Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baqattoonni birrii miliyoona 2 ol ta'u kaffaluun baasii mootumaan irratti baase akka deebisan godhamuufi
Lammiileen biyyoota garagaraa Yunaayitid Kingidam keessatti koolugaltummaan kennameef paawundii 10,000 (naannoo birrii miliyoona 2.1) akka kaffalan godhamuufi.
Kaffaltiin baqattoonni galii argachuu erga eegalanii booda kaffalan kunis baasii mootummaan biyyattii mana jireenyaafi deeggarsawwan garagaraaf baase bakka buusuuf kan oolu akka ta'e himameera.
Haaluma kanaan ga'eessonni galii gahaa qaban maallaqa eerame adeemsa keessa akka kaffalan mootummaan biyyattii wixinee seeraa qopheesseera.
Wixineen labsii Immigireeshiniifi Koolugaltummaa keessatti hammatame kunis Kibxata paarlaamaa biyyattiif ni dhiyaata.
Ministira Dhimma Biyya Keessaa UK kan ta'an Shaabaanaa Maahmuud, jijiiiramni kun "deeggarsa baqattummaa argachuun mirgas dirqamas ta'uusaa agarsiisa" jedhaniiru.
Haa ta'u malee namoonni maallaqa eerame akka kaffalan taasifaman galii hagamii ol kan argatanidha kan jedhu hanga ammaatti hinmurtoofne.
Kaffaltiin kun "madaalawaa akka ta'ufi baqattoota akka hin miineef" ministirri dhimma biyya keessaa aangoo hammeentaa maallaqaa kaffalamu akkasumas kunneen galii hagamii ol argatan kaffaluu akka qaban murteessuu ni qabaata jedhameera.
Gama biraatiin baqattoonni gaafiin koolugaltummaasaanii fudhatama hinargannefi galiin isaan argatan hamma maallaqaa mootummaan murteessuu ol ta'es baasii itti bahe akka kaffalan ni taasifama.
Akka ragaa Ministeera Dhimma Biyya Keessaa UK'tti bara darbe keessa biyyattiin deeggarsa baqattootaaf paawundii biliyoona afur baasii gooterti.
Baqataa tokko mana abbummaa mootummaa jala jiru keessa guyyaa tokko bulchuuf giddugaleessaan paawundii 23.25 kan gaafatu yemmuu ta'u, hoteela keessa kan jiraatu yoo ta'emmoo guyyaatti paawundii 144 gaafata. Kana malees baasiin jireenyaa torbee tokkoo paawundii 9.95 hanga 49.18 ta'a.
Manni Maree Baqattootaa gama isaatiin karoorri kun "sirrii kan hintaanefi hojiirra ooluu kan hindandeenyedha" jedheera. Kana malees kaffaltiin kun "maatiin baqattoonni jiruusaanii akka hin ijaarranne akkasumas akka of hindandeenye kan taasisudha" jedheera.
Daayrektara dhimmoota alaa dhaabbatichaa kan ta'an Imraan Huseen, "sababni namoonni baay'een deeggarsa koolugaltummaa itti gaafataniif Ministirri Dhimma Biyya Keessaa mataasaatiin namoonni gaafii koolugaltummaa gaafatanii dhimmisaanii ilaalamaa jiru hojii akka hinhojjenne waan dhorkuufi" jedhan.
"Deeggarsi koolugaltummaa namoota hiyyummaa hamaaf saaxilamoo ta'anif kennama. Kanaafuu kaffaltiin haaraan kun baqattoota harka duwwaa dhufan miidha" jedhan.
Gama biraatiin ministiroonni biyyattii Labsiin Immigireeshiniifi Koolugaltummaa kun wantoota baqqaa seeran alaa gara biyyattiitti harkisan akka hir'isu abdii godhataniiru.
Haa ta'u malee kutaaleen labsichaa seerota ciccimoo qabatan tokko tokko miseensota paarlaamaa miseensa paartii Leebar ta'an muraasarraa mormiin akka isaan mudatu eegama.
Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa gama isaatiin torbee darbe keessa Inglaand keessaa hoteelota dabalataa baqattoonni keessa tursiifaman 20 kan cufe yemmuu ta'u, baqattoota iddoowwan kaampii waraanaa turan keessa tursiisuuf karoora akka qabu beksiseera.
Dabalataan seerri immigireeshinii haaraan kun hojimaata dhaabbileen akka yunivarsiitiiwwan, gareewwan hawaasaafi dhaabbileen daldalaa baqattoota ispoonsara itti godhanis ofkeessatti qabateera.
UKtti baqattoonni koolugaltummaa argatan waggaatti gidduugaleessaan hanga paawondii 20,000 argatu.
Mormiin jiru garuu baqattoonni hedduu dafanii hojii waan hin arganneef akkasumas ammoo kan argatanis xiqqaa waan taheef akkamiin mootummaaf kaffaluu danda'u kan jedhudha.