Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US dooniiwwan Hormuuz keessatti rukutamuu booda Iraan haleelte
- Barreessaa, Amy Walker
- Barreessaa, Tabby Wilson
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3
US taankariiwwan boba'aa Ulaa Hormuuz keessatti rukutaman haaloo ba'uuf jecha Iraan irratti haleellaa ''cimaa'' raawwachuu himte.
Ajaji Giddugaleessaa US (Centcom) Kibxata, Adoolessa 7, 2026 bidiruuwwan xixiqqoo Iraan ulaa kanarratti bobbaaste 60 dabalatee qiyyaafannoowwan 80 caalan haleeluu ibse.
Miidiyaan mootummaa Iraan haleellaan US odoola Qeshm, Bandar Abbas fi Sirik jedhaman miidhuu gabaase.
Haftee meeshaa waraanaan namoonni miidhaman jiraachuus gabaaseera.
Iraan haleellaa taankariiwwan boba'aa irratti raawwatameefi US sababa godhattee haleellaa eegalte kanaaf kallattiin itti gaafatamummaa hin fudhanne.
Ministeerri Dhimma Alaa Iraan tarkaanfiin US kun waliigaltee walhubannoo waraana dhaabuuf ji'a darbe keessa mallattaa'e guutummaatti kan sarbuudha jedhe.
Iraan ''tarkaanfii murteessaa'' fudhachuun haaloo akka baatus ibse.
Haleellaa US Kibxata raawwatte hordofee Roobii ganamaan Kuweet haleellaa misaa'elaa fi diroonii ishee mudachuu malu qolachuuf qophii eegalteetti.
Sodaan Kuweet kun garuu haleellaa Iraan haaloo ba'uuf wiirtuu humna waraanaa US biyyattii keessaa qabdu irratti raawwattu ta'uun ifa miti.
Kanaan dura Iraan irra deddeebiin buufata waraanaa US Kuweet fi biyyoota Galoo Galaanaa kaan keessaa qabdu irratti haleellaa raawwachuun haaloo ba'aa ture.
Centcom akka ibsetti bidiruuwwan 60 irratti dabalataan buufataaleen misaa'elaa fi ajaji giddugalaa Iraanis haleelamuu ibse.
Garuu qiyyaafannoon isaa naannolee kam akka turan hin ibsine.
Haleellaan taankariiwwan boba'aa sadi irratti raawwatame ''haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne,'' kan jettu US, tarkaanfiin itti aanee fudhatamu akka jirus ibsiteetti.
Haleellaa dura Ministeerri Maallaqaa US qoqqobbii boba'aa Iraan irraa yeroof laaffisee ture haqeera.
Qoqqobbii kaasuun waliigaltee ji'a darbe Waashingitan fi Tehraan gidduutti mallattaa'e keessatti akka qabxii tokkootti eerameera.
Ministeerri Dhimma Alaa Iraan tarkaanfiin US waliigaltee kan cabsuudha jedhe. Mootummaan US ''amanamummaa kan hin qabne fi ejjennoonsaa daddaaqamaa ta'uu mul'isa,'' jechuun himatte Iraan.
Ibsi ministeera dhimma alaa kun Iraan ''dantaa fi nageenya biyyashee mirkaneessuuf tarkaanfii sirriidha jettee amantu hunda ni fudhatti,'' jedha.
Qataar fi Sa'uudii Arabiyaan haleellaa mudate kana balaaleffataniiru.
Lameenuu dooniin isaanii osoo Ulaa Hormuuz keessa darbuu haleelamuu ibsuun, kanaafis Iraan himatan.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Qataar Majiid Al Ansaarii haleellaa doonii isaanii AL-Rekayyat jedhamurratti raawwateef guutummaatti kan itti gaafatamu Iraan ta'uu hime.
Ministeerri Dhimma Alaa Sa'uudii Arabiyaa gamasaan Iraan osoo dooniin Sa'uudii Wadyan jedhamtu Hormuuz keessa dabartuu haleeluu himate.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'el Bagaayee himannaan Iraan ''qajeeltoo ollummaa gaarii kan faallessuudha,'' jechuun himate.
Dooniiwwan daldalaa osoo Iraanitti hin beeksisin ykn qindoomina biyyattii malee ulaa kana keessa darban, akkasumas humnaan cabsanii darbuuf yaalan balaaf saaxilamuu malu jedhe qondaalli Iraan kun.
Haala akkasii keessatti Iraan dooniiwwan akka ulaa kana keessa ce'an haala mijeessuuf hin dirqamtu jedhe.
Iraan yeroo waraanni deemaa ture sarara daldalaa addunyaarratti akkaan murteessaa ta'e- Ulaa Hormuuz harkatti qabachuun dantaashee eegsifachaa turte.
Iraan mirgi abbummaa ulaa kanaa yoomiyyuu taanaan akka beekamuuf, akka mirkanaa'uuf barbaaddi.
Waliigalteen walhubannoo ji'a darbe keessa US fi Iraan gidduutti mallattaa'e, kan Ulaan Hormuuz guyyoota 30 keessatti akka banamu gaafatus, adeemsi ulaa kanarratti taasifamu qindeessummaa ykn ajaja Iraan jalatti akka raawwatamu ibseera.