'Oppireeshiniin dahuun booda kaleen koo tokko baafamuun bare'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dubartiin ulfaa daa'imashee oppireeshiniidhaan dahuuf yeroo hospitaala seentu kalee fayyaa lama qabaachuu himuun boodarra kalee inni tokko jalaa baafamu dubbatti.

Dubartiin Baariiraa Alhasan jedhamtu kaaba baha Naayijeeriyaa, bulchiinsa Gombee jiraattu, hakiimota Hospitaala Ispeeshaalaayiizdii Gombee kaleeshee tokko akka baasan himatti.

Haatahu malee hospitaalichi himannaa irratti baname hunda waakkateera.

Hospitaalichi ibsa baaseen waan dubartiin kuni jette ''guutummaan guutuutti soba, bu'uura kan hin qabneefi ragaadhaan kan hin deeggaramne, akkasumas waan galmee hospitaalaafi dhukkubsataarra hin jirre dha,'' jedhe

Firooti Baariiraa qorannoon wal'aansi baqaqsanii hodhuu osoo hin taasifamiin dura ture akkasheen kalee fayyaa lama qabdu agarsiisa jedhan.

Erga oppireeshiniidhaan deesseen booda akka malee dhukkubsattee jennaan qorannoon taasifame akkasheen kalee tokko qofa qabdu agarsiise jedhu.

Baariiraa Alhasan BBC waliin haasaa taasifteen oppireeshiniin kuni gaafa Ebla 8,2026 taasifamee guyyaa muraasa booda dhukkubbiin jabaan itti dhagahamu dubbatte.

''Oppireeshiniin taasifamuun guyyaa muraasaan booda dhukkubbiin jabaa natti dhagahamuu jalqabe. Ol na guura, garaa na ciniina, qaamni koo dhiita'ee, yeroon fincaa'us dhukkubbiin natti dhagahama ture,'' jette.

''Kana booda dubartoota akka koo oppireeshiniidhaan dahan mallattoo walfakkaataa yoo qabaatniif gaafadhe. Kanaan dura ijoollee 10 qabaadhus, oppireeshiniidhaan dahuun garuu kan jalqabaati,'' jechuun dubbatti.

Baariiraan hakiimni ergasii qorannoo taasiseef kalee tokko qofa akka qabdu itti himuun akka ishee naasise himte.

''Hakiimni kalee tokko qofa akkaan qabu yeroo natti himu nanahe. Kalee koo gurgureera yoon taheef na gaafate.''

''Lakkin jedheeni. Achii na tasgabbeessuu jalqabe. Namni kalee tokkoon akka jirachuu danda'u natti himee qoricha naa kenne,'' jetti Baariiraan.

Firootishee waliin maaltu akka tahe akka itti himamu hospitaalicha irra deddeebiin gaafatanillee qondaaloti hospitaalichaa akka dubbii kana addabaabaayiitti hin baasne isaan amansiisuuf yaalaa akka turan himti.

Kana booda maatiinshee hospitaalichi galmee fayyaa hospitaalichaa akka ifa baasuuf komii dhiyeessanillee galmeen kuni akka hin jirre itti himameera.

Obbolessi dubartii kanaa Zakaarii AlHasan, Baariiraan qorannoon fayyaa 2015tti taasifte kalee fayyaa lama akka qabdu agarsiisuu himuun himannaa seeraa banuuf tahuu dubbate.

Zakaariin abbaan isaanii dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa argachuuf hospitaala deemus deebii quubsaa akka hin arganne hime.

Baariiraan nama hospitaalichatti maramaartuufi ijoolleeshees achitti deessus hospitaalichi galmee fayyaashee akka hin qabne maatiitti hime.

''Haalli kuni shakkiin keenya akka dabaluufi waan obboleettii keenyarratti tahe cimsinee akka gaafannu nu godhe,''jedha Zakaariin.

Maatiin dubartii kanaa hospitaalichaaf komii irra deddeebiin dhiyeessanillee deebii quubsaa akka hin arganne himan.

Dubbiin tahuu didnaan Waajira Fayyaa Bulchiinsa Gombeef xalayaa komii barreessuun dhimmi kuni akka qoratamuufi haqni akka bahu obboleessi gaafate.

''Kana booda waajirichi obboleettiikoo, abbaawarraasheefi hojjettoota hospitaalaa waamuun hamma qorannoon geggeefamutti dubbii alatti akka hin baasne gaafate, '' jedha.

Tahus Zakaariin haalatti dhimmi kuni adeemaa jiruun akka hin gammadne ibsuun qorannoon jabaa akka adeemsifamu gaafata.

Obboleettiinsaa haqa akka argachuu qabdus kaasera.

''Kan ani barbaadu qorannoon guutuu taasifame akkaattiin kalee koo dhabe baruun haqa argachuun fedha,'' jette.

Waakkii hospitaalaa

Bulchiinsi Hospitaala Goombee hakiimni wal'aansa baqaqsanii hodhuun dubartii kana deesise kaleeshee baasuu haaleera.

Ibsi hospitaalichi baase himannaan irratti ka'e hundi ''guutummaan guutuutti soba,bu'uura kan hin qabneefi ragaa galmee hospitaalaafi dhukkubsataan kan deeggarame miti,'' jedhe.

Galmeen kutaa oppiresshinii Baariiraan wal'aansa da'umsaa hatattamaa (Emergency caesarean section ) malee oppireeshiniin kalee adeemsifamuu hin agarsiisu jedhe hospitaalichi.

''Galmee kana keessatti hakiimni wal'aansa baqaqsanii hodhuu kaleesheetti bu'uusaa agarsiisu hin jiru,'' jedhan qondaaloti hospitaalichaa.

Yeroo maatiin Baariiraa yaaddoo ibsatan dhimmicha mirkaneessuuf qorannoon taasifamu hospitaalichi ibseera.

Akka ibsi kuni jedhutti qorannoon taasifame dubartiin kuni kalee tokko qofaan dhalattee tahuu mala malee oppireeshiniidhaan kaleeshe akka hin dhabne hime.

Hospitaalichi dhimma kana mikaneessuuf gatii qorannoo ofiin kaffaluu ibseera.

''Dhugaa baasuuf jecha qorannoon dhimma kanaa kaffaltii bulchiinsa hospitaalichaan adeemsifamaa jira,'' jedha qorannoon bahe.

Qondaaloti hospitaala kanaa Baariiraafi maatiishee yeroo lama dubbisuun qorannoofi galmee fayyaa jiru irratti ibsa kennuu himan.

Maatiinshee qorannoon dabalataa dhaabbata fayyaa dhuunfaatti akka geggeefamu gaafachuun hsopitaalichi deebii achii argamu eegaa akka jiru ibseera.

Hospitaalichi kanneen miidiyaa hawaasaa irratti maqaa balleessaniifi amantii uummati hojjettoota fayyaa irratti qabu faaluu barbaadan komateera.