis yoo ibsan ''Meeshaa dishqaa, bireeniifi kilaashiidhaan ummata nagaa irratti saamicha horii,'' raawwachuu dubbatan.
Jiraattuun biraallee ''haalli jiru baay'ee ulfaataadha. Jarri warri Faannoo kuni halkan sa'aatii 11:00 osoo namni hirribaa hin ka'in dhufu,''
Miseensi qaamolee nageenyaa aanichaa BBCn dubbise ammoo humnoonni Faannoo meeshaa gurguddaa hidhachuun lola uummataafi qaamolee nageenyarratti akka banan BBCtti himan.
''Horiin hin hafne, re'een hin hafne. Hamma handaaqqootti hundumaa sassaabdee deemte. Qabeenya caccabsitee, suuqii waan hambiste hin qabdu.''
Ummanni garatti baqatu hin qabu hidhattoonni magaalaa naanna'anii jiru jechuunis dubbatu.
Akka jiraattuun kuni jedhanitti, humnoonni mootummaa magaalattii keessaa bahanii guyya lama booda hidhattoonni haleellaa raawwatan.
''Ergasii humna mootummaa nuuf erganii jiru dhufaniiru amma baay'ina isaanii hin barre malee dhufanii kaampii qabatanii jiru.''
Akka jiraattuun kuni jedhanitti, humnoonni nageenyaa milishaa ta'aniifi aanicha jiran 'humna isaanii ol ta'e'' yaada jedhu qabu.
Hidhattoonni Faannoo jedhan kuni mandaruma dhihoo magaalattiirraa itti dhufuu himan.
Haleellaa dhaabbachuu dide
Godinoota Wallaggaatti hidhattooti maqaa sabaa dhahataniifi saba isaa tiksuuf akka sosso'an himan saboota kaanirratti haleellaa raawwachuun irra-deddeebiin himatamu.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaafi Godiina Wallaga Bahaa aanota garaa garaa keessatti waggoota muraasa darbaniif hidhattoonni Faannoo haleellaa gaggeessuun namoota nagaa heddu ajjeesu, uummata buqqisuufi qabeenya saamaa turuusaanii BBCn jiraattotaafi qondaalota mootummaa waabeffachuun gabaasaa ture.
Sababa kanaan bakkeewwan Wallagga Bahaa, akkasumas Horroo Guduruu Wallaggaa dirree lolaafi hookkaraa erga ta'anii waggootiin lakkaa'amaniiru.
Kanaan dura hidhattooti Faannoo Godinaalee Wallagga Bahaafi Horooo Wallaggaa aanaalee tokko tokko keessaatti haleellaa raawwataniin lubbuun hedduu darbuu jiraattonni, aanga'oonniiifi Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibsaa turan.
Kumaan kan lakkaa'amanis godinaalee lamaan, aanaalee haleellaan kun keessatti raawwatamee baqatanii rakkoof saaxilamaniituran.