Raayyaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay dhihoo daangaa Sudaanitti walitti bu'an

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kaaba baha Itoophiyaa bakkee Sudaan daangessutti waraana mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti Sambata ganama walitti bu'iinsi mudachuu maddeen garagaraa dubbatan.

Walitti bu'iinsa kana abbaa eegaleerratti bulchiinsi Tigraay TPLF'n hoogganamuufi aangawaa mootummaa federaalaa gidduu wal himataniiru.

Walitti bu'iinsi kuni hooggantoonni gartuu TPLF Bulchiinsa Yeroo Mootummaa Federaalaan hundaa'e diiganii aangoo erga to'atan booda isaaniifi mootummaa federaalaa gidduu muddamni erga cimee booda mudate.

Aangawoonni Naannoo Tigraay harkaa qaban Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa gama Lixa Tigraay bakka addaa Shararinaa jedhamutti ''ifatti waraana'' baneera jechuun himatan.

Aangawoonni bulchiinsa Yeroo Tigraay irraa aangoo fudhatan ALI Adoolessa 25, 2018 ibsa baasaniin ''mootummaan Badhaadhinaa barii Adoolessa 25, 2018 eegalee Lixa Tigraay kallattii Sharariinaatti ifatti waraana baneera,'' jechuun ibsan.

Sambata ganama ''waraanni'' eegale qophiiwwan kana dura turan ''qophii waraanaa, xuxxuqqaafi haleellaa diroonii eegalee'' hordofee ta'uu eere.

Himannaa aangawoota Tigraay irratti gama mootummaa federaalaas ta'e Raayyaa Ittisa Biyyaa wanti ifatti jedhame hin jiru.

BBC'n Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa akkasumas Dubbii Himaa Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Haa ta'u malee, Ministirri Jallisii Itoophiyaa Dr Abirahaam Balaay miidiyaa hawaasummaa isaanii Facebook irratti kan ''waraana bane'' mootummaa osoo hin taane dhaaba naannicha harkaa qabu, TPLF, tahuu himatan.

Mootummaan federaalaafi Boordii Filannoo Biyyaalessaan beekamtii kan dhorkame dhaabi TPLF yeroo adda addaatti tokko isa kaaniin lola narratti banuufi jedhanii wal himataa turan.

Naannichi ibsa baasen mootummaan Badhaadhinaa jedhee ibse erga gara aangootti bahee eegalee ummata Tigraay irratti ''yakka idil-addunyaa raawwateera,'' jechuun himateera.

Dr Abirahaam fuula Facebook isaanii irratti ''humni kuni (TPLF) dargaggoofi daa'imman Tigraay waraana hin beekneefi kaayyoo hin qabne keessatti akka baalaa akka harca'an itti naqaa jira.

''Waraanni kuni ammuma yoo dhaabachuu dideefi dargaggoon Tigraay waloon yoo hin sochoone balaan hamaa ni dhufa,'' jechuun gochicha balaaleeffatan.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhihoo parlaamaa keessatti haasaa taasisaniin TPLF Itoophiyaa 'jeequuf' Ertiraafi qaamolee Itoophiyaa morkatan kaan waliin hojjetaa jira jechuun himatanii turan.

''Guyya guyyaan xuxxuqqaan gama humnoota Tigraay keessa jiraniin lola baay'ee waraana kaasuu danda'an yeroo yeroon ni raawwatamu,'' jechuun himatanii turan.

Dura Taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el torban lama dura ALI Adoolessa 12, 2018 jiraattota magaalaa Maqaleef haasaa taasisaniin mootummaa federaalaa akka morkatan himan.

''Amma akka durii qofaa hin jirru, michuuwwan hedduu qabna,'' jedhan.

Dabaluunis, ''Badhaadhinni ammaan achi Tigraay qofa hin lolu. Humnoonni kaan bulchiinsicha akka yaaddootti ilaalan jiru.

''Ofitti amannus michuuwwan sirna kana kuffisuuf barbaadan qabna,'' jedhaniiru.

Bulchiinsa Tigraay ammaa kan harkaa qaban Dr Dabratsiyoon michuuwwan jedhan biyya keessaa haa ta'u alaa wanti dubbatan hin jiru.

Dabratsiyoon nagaan mariin qofaa dhufuu akka hin dandeenye ibsanii humna waraanaa naannichaa cimsuun akka barbaachisu cimsanii dubbatan.

Aangawoonni Tigraay ibsa gaafa Sambataa baasanin ummata Tigraayiif ergaa dhaamaniin ''seenaa hojjechuuf qophaa'aa'' jechuun dhaame.

Kaaba Itoophiyaatti waraanni waggaa jaha dura adeemsifame lammiilee kuma dhibbaan lakkaa'aman akka galaafate ibsama.

Waraanni kunis jaarsummaa Gamtaa Afrikaan Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti waliigalteen xumurameera.

Haa ta'u malee, waggoota dhihoo tokko isa kaaniin waliigaltee kana cabsite jechuun himata.

Gamtaa Afrikaa dabalatee qaamoleen garagaraa walitti bu'iinsi akka deebi'ee hin kaane akeekkachiisaa turan.

TPLF akkaataa Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay duraanii Lt. Janaraal Taaddasa Warradaa dheerate mormuun Waliigalteen Piritooriyaa cabe jedhe.

Eegasii gartuun TPLF Dr Dabratsiyooniin durfamu aangoo naannichaa fudhachuu labse.

Dhihoommoo TPLF dargaggoota Tigraay dirqiin leenjii waraanatti galchuuf butaa jira jedhamuun irra deddeebiin himatamaa ture, dhaabichi garuu ni waakkata.

Dargaggoonni baay'ees dirqiin waraana seenurra baqachuuf naannichaa akka baqataa turan gabaafamaa tureera.

Walitti bu'iinsi tibbanaa Kaaba Itoophiyaatti waraanni biraa deebi'ee ka'a sodaan jedhu yeroo kamuu caalaa cimetti dhagahame.