Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ajjeechaa Arsiitti tibbana mudateef mootummaafi WBOn quba walitti qaban'
Godiina Arsii aanaalee lama keessatti tibbana ajjeechaa namoota nagaarratti raawwate ilaalchisee mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) raawwachuu himate.
Biirooon Kominikeeshinii Oromiyaa ibsa baaseen, hidhattoota WBO kan "humnoota badii" jechuun ibse, filannoon marsaa 7ffaa akka danqamuufi lammiileen nagaan amantaafi sabummaan akka walitti bu'aniif ajjeechaa raawwataniidha jedhe.
"Humnoonni badii kunneen [hidhattoonni WBO] filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa danquuf ergama fudhatanii hojjechaa kan turan ta'us, ... filannoo danquuf karoorri qopheessan dambalii uummataa uumameen kasaaraan irra ga'uu hordofee, uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo ba'annaarratti bobba'an," jedhan hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa.
Tibbana Godiina Arsii aanaalee lama keessatti Dilbataafi Wiixata, gaafa Waxabajjii 1 fi 2, haleellaa gaggeeffameen namoonni 13 ajjeefamuufi bataskaanni tokko gubachuu BBCn jiraattotaafi Kutaa Lallabaa Bataskaana Ortodoksii irraa odeeffateera.
Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ajjeechaa Godiina Arsii keessatti raawwateen gaddi guddaan itti dhagahamuu ibsan.
Ajjeechaa tibbana Arsiitti namoota nagaarratti raawwatame mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootti qabata. Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaan ajjeechaa kana keessaa akka hin qabneefi mootummaan maqaasaanii xureessuuf "ofii kan raawwateedha" jechuun himata.
Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa BBCtti akka himanitti, haleellaa Godina Arsitti gaggeeffame keessaa hidhattoonnisaanii qooda akka hin qabaanne ibsuun, mootummaan hidhattoota ofii bobbaaseen ajjeechaa raawwate jedhu.
"Waraanni Bilisummaa Oromoo gochaa fokkataa akkasii keessaa qooda hin fudhatu," jechun filannoon wal-qabatee uggurri WBOn kaa'een aarii keessa galee mootummaan maqaa balleessiif jecha namoota nagaarratti tarkaanfii akka fudhate himu.
Mootummaan ofiisaa namoota nagaa ajjeesuu isaa ragaa maal qabdu jennee Obbo Jireenyaa gaafannee, "Odeessa keessoo qabna; kan isaan karoorfatanii akka kana nu godhan [uggura daandii cufuu] nuti ammoo akkana isaan goona jedhanii kan isaan walitti haasa'an odeessa keessaa qabna" jedhan.
Halleellaa yeroo garaa garaatti namoota nagaarratti gaggeeffamuuf jiraattonni hidhattoota WBO himatu. Obbo Jireenyaan garuu hidhattoota mootummaan kan WBO fakkeessee bobbaasetu jira jechuun isaan namoota nagaarratti haleellaa akka raawwatan himu.
Inumaayyuu Waraana Bilisummaa Oromoo maqaa balleessuuf humni kaampii leenjii Sanqalleetti leenji'ee bahe akka jirus himu.
"Namni Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaatee hidhatee Shanee Shimallis jedhamee Sanqallee keessatti leenjifamee Waraana Bilisummaa Oromoo maqaa balleessuf bobbaafamuu hin beektuu?" jechuun humni bifa kanaan mootummaan bobbaase jiraachuufi ajjeechaa Arsiitti raawwates humnumti kun raawwachuu himu Obbo Jireenyaan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa gamasaan tibbana Godiina Arsii Aanaa Asakootti namoonni nagaan ajjeefamuun alatti qabeenya uummataafi mootummaarras miidhaan gahuu ibsuun "humnoota shororkeessaa Shaneetu raawwate" jedhe.
Kaayyoon haleellaa kanaa "walfixiinsa uummataa amantaa da'oo godhate uumuuf" kan taasifame ta'uu kan eeru ibsi mootummaa kun, humnoonni nageenyaa dabalataan bobba'uun dhaabsisuu ibsa.
Godinni Arsii bakkeewwan haleellaa namoota nagaarratti irra deddeebin gaggeeffamu keessaa tokko yoo ta'u, mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo itti gaafatamaa godha.
Waraanni Bilisummaa Oromoo ammoo hidhattoonnisaa namoota nagaaf qabsaa'uu malee ajjeesuun kaayyoosaa akka hin taane ibsuun, mootummaan maqaasaanii xureessuuf kan raawwatuudha jechuun mootummaatti quba qabu.
Bifuma wal-fakkaatuuun, Onkololeessa darbe naannoo kanatti haleellaa raawateen namoonni 25 ajjeefamuun booda Sinoodosiin Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa miseensota ishee irratti hammaachaa jiraachuu ibsuun mootummaan mirga jiraachuu lammiilee akka eeguuf gaafattee ture.