Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Erga duutee namootni maaliin si yaadatu? Waan ittiin yaadatamuu barbaaddu ni yaaddaa?
Qorannooleen akka mul'isanitti, waa'ee waan yeroo duune dhiisnee demnu yaaduun fayyaa sammuu keenyaa fooyyessuuf gahee guddaa qaba. Yoo dargaggummaatti ta'e ammo umrii hafe karaa hiika qabaannuun akka jiraannuuf gargaara.
Abbaan Beet Hanter yeroo dhibee waa dagachuutiin hospitaala gale intallisaa kuni abbaashee waliin waliin dubbii waraabuuf gaafatte. Waggoota booda yeroo inni du'e dhageefachuu yaaddeeti.
Jaarsi nidide. Ini ishee waliin hariiroo onnee guutuu hin qabu ture akka isheen jettutti. Inni waa'ee dhukkubbisaa fi du'aa haasa'uuf fedhii hin qabu.
Inni waa'ee seenaawwan waraanaa beekuu osoo namni biraa hin barreessiin dursee barreessuu yaada. Isaaf erga du'een booda wanni gatii qaba jedhee yaadu kana.
Waan erga duunee booda dhiisnee darbinu yaaduu namoota umriin deemee fi dacheerra jiraachuudhaaf yeroo gabaabaa qofa qaban kan ilaallatu fakkaatulleen umrii dargaggummaatti yaaduunis gaariidha.
Qorannooleen dhiheenya bahaa jiran ammoo gochi leegaasii ofii kaa'anii darbuu kuni dhaloota dhufuuf waa kaa'uu qofa osoo hin taane nama saniifuu fayyaa sammuu isaatiif murteessaadha.
"Namootni lakkoofsaan hedduu ta'an waa'ee kanaa hin yaadan. Garuu namni kamuu beekees ta'u osoo hin beekne leegaasiisaa kaa'ee darba." Jetti Hanter.
Dhaloota itti fufsiisuu
Namoota hedduudhaaf leegaasii kaa'anii darbuun dhala godhatanii darbuu (Leegaasii Baayolojikaalaa)ti.
Leegaasiin baayolojikaalaa kuni kanneen erga du'aniin booda kutaa qaama isaanii arjoomaniis nidabalata.
Ameerikaa keessatti lammiileen miliyoona 170 ta'an qaama isaanii keessaa yeroo du'an arjoomuuf waadaa galanii jiru. Garuu namoota haala kanaan waadaa seenan keessaa gaafa du'an qaamni isaan arjoomuuf waadaa galan hojiirra ooluu kan danda'ee argamu nama 1000 keessaa kan namoota sadii qofa.
Namootni tokko tokko inumaa gaafa du'an qaamni isaanii guutuun qorannoo saayinsiitiif akka oolu kan waadaa galan jiru. Bara 2021 US keessatti namootni 26,000 haala Kanaan arjoomaniiru.
Qorannoo dhiheenya taasifameen Beeljiyeem keessatti namoota qaama isaanii arjoomuuf waadaa seenan keessaa harki 57 namootaan onnachiifamanii, harki 16 ammoo du'a isaaniitiif hiika kennuu yaadanii akka muteessan himan.
Qorannoo Hanter waa'ee dubartoota kaanserii irraa dandamatan irratti taasifte keessatti leegaasiin isaanii maatiin isaanii amala fayyummaa eeggachuu fi qorannoo kaanserii yeroo yeroon akka taasisan gargaaruu ta'uu himu.
Waa'een leegaasii ofii itti fufsiisuu namoota du'a waliin ija walitti baasaa jiraniifis hamilee kenna. Jireenya karaa sirrii fi fooyyee ta'een jiraatanii darbuuf akka jiran akka itti dhagahamu godha.
Malli leegaasii ofii ittiin itti fufsiisan kan biraan qabeenya horatan dhaalchisanii darbuudha. Fakkeenyaaf gamoo maqaa isaaniitiin ijaaranii moggaasan tokko dhiisanii darbuu.
Qorannooleen akka akeekanitti garuu irra caalaan namootaa wanti isaan dhiisanii darbuu barbaadan maqaa gaariidha. Garraamummaa fi arjaa ta'anii dhalootan yaadatamuu.
Kanas ta'e sana garuu leegaasii ofii dhiisanii darbuun faayidaalee hedduu qaba. Qorattooni US ga'eessa ganna 65 afgaaffii godhanii akka hubatanitti, namootni nagaa barbaadu, kan dabarsan amananii fudhachuu fi waan isaaniif bu'aa qabu jedhanii yaadan dhiisanii darbuu. Kunimmoo umrii isaanii hafe hawwiidhaan akka jiraatan gargaara.
Waa'ee leegaasii dhiistee darbituu yaaduun siif waan gaariidha
Dhalli namaa waa'ee leegaasii dhiisee darbuu yaaduu kan eegale waggoota kumaatama dura ta'ulleen dhimma kanarratti qorannoo taasifamuu kan jalqabe garuu waggoota 75 darban keessa.
Qorattoonni akka jedhaniiti dhalli namaa waa'ee leegaasii dhiisee darbuu akka yaadu kan godhu sodaa du'aati.
"Namootni yoo niduuna ta'ee faayidaan jiraachuu keenyaa maalidha? Kan jedhu beekuu hawwan" jedha Yunvarsiitii Duke, Kaaba Kalifoorniyaa irraa Kimberlii Wade.
Akka hayyuun kuni jedhanitti, namni waa'ee du'aa yeroo yaadutti du'uu akka hin barbaanne yaada. Jiraachuu barbaada. Dhalli namaa waa'ee leegaasii isaa yeroo yaadu garuu dhiphina waa'ee du'aa yaaduu keessa isa tursu keessaa akka bahuuf isa gargaara.
Waa'een leegaasii dhalootaaf dhiisnee darbinuu yaaduun akkuma jirutti ta'ee maalif ammoo yeroo duune waan gaariidhaan yaadatamuu barbaanna? Kan jedhu hibboodha.
Yoo waa yaaduufii qalbifachuuf sammuun akka barbaachisu amante erga duunee booda waan dhiisnee darbine beeknee erga gammaduu yookan gadduu hin dandeenyee bu'aan isaa maali?
Bering dhimma kana yoo deebisu akkas jedha"waa'ee erga duunee booda dhalootni akkamiin nuyaadata laata jennee yaaduun jireenya amma jiraannu kana gammachuudhaan akka hin jiraanne nudhabsiisa" jedha.
Kana qofa miti waan erga duutee booda leegaasii kee irratti ati aangoo homaatuu hin qabdu. Aangoo waan suni gaariidha, hamaadha jedhee murteessuu kan qabu warra lubbuun jiru sana.
"Kuni garuu faayidaa waa'ee leegaasii yaaduun nuuf kennu akka dhiisnu nun taasisu" jedhu Wade Benzonin.
Benzoonii fi hiriyoonnishee, dhalli namaa waa'ee leegaasii dhalootaaf dhiisee darbuu bara dargaggummaa isaa keessa dursee yaaduun gaaridha yaada jedhu qabu.
Kuni dhaloonni jireenya jiraatu keessatti waa'ee dhaloota itti aanuu yaadaa fi gochaa gaarii dhiisee akka darbuuf gargaara.
Waa'ee leegaasii dhiisnee darbinuu yaaduun namootni gochaawwan gaarii akka eegumsa naannoo, dhaabbilee tola ooltummaa, qorannoowwan fayyaa fi dhaabbilee biiznasii hawaasaaf waan gaarii buusan akka gumaachaniif gargaara jetti Benzoni.
Akka qorattoonni jedhanitti waa'ee leegaasii dhiisnee darbinuu yaaduun faayidaa gamlamee qaba. Yeroo jiraannu jireenyatti kaka'umsaa fi gammachuu akka qabaannu godha. Yeroo duune ammoo qaaman jiraachuu dhabnulleen dhaloota keessatti akka yaadatamnu gargaara.