Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaan shororkaa finxaaleyyii keessaa fi alaan Itoophiyaatti yaalame fashalaa'eera- Min. Nagaa
Ministeerri Nagaa Itoophiyaa haala nageenyaa waktaawaa fi filannoo gaggeeffame irratti ibsa miiidyaaleef kennanniiru.
Ministirri nagaa Itoophiyaa Mahaammad Idiriis filannoon biyyaalessaa akka karaa nagaa hin gaggeeffamneef shirri finxaalessitoonni biyya keessaa fi alaa yaalan fashalaa'eera jedhan.
Filannoo biyyaalessaa karaa nagaa akka hin gaggeeffamneef jecha yaaliin nageenya booressuu gaggeeffamuu himan.
Humnoonni isaan jedhan kunneen jalqaba uummata kaardii filannoo hin fudhatiinaa, paartilee siyaasaa hiriira yeroo waaman uummanni akka hin argamnee fi guyyaa filannoo ammoo akka sagalee hin kennine danqaniiru jechuun himatan.
Obbo Mahaammad humnooni isaan himatan kunneen ''meeshaa qabna jedhan hundaan humna isaanii guutuu filannoo danquuf yaalaniiru. Garuu hunduu fashalaa'eera'' jedhan.
''Uummann qormaata ture hunda darbuun sagalee isaa kenneera'' jedhan.
Rakkoo naannoo Oromiyaa Godina Arsiitti mudateef Garee Shanee'' jedhu maqaa dhahuun dubbataniiru.
Guyyaa filannoo yaaliin taasisan milkaa'uu dadhabnaan amantaa irratti xiyyeeffatan jedhan.
''Guyyaa filannoo akka harkifatu taasisuuf yaalanii jalaa fashala'e jennaan, korojoo sagalee kenname imalsiisuu irratti dhaabsiisuuf yaalanii innis milkaa'uu dadhabnaan Arsii aanaa Asakootti haleellaa raawwatan'' jedhe.
Haleellaa mana amantaa irratti raawwate kana ''Garee shororkeessaa garee Shaneetu'' raawwate jedhan.
''Guyyaa sana haleellicha dhaabsisuuf yaalaa osoo jiranii miseensota milishaa shan poolisii sadii aarsaa tahaniiru.
Akkasumas miseensonni milishaa fi poolisii osoo humna shororkeessaa waliin walitti dhukaasanii akka uummanni baqatu taasisaa turaniiru. Kana keessa namoonni nagaa afur ajjeefamaniiru'' jedhan.
Obbo Mahaammad ''Bataskaanni Ortodoksii aanaa Asakootti argamu tokko gubateera. Buufanni fayyaa tokkoo fi waajjirri gandaa mootummaa saamameera. Manni jiraattotaa namoota 65 gubateera. Uummanni naannichaa baqatee bahe jira'' jedhan.
Itti dabaluun godina Arsii aanaa Sharkaa keessatti namoonni lama butamanii ajjeefamaniiru. Aanaa Inqollee Waabeetti namoonni lama butamanii fudhatamuun maallaqa kaffalaa jedhamnaii ajjeefamaniiru jedhan.
Haleellaa Aanaa Asakootti Batskaana irratti raawwate keessaa WBO harka hin qbau jechuun mootummaatti quba qabe.
Mintirri Nagaa kun haleellichi dhaqabuu himanii mootumaan ni balaaleffata jedhan. Garuu dhugaa jiru kana tahee osoo jiruu haleellaa kana ilaalchisee akkaataatti miidiyaa irratti himames ni balaaleffanna jedhan.
Haleellicha ni balaaleffanna, kan nama gaddisiisudha. Garuu akkaataatti himamaa fi miidiyaa hawwaasaa irratti agarsiifamu sirrii miti. Hawwaasa walitti buusuuf yaaliin godhamaa jira jedhan.
Naannoo Oromiyaa keessa gadaamota 6000 oltu jira. Uummannis tahe mootummaan naannichaa kabajamanii akka jiraatan hojjetaa turan.
Ha atahu malee miiidyaa hawwaasaa irratti akka waan bataskaana buqqisanii naannoo biraatti godaansisaa jiraniitti suuraa fi viidiyoon qoodamaa ture dubbii ijoo taheera.
Obbo Mahaammad Idiris Kaaba biyya keenyaatti bataskaana ijaaruuf wana ijaarsaaf gargaaru yeroo baatanii deeman viidiyoo fi suuraa fayyadamuun ''Bataskaanni buqqaatee godaanaa jirti'' jedhamuun ibsamuun ''dogogoradha,'' jedhan.
Haleellaa Arsiitti dhaqabe ilaalchisee hoggantoota olaanoo Ortodoksii Itoophiyaa waliin mari'annee maal gochuu akka qabnu irratti waliigalleerra jedhan.
Dabalataan filannoon dura yuunvarsiitii Gondar keessatti haleellaa fanjii dhaqabeen lubbuun barataa darbuu himan.
Guyyaa taphni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa gaggeeffame barattoonni walitti qabamnii osoo daawwatanii yuunvarsiitii Gondar kolleejjii saayinsii fayyaa keessatti Gondaritti fanjii awwaaluun lubbuu barataa tokkoo darbeera.
Barattoonni 26 ol miidhamaniiru. Haleellaa kana duuba humna jiru hin ibsine. Garee shororkeessaa jechuun bira darban.
Naannoo Amaaraa keessa kan socho'uu fi mootummaa waliin wal lolaa jiru humnoota Faannooti.
Naannoo Oromiyaa keessa ammoo Waraana Bilisummaa Oromootu socho'a.