Keep Verdeen goolii 1-0 dhaan Arjantiinaa injifatti- tilmaama pirezidantii biyyattii

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Biyyi xiqqoon qarqara dhumaa lixa Afrikaa Keep Verdeen kubbaa miilaa keessatti addunyaa ajaayibsiisuu ittuma fufteetti, pirezidantiin biyyattii miira gammachuun waa'ee garee kanaa BBCtti dubbataniiru.

Pirezidant Joosee Maariyaa Neves dorgommii Waancaa Addunyaa kilaboota 32 gidduutti gaggeeffamuutti ce'e kanaan biyyisaanii Chaampiyoonaa yeroo darbee Arjantiinaa injifachuun ''seenaa egeree biyyattii bareechu akka galmeessitu'' dubbatan.

''Gareen Keep Verdee guutummaatti ofitti amanu, abdii qabu, dafqanii waa buufachuuf hojjetu. Haala Kanaan Arjantiinaa injifachuuf carraa dhibba keessaa dhibba qabna. Keep Verdeen goolii 1 fi 0dhaan Arjantiinaa ni injifatti jedheen tilmaama,'' jedhan turtii addatti BBC waliin taasisaniin.

Biyyoonni xixiqqoo akka Keep Verdee beekamanii mul'achuuf kutannoo fi cichoominaan hojjechuu qabu jechuun dhaaman Pirezidantichi.

''Nuti yoomuu injifachuuuf taphanna. Wayita nuti cimnee ga'umsa olaanaa agarsiisuuf qophoofne namuu ni raajeffate, amanuu hin dandeenye. Namoonni waan nuti carraa qabnu itti hin fakkaanne, nutimmoo deemnee raajii itti taane.''

''Biyyi xiqqoon akka Keep Verdee kun akkas gochuuf tattaaffii cimaa taasisuu qabdi, qormaata mudatu irra aanuuf haala kanaan uummata naasisuu fi raajeffachiisuu barbaachisa,'' jedhan.

Maqaa Blue Sharks jedhuun kan beekamu gareen kubbaa miillaa Keep Verdee tapha kuffisanii darbuu gareewwan 32 gidduutti gaggeeffamaa jiruun Jimaata dhufu Maayaamiitti Arjantiinaa morkata.

Pirezidantii Joosee Maariyaa Neves tapha kana ilaalchisuuni kan isaan yaada kennan.

Biyyi odoolawwan 10 irraa ijaaramtee fi Garba Atlaantik irratti argamtu Keep Verdeen, seenaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaarratti hirmaachuun biyya xiqqoo lammaffaa tapha gulantaa keessaa gara tapha kuffisanii darbuutti ceete taateetti.

Tapha jalqabaarratti garee addunyaarratti sodaatamu Ispeen waliin gooliimalee walqixa xumuran. Tapha sanarratti gooli eegaan Keep Verdee umriinsaa waggaa 40 ta'e Vozinhaa goota jedhameera.

Isa booda Yuraaguwaay waliin 2-2 xumuran, dhumarratti Sa'uudii Arabiyaa faana goolii malee walqixa xumuruun, wayita Arjantiinaan Yuraaguwaay injifattu gara itti aanutti darbuu danda'an.

Biyyi xiqqoon yeroo jalqabaaf dorgommii kanarratti hirmaatte amma taphataa gameessa yeroo ammaa hojiirra jiru Liyoonel Mesii waliin morkachuuf ga'uun hangam akka morkattootasaanii rifaasisuuf deeman mul'isa.

Biyyi Ameerikaa Kibbaa- Arjantiinaan addunyaarraa kilaba sadarkaa jalqabaarra jirtuudha, Keep Verdeen ammoo Afrikaa keessaa sadarkaa 13ffaarra jirti, akka ragaa FIFAtti.

Akka addunyaatti biyyoota lameen gidduu sadarkaa 63tu jira.

''Keep Verdee ga'umsa gaarii agarsiisuu akka itti fufu nan abdadha,'' kan jedhan pirezidantiin biyyattii, ''morkii Waancaa Addunyaa kanarratti seenaa hojjennee egeree keenya bareechuufi, kunis chaampiyoonota waliin taphachuudha. Fedhiima kanaan, miira kutannoon, hawwii mo'ichaa fi sadarkaa itti aanutti ce'uutiin Arjantiinaa fi Mesii morkachuuf jirra,'' jedhan.

''Gareen Keep Verdee guutummaatti ofitti amanu, abdii qabu, dafqanii waa buufachuuf hojjetu. Haala kanaan Arjantiinaa injifachuuf carraa dhibba keessaa dhibba qabna.''

Ammoo yoo injifatamanis biyyattiin boojuun galuunshee waan hin oolle, waan yaadde galmaan geesseetti jedhan Pirezidant Joosee Maariyaa Neves.

''Kilaba cimaa waliin yoo morkattu mo'uunis injifatamuunis jira. Haata'u malee Arjantiinaan kilaba cimaa ta'us nuti mo'uuf taphanna. Ammoo qabxiin waan fedheyyuu yoo ta'e nuti mataa olqabannee dorgommii Waancaa Addunyaa keessaa baana. Galmi nuti hedannee baane akka milkaa'etti nutti dhagahama,'' jedhan.