Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aarsaa maatiin Obbo Leencoo Lataa qabsoo Oromoof kaffalan
Qabsoon bu'aa bahii hedduun kan guutamedha. Qabsaa'onni hiree jiruu isaaniitti murteeffatanii gara dirree qabsootti makaman rakkoofi gidiraa dhuftu hunda dhandhamuuf amananii itti seenu.
Gatiin qabsoo garuu aarsaa qabsaa'aa dirree qabsoo bahe sanaarratti qofa dhaamee hin hafu. Ilmaan, maatiin, aantee, hiriyoonnii fi gosti nama qabsoof bahe kanaa golgaa seenaatiin duubatti wareegama gatii jabeessa baasu.
Qabsoon Oromoo bifa qindaa'een karaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)tin osoo hin taligamiin durattis qabsaa'onni hedduun karaa bittinnaa'een sirna cunqursaa saba isaaniirra gahu qolachuuf wareegama baasaa turan.
Qabsaa'onni akka Waaqoo Guutuu, Agarii Tulluu fi kumaa kitilli yeroo dammaqiinsi sabaa laafaa ture keessa gita bittaa hiree sabichaa cunqurse jedhanii amanan qawweedhaan qolachuuf wareega itti baasaniiru.
Eelaan wareegama qabsaa'ota kunneenii garuu wareegama isaanii qofaan hin goolabamne.
Agarii Tulluu obbolaa isaa lama waliin Dagamitti gabaa walakkaatti fannifamee yoo ajjeefamu warra wareegame kana caalaa harmeen Agariifaa kan ajjeechaa kana dhaabbatanii ijaan ilaalan caba qaamaa qalbii gatii isaa shallaguun ulfaatu keessa akka bu'an tilmaamuun hin ulfaatu.
Jaal Nadhii Gammaddaa kan bara 1993 osoo qabsoorra jiruu achi buuteen isaa dhabame hanga har'aatti haadhaa fi obbolaa isaatiif hiibboo deebii dhabedha. Ammayyuu dhufinnaa laata jedhanii karra eegu.
Laggasaa Wagii, Eebbisaa Addunyaa, Haacaaluu Hundeessaa fa'is warra daandii qabsoo sabaa kanarratti aarsaa ta'ani. Maatiifi ilmaan isaaniitiif garuu aarsaan kuni gatiin isaa qaaliidha.
Harmeen qabsaa'ota kunneenii ilmaan isaanii sammuu keessaa hin moofa'an. Iji isaanii qoorii hin qabu. Hanga dachee kanarraa godaananitti madaa dhoksaa qofaa kulkulfatu. Warri kuni qabsaa'ota dhugaa seenaan dagate.
Seenaan qabsoo Oromoo wareegama qabsaa'otaarra darbee wareegama maatiin qabsaa'otaa keessa darban hin galmeessine.
Barreeffama kanaan hiraaraa fi gidiraa jaarraa walakkaaf fulla'e, bu'aa bahii maatiin qabsaa'otaa golgaa seenaatiin duubatti baasan seenaa Jaala qabsoo Bilisummaa Oromoo Obbo Leencoo Lataa fi maatii isaanii isiniif qixeesineerra.
Seenaan isaanii kuni bu'aa bahii maatiin qabsaa'otaa keessa darbanii fi qabsaa'aan qabsoof bahe maatii isaa irratti dhiibbaa akkamii murteessee akka bahu mul'isa.
Obbo Leencoo Lataa haadha warraa isaanii Piroofeesar Kuwee Kumsaaa fi ilmaan isaanii sadii waliin ta'uun addatti gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan irraa kan isiniif qindeesine.
Seenaan qabsoo waggoota dheeraa Obbo Leencoo Lataa taasisan irratti hanga ammaatti kitaabonni lama barreeffamaniiru. Seenaa isaanii bifa kitaabaan barraa'e kanaan alatti waa'ee aarsaa maatii isaanii irratti fuulleffanne.
Walbarachuu yunvarsiitii keessaatti
Jaalli qabsoo Obbo Leencoo Lataa fi Piroofeesar Kumee kumsaa dhalootaan warra naannoo tokkoo ta'anii maatiin isaaniis warra walbeeku ta'anilleen isaan garuu qaamaan wal hin beekan ture.
Yeroo sana Obbo Leencoon dargaggeessa barnoota irratti jabaa kan maqaan isaa Dambidoolloo fi naannawa sanatti akka fakkeenyaatti dhaadheffamu ture.
Kuwee Kumsaa ammoo reefuu barnootaaf Yunvarsiitii amma 'Yunvarsiitii Finfinnee' jedhamuun waamamu kana seenan.
Kuween yeroo biyya turte waa'ee Leencoo dhagahaa waan turteef dinqisiifannaa guddaa qabdiif ture.
'Yeroo sana maqaan isaa Yohaannis Lataa ture. Yohaannis biyya alaatti baratee dhufe, Hayilesillaasee irraa badhaasa argate' oduun jedhu haalan hoo'aa ture' jedhu Kuween waan yerosii yoo yaadatan.
Qeerroo fi qarreen lixa Oromiyaa irraa dhufan lamaan qaamaan kan walbaran yunvarsiitii keessatti mana Kitaabaatti.
'Mooraa keessatti eessumnikoo Yohaannis Lataa isa kana jedhee fageenyarraa natti agarsiisee ture. Sirritti kanin arge garuu mana kitaabaa keessatti waan dubbifamu osoo barbaaduuti. Anumatu jalqaba 'Yohaannis Lataa' sidhaa? jedhee gaafate," jedhan.
Ergasii walbarachuun isaanii cimee yeroo gabaabaa keessatti jaalalarraa gara fuudhaa fi heerumaatti fulla'e.
"Isheetu dhufee na haasofsiise. Yeroon laalu bareedduudha. Achumaan garaan tuqame. Maal goonakaa…" jedhu Obbo Leencoon yeroo haala itti Kuwee waliin jaalala jalqaban yeroo himan.
"Yeroo gabaabaa keessatti walfuune. Fuuti kunis fuudha isa durbi hiriira galtee huccuu uffattee kennamtu hin turre. Akkasumatti wajjin godaanne. Sanbooda ijoolleen dhalachuu jalqabne," jedhan Obbo Leencoon.
Leencoo fi Kuween waggaa sadii keessatti ilmaan sadii maqaan isaanii Hurriyaa, Roobalee fi Goolii jedhaman horatan. Ilmaan isaanii kuni amma ga'eessota ta'aniiru.
Bara isaan dhalatan sana yeroo sochiin cunqursaa jalaa bahuu fi fedhiin bilisoomuu dhaloota keessatti sochiin ture onnataa waan tureef namuu qabsoof yeroo of qopheessu ture.
Obbo Leencoonis waggoota 50 dura qabsoof yeroo manaa bahan intalli hangafaa reefu waggaa lama isheen sadaffaa ammoo garaa keessa jirti.
Sochiin Adda Bilisummaa Oromoo yeroo itti eegale keessa waan tureef qaamoleen nageenyaa Dargii kanneen qabsoo kana keessatti hidhata qabu jedhe adamsuu eegale jedhu Aadde Kuween haala ittiin abbaan warraa isaanii yeroo sana manaa itti bahan yoo himan.
"Baduusaa dura dhufanii manaa qaban. Haatisaa duutee ture. Mana keenya keessa gaddatu taa'amaa ture. Bara Dargiiti. Namoonni nu jajjabeessuu dhufanii nu bira bulu. Wattaaddarri Dargii halkan balbalas fooddaanis caccabsanii nutti seenan."
"Leencoon yeroo kuni hundi ta'u kitaaba dubbisa soofaarra ciisee. Homaa quban qabu hamma isaan mana seenanii harka ol qabaa jedhanitti. Booda isa qabanii fuudhanii deeman," jechuun waan yaadatan dubbatu Prof Kuween.
Daandiirra yoon deemu isa ta'aa laata jedheen reeffa ilaalaan deema
Haalli hordoffii mootummaa Dargii cimaa deemuun lubbuu isaatiifuu yaaddoo waan ta'eef maatii dhiisee qabsoo hidhannootti seenuuf murteesse Leencoon.
"Bakka hojii osoon jiru naaf bilbilee dafnee manatti haa gallu naan jedhe. Mana gallee deemuun qaba jedhe. Osoo loltoonni Dargii hin dhufin deeme. Isumaa deemee hin fagaanne loltoonni dhufan" jedhan.
Leencoon irra deddeebiin qabamee hidhamaa waan tureef namoonni isaan beekanii fi firoonni isaaniituu isaan wajjin hariiroo qabdu jedhamuu baqa maatii Obbo Leencoo kana ni baqatu ture.
"Ollaanis, Oromoon mataansaa ni sodaata. Yoo isaan dubbisne nu qabu jedhanii sodaatu. Waan guddaan qabamuma jalaa bahuu isaati gammachuun. Asitti du'uusaarra qabsaa'aa du'uu wayya."
"Yeroo sanaa kaanee qofaatti hafne. Ijoolleen abbaa malee guddachuuf jirti," jedhu Kuween waan guyyaa sana isaanitti dhagahame yoo yaadatan.
Obbo Leencoonis waan guyyaa jalqabaa qabsoo hidhannootiif manaa bahan sana yoo yaadatan 'baayyee natti dhagahama amma yoon yaadu. Garuu hin gaabbu. Dirqama akkasii bahuun dirqama seenaati" jedhu.
Bara sana mootummaan Dargii sirna 'Qayyi Shibbirii' yookan 'Goolii Dimmaa' jedhamu labsee ture. Mucaan Obbo Leencoo sadaffaan yeroo sana keessa waan dhalatteef maqaashee 'Goolii' jedhanii akka moggaasan himu maatiin.
Piroofeesar Kuween abbaan warraa isaanii ilmaan isaanirratti dhiisanii dirree qabsootti bahuu isaanii malee dirree qabsoo kam, gahan moo karaatti qabamanii ajjeefaman waan jedhu wanti beekan hin turre. Kan sammuu isaaniif boqonnaa kenne manaa qabamee ajjeefamuu dhabuu isaa qofa.
Erga mucaa sadaffaa bakka abbaan warraa isaanii hin jirretti dahanii hojii isaaniitti deebi'aniin boodalleen waa'ee abbaa warraa isaanii odeeffannoo hin arganne.
Karaatti qabamee Goolii Diimaadhaan ajjeefaminnaa kan jedhu sammuu isaanii keessa deddeebi'uu eegale.
"Yeroo sana daandiirra yoo deemtu reeffuma namaa argaa deemta. Asis achis reeffi namaa kukkufeema jira. Yeroon hojii deemu reeffa kana irra deemeen ilaalaa deema. Isa ta'innaa jedheen achi keessa barbaadaa deema. Ji'ootaaf kana gochaan ture," jedhu Kuween.
Turtii dheeraan booda abbaan warraa isaanii akka lubbuun jiruu fi Jibuutii gahuu odeeffannoo argatan. Ergasii ijoollee waliin suura ka'anii poostaan bakka inni jirutti erganiif.
Obbo Leencoon garuu dirree qabsoo irraa waa'ee ijoollee isaanii fi haadha warraa isaanii odeeffannoo dhoksaan argachaa turuu yaadatu.
Hidhamuu Kuwee fi qorumsa Ijoollee
Erga abbaan isaanii qabsoof bahee qofaa isaanii ilmaan sadii guddisaa kan turan Kuweenis sababuma hidhata qabsoo fi qabsaa'otaatiin hidhaaf saaxilaman.
Yeroo kana ijoolleen Obbo Leencoo fi Pirof. Kuwee kan durumaa firrii fi namoonni naannoo sodaarraa hariiroo faana uumuu hin barbaanne qofaatti hafan.
"Abbaa isaanii dhaban, anatu jiraaf jedheen ture anis hin jiru. Ijoollee kana nutu biyya lafaa kanatti fide maal ta'u? eenyutu isaan guddisa? kan jedhu baayyee na dhiphisaa ture. Halkanii guyyaan boo'a ture. Garuu homaan fiddu," jedhan Kuween.
Kaka'umsi qabsaa'uu, onneen bilisummaa onnee kee keessaa danfulleen rakkoon ilmaan isaanii dura jaajjee jiru garuu dhukkubbiin isaa mana hidhaa keessatti 'dhuka lafeetti nama coba' jechuun ulfaatina miira yerosii ibsu.
Ijoolleen sadan Obbo Leencoo erga haati isaanii hidhamanii booda adaadaa isaanii biratti guddachuuf gara Jimmaatti ergaman.
"Ijoollee adaadaa kootii waliin Jimmatti Ijoollee torbamoo saddeet taanee guddanne" jedha Roobaleen haala ijoollummaasaa yerosii yoo yaadatu.
Kuween garuu erga ijoollee abbaan isaaniilleen bira hin jirre kana biraa hidhamanii waggaa torba booda ijoollee isaanii ijaan arguu danda'an.
"Mana hidhaa keessatti sobee na dhukkube mana hakiimaa na geessaa jedheen heeyyamsiise. Ijoollee koo mana hakiimaattan waggaa torba booda ijaan arge; Jimmarraa dhufanii," jedhan.
Ijoolleen Obbo Leencoo haalli isaan ittii Jimmarraa gara Finfinnee deebi'anis seenaa mataasaa qaba.
Kuween mana hidhaatti maatii mootii Hayilesillaasee, kan isaanuu irratti fincilaa turan waliin hidhaman. Mana hidhaa keessatti waa'ee ijoollee isaanii waa'ee maatiisaanii yeroo haasa'an ijoollee isaanii Jimma akka jiran itti himan.
"Waaqni kan ati hin yaanne siif haa yaadu jedha Oromoon. Warruma nuti irratti fincilaa turre sanyii mootii Hayilesillaaseetu gargaarsa biyya alaa barbaadanii ijooleekoo Jimmaa naaf fidanii mana barumsa bultii Aqaaqiitti akka baratan naaf godhani," jedhu.
Ijoolleen Obbo Leencoo erga gara Finfinneetti deebi'anii harmee isaanii mana hidhaatti ji'atti yeroo tokko arguuf hiree argatan. Ta'ulleen umrii sanaan haadha ofii mana hidhaatti arguun nama miidha ture jetti intalli quxisuun, Goolii Leencoo.
"Ijoollee umrii sanaa taanee haadha ofii mana hidhaatti arguun baayyee ulfaata. Baayyee cimaadha. Isheedhaaf ammoo hammam akka jabaa ta'e naaf galuuyyuu hin danda'u. Gaafa ishee dubbisnee deebinu hamma nuti ija duraa baanutti fagootti harka nutti mirmrsiti ture" jetti miira boo'ichaan.
Haati gootaa hin boossu
Adeemsa qabsoo keessatti haalli baratamaan tokko qabsaa'aan yoo du'e namni lubbuun hafe qabsaa'aa du'eef hin boo'u kan jedhu.
Kunimmoo qabsaa'aan du'e goota waan ta'eef gootni na jalaa du'e jettee yoo boosse diinakeetti gammachuu misiraachoo akka himuuti jedhamee waan amanamuufidha.
Kanaaf jecha yeroo gootni wareegamu 'Hirmii Nyaatu'. Imimmaan fi gadda of keessatti garaatti liqimsanii laboobnisaa keessoo maatii sanaa guba. Adeemsi kuni waan ulfaataadha jedhu Kuween.
"Haati gootaa jabduudha; jabaachuutu irra jira jedhu. Garuu garaan haadhaa akkam ta'a? gadaamessi haadhaa gadda saniin rom'u suni akkam ta'a? kana namni argu hin jiru" jedhu imimmaan ija isaaniirraa haqachaa.
Piroofeesar Kuween erga waggootaaf mana hidhaa turaniin booda yeroo hidhaarraa bahan gara itti deeman wallaalanii rakkachuu yaadatu.
"Amma mana hin qabu. Ijoolleen koo mana barumsa bultii Aqaaqii keessa jiru. Firan bira deemu hin qabu. Fira bira deemuun balaa isaanitti fidee deemudha. Kanaaf, filannoon tokkittiin na hafte mana barumsaatti deebi'uu ture," jedhan.
Kunis yeroo dheeraaf fala ta'ee itti hin fufne. Dargiin qabsoo hidhannoo kallattii maraan irratti banameen muddama keessa waan tureef namootni mana hidhaatii bahanii fi barattoonni leenjii fudhatanii lolatti akka bobba'aniif mana barnootaa isaanii cufe.
"Yeroo manni barumsaa keenya suni cufamu aduuma guyyaa kanatu narratti dhaame jechuu dandeessa. Yeroo kana ijoollee koo sadan fudhadheen baduuf murteesse. Yoo du'a ta'es fiigaa du'uu nuuf wayya jedheen murteesse," jedhan.
Baqannaa gara Keeniyaa
Haalli biyya keessaa rakkisaa ta'aa dhufnaan Kuween karaa namoota beekaniitiin deeggarsa argatanii ijoollee isaanii sadan fudhatanii baqannaan Keeniyaa seenan.
Keeniyaa erga seenaniin booda abbaan isaanii waliin qunnamtii qabaachuu baatanilleen haatii fi ilmaan sadan jaalala haadhaa fi ilmaaniitiin akka haaraatti waliin jraachuuf hiree argatan.
Miira haadhummaa deebisanii isaan gidduutti uumuun garuu qorumsa guddaa ture.
"Ani amma jaalala haadhummaa isaan dhaban sanan deebisee akka gaariitti kennuufii barbaada. Isaan ammoo alarraa waa'ee koo kaan goota jedha, kaan sexana jedha. Kana gidduu kam akkan ta'e bitaa isaan galeera."
"Ani goota sanas seexana sanas miti. Ani namuma ciminas, mudaas qabudha. Kana sirreessinee haadha fi ilmoo ta'uuf baayyee rakkanne. Miirri suni ulfaataa ture." jedhan.
Kutaan itti aanu waa'ee abbaan keenya meerre eessa jira? Gaaffii dhuma hin qabne ijoolleen ittiin haadha cinqantu ture.
"Gaafa abbaan keenya meerre jennee cinqinu haati keenya suura Beny Hammer guddaasaa bittee girgiddaara irratti fanniste. Seeqa isaatu abbaa keenya fakkaata. "Abbaa keessan ilaaluu barbaaddu taanaan kunooti. Lamuu lammataa akka nan gaafanne" jettee nu akeekkachiiste" jetti Huriyaan waan yeros ture yoo yaadattu.
Obbo Leencoon ilmaan isaaniin walarguu
Kuwee fi ilmaan isaanii sadan erga Keeniyaa galanii bara mootummaa ce'umsaatti dhihaachaa waan tureef maqaan Leencoo Lataa fi qabsoo Oromoo keessatti qoodni qaban gurri guddachaa dhufe.
Naayiroobiittuu 'Ilmaan Leencootii bar' jedhamnee namni nun jajne, nun kunuunsine hin turre jetti Huriyaan.
"Maatiin Kiyya erga naayiroobii galanii adda baanee waggaa 13 booda achi dhaqee isaan arge. Mucaan isheen osoo hin dhalatin ani deeme yeros waggaa 13 taateetti. Ijoollee kana gaafan argu nama gurguddaadha. Ijoolleen koo mataa koo keessa jiran garuu ijoollee daa'imtuudha. Ammayyuu sammuun kiyya achuma jira" jedhu Obbo Leencoon.
Turtii waggoota 13 booda abbaa isaaniitiin yeroo walargan ijoolleen sadanuu miira adda addaa keessa turan.
"Abbaan keessan dhufuufi jedhamee nuhundumtuu eegaa turre. Namni tokko kan kishaafee ijaa godhate makiinaa keessaa buunaan Furiyaa fi Roobaleen fiiganii itti maxxanan"
"Animmoo of qabeeman suuta jedhee ilaaleen itti dhaqe. Hubachuufis na rakkise. Namni makinaa kana keessaa bahe abbaa keeti. Namtichi kuni maal fakkaata jedheen dhaabadhee ilaale. Mirrii suni ajaa'iba ture," jetti Gooliin.
Roobaleen ammoo daa'imummaatti yeroo abbaan isaa qabsoof manaa bahu sammuu keessaa yaadannoo qabaachuu baatulleen abbaa keessantu kana erga jedhamnee hammachuu malee maal gochuu dandeenya jedha.
"Gaafa inni deemu ani waggaa tokko. Yeroo sana hariiroo qabaannee isa yaadadheen miti. Abbaadhuma keenyatu isa kana. Isuma qabna. Isumatti dhaqnee maramne kaa" jedha miira kolfaatiin.
Intalli hangafaa Huriyaanis daa'imummaatti yaadannoo sammuudhaa hin qabdu. Maqaa isaan beekan Yohaannis irraa jijjiiramee Leencoo yoo jedhamu suurri sammuushee keessatti uumtee fi namni abbaashee ta'e qabatamaan argite wal hin fudhanneef.
"Gaafa konkolaataa keessaa ba'u natti gabaabbate. Itti fiigee dhaqeen hammadhe. Waan hin qabdu jedhamte tokko argachuu, nama du'e tokko deebistee akka argachuu wayii miira akkasiitu natti dhagahame guyyaa sana. Abbaan koo mataduree kadhannaa kootii ture," jetti.
Obbo Leencoon kan ijoollee isaanii waggoota 13 booda ijaan argan Naayiroobiitti guyyoota muraasa erga turaniin booda Kuwee fi Ilmaan isaanii sadan gara Kaanaadaa, Obbo Leencoon ammoo hirmaannaa mootummaa ce'umsaatiif gara Finfinnee deeman.
"Oromoon baayyuma garaa jabaata"
Siyaasa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti namoota maqaan isaanii adda dureen eeramu keessaa Obbo Leencoo Lataa isaan ijoodha. Isaan hayyu duree itti aanaa ABO ta'anii tajaajilanilleen, warra Hayyu duree dhaabichaa turan caalaa maqaan isaanii ABO waliin hidhameera.
Waggoota 50f qabsoo bilisummaa keessatti wareegama qabsoo kaffalaa kan turan maanguddoon kuni, yeroo kaan dinqisiifannaa hamilee bilisummaaf dhaloota kakkaasuutiin jajamu. Yeroo kaan ammoo qeeqa jajjabaa isaanirratti ka'uun Oromoo biratti ajandaa ta'uu dhiisanii hin beekan.
Sababa olola isaanii fi maatii isaanirratti deemuun miidhama hamileefi xiinsamuu isaanirra gahuu himu Kuween.
"Rakkina meeqa keessa dabarreeti kan as geenye. Ormi yoo sitti duule homaa miti. Oromoodhumti namni kee gaafa sitti duulu garuu baayyee hadhaaha. Liqimfamuu dida. Warruma nu beekutimmoo odeessa. Jiruu keenya ni arguum."
"Kaanaadaatti Huriyaan mana nama Oromoo tokkootti bidden tolchitee birrii xiqqoo argatti ture" jedhan erga Kaanadaa seenaniiyyu rakkataa jiraachuu yoo himan.
Duulli Leencoo Lataa irratti yeroo adda addaa gahu maatiisaas, ijoolleessaas hin hambifne.
"Oromoon baayyee baayyee garaa jabaata. Isarra darbee maatiisaa hunda miidhe. Ijoolleensaatuu yoo kana dhagahan 'maalinni kana turreeyi' jedhan. Aarsaan isaan kaffalan suni gahuu didee deebisee ijoolleellee miidhe" jedhu miira gaddaan.
Intalli hangafaa Obbo Leencoo, Hurriyaan gamasheetiin aarsaan maatiin isaanii hamma kana kaffalan gatii dhabee maqa balleessiin nurra yoo gahu nama dhukkubsa jetti.
"Wanti hamma kana hundi aarsaan kaffalamee gaafa Oromoon aarsaa sana gatii dhabsiisee lafatti gatu nama aarsa. Namni qabsaa'u gaaf tokko sabni na galateeffata jedheetii miti."
"Garuu sabni kuni boru afaansaa aadaasaa guddifata of bara kan jedhuuni. Nuti sanarra geenyeetu aadaan keenyaa fi afaan keenya akka eebootti maatuma sanatti deebi'uun madaa irraa hin fayyamne" jetti Hurriyaan.
Bu'aa bahii waggoota hedduu fudhateen booda gameessi qabsoo Oromoo Obbo Leencoo Lataa siyaasa irraa soorama bahanii umrii gara dullumaa isaanii ijoollee ijoollummaatti jaalala abbummaa itti hanqisan waliin gammachuun jiraachurratti argamu.
Ammallee garuu of duuba yoo mil'atan 'Maatii kiyya hin guddifne, Ijoollee kiyyaaf ilkaan raasee hin buqqifne. Suni hir'ina qabsoon natti uume" jechuun ibsu.
Qabsoo fi qabsaa'ummaan gatii guddaa hanga ilmaanii fi abbaafi hadhaatti fulla'u kan nama kaffalchiisu ta'ulleen dhaloonni har'allee qabsoo daandii sirriidha jedhanii amananitti makamanii aarsaa kaffaluun itti fufeera.