Ertiraan haasaa MM Abiy tibbana Paarlamaa irratti dubbataniif deebii kennite

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yemaanee Gabremasqal haasaawa cufiinsa waggaa Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif Adooleessa 7, 2026 taasisan cimsanii qeeqan.

Yamaneen barreeffama toora miidiyaa X irratti baaseen paartii Itoophiyaa bulchaa jiru kan inni ''paartii irraa dibaa ykn (Potemkin Party)''jedhuun ''imaammatni isaa tasgabbii hin qabne, kan nagaa fi tasgabbii waaraa Gaanfa Afrikaa balaadhaaf saaxilee jira'' jedheera.

Qondaalichi paartiin biyya bulchaa jiru waggoota lamaan darbanitti ejjennoowwan wal faallessu lama gidduutti rakkataa jira jechuun Paartii Badhaadhinaa qeeqe.

Paartiin inni 'Patemkin' jedhee waamu kun gama tokkoon "buufata galaanaa argachuuf duula waraanaa fi atakaroo gaggeessaa gama biraatiin ammoo miidhamaa shira keessoo kan qaamolee alaa fakkeessee" dhiheessuuf yaalaa turee jechuun dubbatan.

Deebiin Eertiraan kennite kun erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad kaleessa paarlaamaa keessatti haasaa taasisaniin Eertiraa, TPLF fi Sudaan eeruun, "Shaabiyaa, TPLF fi Sudaan dhiisii, kan biraallee itti yoo dabalame abbaan biyyummaa Itoophiyaa xiqqoollee balaadhaaf hin saaxilamu" jechuun dubbatanii booda.

Abiy haasaa isaa keessatti wayyaaneen mootummaa Eertiraa waliin ta'uun "Itoophiyaa weeraruuf qophaa'aa jirti" jechuun himan.Garuu mootummaan isaanii humna dandeettii ittisaa cimaa qabu ijaaraa jira jedhan.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa obbo Yemaneen ''naannicha keessatti waldhabdeen hin barbaachifnee fi hambifamuu danda'u'' imaammata mootummaa Itoophiyaa of eeggannoo hin qabneen uumame jedhe.

Qondaalli kun himannaa mootummaan Suudaan kana dura Itoophiyaa fi Emireetota Arabaa Gamtoomanii- UAE 'n waraana Suudaan keessatti hirmaachuu himataa turellee yaadachiise.

Gama biraatiin MM Abiy humnoonni Tigraay dargaggoota gara waraana Sudaanitti dabarsuu fi "garbummaatti gurguruu" jechuun himatan.

Waliigaltee Piriitooriyaa hojiirra oolchuu dadhabuun, buqqaatota qe'ee isaaniitti deebisuun akka hin danda'amnee fi rakkoo gareen TPLF uumaa jiruun ammallee naannichi rakkoo cimaa keessa galuu eera.

TPLF hanga ammaatti himannaa Abiy kan dargaggoota "gurguruu" jedhuuf deebii hin kennine.

Gama biraan Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan himannaa kanaan dura Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa qaamoleen alaa loltoota biyyaa keessa waliin keessoo Itoophiyaatti rakkoo umaa jiraachuu dhiheesse guutummaatti kuffisee ture.

Ministeerri kun ibsa baatii Caamsaa darbe baaseen, Itoophiyaan ''xiyyeeffannoo ummataa rakkoo keessoo ishee irraa maqsuuf shira xaxaa jirti'' jechuun himatee ture.

Yemaane Gabrameskel waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti mallatteefamee turullee yaadachiisuun seera idil-addunyaa fi waliigalteewwan Gamtaa Afrikaa fi IGAD cabsa turtee jedhe.

Itti dabaluunis, haaluma walfakkaatuun paartiin biyya bulchaa jiru kun waggoota lamaa fi walakkaa oliif Eertiraa irratti ''imaammata summii fi seenaa jijjiiru'' facaasaa ture jechuun himate.

MM Abiy ''humnoota Waliigaltee Piriitooriyaa fashaleessuuf kaayyeffatan'' jechuun himannaa dhiheessaniif qondaalli kun yoo deebii kennan waliigalteen Piriitooriyaa Eertiraa hin ilaallatu, guutumatti dhimma keessoo Itoophiyaati jedhan.

Dabalataanis, mootummaa Itoophiyaan waliigaltee Piriitoriyaan dura Eritiraa irratti shira qopheessaa ture jechuun himate.

Gareen TPLF gama isaaniitiin ibsa kennaniin himannaan TPLF, Eertiraa waliin ta'uun Itoophiyaa weeraruuf qophaa'aa jiru jedhu "bu'uura kan hin qabne" fi tooftaa Tigraay dadhabsiisuuf ta'uu ibsan.

Abiy Ahmed immoo waliigalteen Piritooriyaa ''warra injifataniifi warra mo'ame walitti fiduun mariin irratti geggeeffame jechuun ibsaniiru.

Haa ta'u malee, humnoonni Tigraay mootummaa federaalaa irratti tarkaanfii cimaa fudhachaa jiru jechuun himatan.

Muddamni mootummaa federaalaa fi TPLF gidduu kun, waligalteen nagaa Piriitooriyaa kan bara 2022 mallatteeffame balaarra buusuu danda'a jechuun hawaasni addunyaa keessattuu ammoo Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa, yaaddoo qaban ibsaa jiru.

Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamus, waxabajjii 26 bara 2026 ibsa baaseen, waliigalteen Piriitooriyaa guutummaatti akka hojiirra ooluu fi mariin siyaasaa bal'aan akka taasifamu waamicha dhiheessee ture.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad naannichatti "waraanni akka ka'uuf fedhiin bal'aan jira, faayidaa waan hin qabneef garuu didneerra," jechuun ibse.

Yaadi kun kan kenname, boordii filannootiin beekamtii kan dhabe TPLF, bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay bakkaa kaasee bulchiinsa ofiin wayita bakka buusefi waraanaf dargaggoota guuraa yeroo jirutti

Dhaabbileen mirga namoomaa kanneen akka Amnestii Intarnaashinaal, naannoo Tigraayitti daa'imman umriin isaanii waggaa 18 gadii ta'an dirqamaan waraanaf guuramaa akka jiran gabaasee jira.

Waldhabdeen jechaa fi doorsisni hoggantoota naannichaa gidduutti gaggeeffamaa jiru kun, filannoo biyyoolessaa 7ffaa waxabajjii 01 bara 2026 gaggeeffameen booda, paartiin badhaadhinaa kan Muummee Ministeeraa Abiyyiin dursamu sagalee caalmaan wayita injifatetti.

Obbo Yamaananis, "nagaa fi tasgabbiin gaafa Afrikaa, imaammata haala qabatamaa irraa fagaatan kan paartii bulchaa jiruun hordofamaa jiraniin balaarra bu'eera," jechuun akeekkachisan