Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp sadi injifatamee injifannoo guddaa tokko argate- Mana murtii waliigalaatti maaltu isa mudate?
Dhaddachi daangaa aangoo (ajajaa fi tarkaanfii) pirezidantii amma aangoorra jiruu ilaale guyyaa lammaffaa hanga guyyaa xumuraatti murteewwan dabarseen Pirezidant Doonaald Tiraamp injifannoo guddaa tokko argateera.
Garuu murtee aangoo pirezidantii bal'ise dabarsuun alati, manni murtichaa pirezidantichi waan barbaade hunda argachuu akka hin dandeenyes agarsiiseera.
Waliigalatti dhaddacha kanarraa qabxiilee ijoo sadi hubataman akka armaan gadiitti ibsineerra.
1. Olaantummaa aangoo pirezidantii seera kabachiistota irratti
Manni Murtii kun waggaa 100 dura Paartii Dimokiraatotaa irraa kan ta'e Pirezidant Firaankiliin Delaanoo Ruusevelt kophaasaa aangoosaa fayyadamuun akka fedheen qaamolee seera kabachiisan hojimaata isaanii geeddaruu akka hin dandeenye sagalee guutuun murteessee ture.
Akka murtii yeroo sanaatti pirezidantichi gama kanaan qaama isa to'atuu fi hordofu qaba ture.
Haata'u malee manni murtii kun dhaddacha Wiixataan falmii cimaa Tiraamp irraa isa mudate booda, murtii duraan ture sana haqee kan biraa murteesseera.
''Pirezidantichi namoota bulchiinsa isaa keessatti akka hojjataniif ramade yeroo barbaadetti kaasuuf aangoo qaba,'' jedhe abbaan seeraa Joon Roobartis.
''Yoo akkas ta'e qofa gaafatama pirezidantichaaf qaban raawwatu, pirezidantichis gaafatama uummataaf qabu bakkaan ga'a,'' jedhe abbaan seeraa kun.
Murtiin injifannoo Tiraamp labse kun gaafa darbu abbootiin seeraa garee lamatti qoodaman.
Kanneen Tiraamp muude sadi dabalatee abbootiin seeraa sirna duriitti cichan ja'an hundisaanii gama Tiraamp dhaabbatan.
Abbootiin seeraa Dimokiraatotaan muudaman ammoo faallaa Tiraamp dhaabbatan.
Akkaataa murtii kanaan Tiraamp dabalatee pirezidantonni gara fuulduraatti Ameerikaa bulchuuf jiran seera kabachiistota walii hin galle ejensiiwwan fedhan hunda keessaa ari'uuf aangoo qabu.
Kana keessatti yeroo bara Ruusevelt ijoo guddaa kan ture Komishiniin Daldalaa Federaalaa ammas xiyyeeffannaa guddaa ta'eera.
Murtiin amma darbe kun seera kabachiistota kaan kanneen akka seerota filannoo, seerota imaammatoota kominikeeshinii, waldhibdee hojjetaa fi hojjechiisaa furuu, seera faayinaansii fi naannoo hojiirra oolchanis ni ilaallata.
Lammiileen Ameerikaa akkuma pirezidantonni Dimokiraatota irraa gara Rippaabilkaan, Rippaabilikaanota irraas gara Dimokiraatotaa jijjiiramaniin seera haaraa ba'an arganiiru.
Baraak Obaamaa hanga Tiraamp, achirraa hanga Joo Baayidan, amma ammoo deebi'ee hanga bulchiinsa Tiraampitti seeronni aangoo pirezidantii seera kabachiistota irratti jijjiiramaa dhufaniiru.
Murtiin ammaa kun garuu adeemsa baratamaa kana waan jijjiiru fakkaata.
''Murteen waggaa sagaltamaa ammaa guutummaatti sagalee guutuun haqameera,'' jedhe Tiraamp murtee darbe booda ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social dabarseen.
''Yeroo barbaachisaatti aangoo pirezidantii guddisuurratti murtii sirriin darbeera,'' jedhe.
2. Dimokiraatonni abbootii seeraa garii Rippaabilikaanota keessaa firoomfachuun Tiraampiin mufachiisan
Wiixata Manni Murtii Waliigalaa US pirezidantiin seera baastota irratti olaantummaa aangoo akka qabaatu murteessullee, daangaan Tiraampitti godhames tureera.
Gareen abbootii seeraa, keessattuu dhimma Baankii Giddugaleessaa biyyattii irratti, sararri pirezidantiin darbuu hin qabne akka jiru murteessaniiru.
Murtii deeggarsa shanii fi mormii afuriin darbe kana keessatti Abbootiin Seeraa Joon Roobertis fi Bret Kavanaugh abbootii seeraa Dimokiraatotaa faana hiriiruun Tiraamp akka Hooggantuu Baankii Giddugaleessaa Lisa Kuuk aangoorraa ari'uu hin dandeenye murteessan.
Tiraamp dhiheenya kana Baankiin Giddugaleessaa dhala baankii gadi buusuu dide jechuun Lisa Kuuk himataa ture.
Tiraamp hooggantuun kun maallaqa waliin dhoofteetti jechuun himatus himannaa kana bal'inaan hin ibsin.
Abbaan seeraa Roobertis akka barreessetti Kuuk aangoorra kaafamuushee dura dhaabbatee falchuuf carraan kennamuufiin ni malaaf jedhe.
Himannaan Tiraamp, kan ganaa ragaadhaan deeggaramuu gaafatu, dura dhaabbachuun ofirraa qolachuun isheedhaaf mala jedhe abbaan seeraa kun.
Roobertis yoo pirezidantiin Baankii Giddugaleessaa akka fedhasaa kan godhu ta'e ''balaan dhufuu akka danda'u,'' akeekkachiise.
Dhaddacha Wiixataan pirezidantichi seera kabachiistota akka fedhe muuduu fi kaasuu akka danda'u murtaa'us, gama dhala baankii fi rifoormii filannoon garuu injifatameera.
3. Ol iyyannoo maqa balleessii Tiraamp fudhatama dhabe
Maxxansa miidiyaa hawaasummaa Tiraamp Truth Social irraa akka hubatamutti dhimmi akkaan pirezidanticha aarse dhimma E.Jiyaan Kaarool irratti ol iyyannoo dhiheesseedha.
Dhimmoota tarreeffaman biroo keessaa Manni Murtii dhimma ol iyyannoo Tiraamp kanaaf bakka hin kennin hafeera.
Gaazexeerratti barreessuun kan beekamtu Kaarool Tiraamp bara 1990oota keessa kutaa uffannaa jijjiirratan keessatti miidhaa saalaa irratti raawwachuu himatteetti.
Kanaanis Tiraamp yakka maqa balleessii Kaarool irratti raawwachuun bara 2023 erga mirkanaa'ee doolaara miiliyoona 5 akka kaffalu murtaa'ee ture.
Manni murtiis ol iyyannoo Tiraamp dhimmi adabbii doolaara miiliyoona shanii akka keessa deebiin ilaalamu irratti dhiheesse, ibsa bal'aa osoo irratti hin kennine kuffiseera.