Vinishiyees Riyaal Maadirid waliin kontiraata haaraa waggaa jahaa mallatteesse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taphataan Riyaal Maadirid Viniishiyees kileba isaa Riyaal maadirid waliin kontiraata haaraa waggaa jahaa waliigale.

Viiniishiyes kontiraata haaraa haga bara 2032tti turu mallatteesse. Viinii fi Riyaal Maadirid dhimma kontiraata haaraa irratti osoo walii hin galiin waan turaniif kileboonni hedduu taphaticha gaafataa turan.

Kan isa hafe ji'oota 12 kan hin calle ture. Arsenaal gara Piriimer Liigiitti fiduuf yaalii guddaa godhee ture.

Viiniishiyes garuu galmi isaa kilebuma isaa keessa turuu kan jedhu ture.

Erga bara 2018 Riyaal Maadirid keessa kan ture Viiniishiyees Inistaagiraamii isaa irratti ''Bernaaboo keessa waggoonni saddet baay'ee gabaabduudha....waggoota jaha dabalataa barbaachisa. Sana booda haga bara baraatti'' jechuun barreesse.

Kilebichis ibsa baaseen ''Viiniishiyees seenaa milkaa'ina kilebichaa keessatti taphataa murteessaadha,'' jedhe.

Haga Roobii darbe Riyaal Maadirid kontiraata haaraa dhiyeessutti waliigaluu hin dandeenye ture.

Viiniishiyes bara 2018 kileba Biraazil Filaamiingoo jedhamu irraa Riyaal Maadrid gale.

Garuu kontiraata isaa dheeressuuf yoo xiqqaate ji'oota 18 mari'ataa turan. Garuu waliihin galle ture.

Amma kileba ''abjuukoo ijoollummaa ture'' jedhe keessa turuuf murteesseera.

Wiixata darbe shaakala hojjechuuf gara kilebichaatti deebi'eera. Viiniin taphoota 375 irratti galchii 128 Riyaal maadiridiif lakkoofsiseera.

Waancaa Shaampiyoonsi Liigii lama, Laaliigaa sadii fi Kooppaa Del Rey Riyaal Maadirid waliin mo'ateera.

Maadirid guyyuma Yaan Diyaamondee paawondii miliyoona 120 mallatteessisuu ibsee ture Viiniishiyes waliinis waliigaluu kan beeksise.

Maadirid dhiyeenya waancaa Laaligaa waan dhabeef taphattoota haaraa mallatteesisaa jira. Baranuma qofa taphattoota jaha mallatteessisan.

Bernaandoo Silvaa, Ibiraahim Konaatee, Denzel Daamfiris, Maark Kukurellaa fi Kaarlos Espi fa'aa kanneen kilebichaaf mallatteessanidha.

Dabalataan Maanchister Siitii irraa Roodirii barbaadu. Garuu Baarseloonaan Roodirii gaafachaa jira. Roodiriin dursa Baarseloonaaf akka kennu himnaan Riyaal Maadirid dorgommicha keessaa akka bahu ibse.

Roodiriin taphattoota garee biyyaalessaa Ispeen hedduu waliin taphatan Baarseloonaa keessatti waan beekuuf filannoo isaa godhate.

Arsenaal Viinishiyes waan dhabeef taphataa sarara duraa tokko barbaada. karaa bitaarra taphachaa kan ture Tiroosaad waan kilebicha gadhiiseef taphataa haaraa dabaluun isaanii hin hafu.

Arsenaal Buruunoo Gimaaresh Niwkaasil irraa mallatteeisseera. Paawondii miliyoona 70 ol baasuun taphataa sarara gidduu kana mallatteesisan.

Cheelsiin taphattoota 41 garatti geessu dhabee rakkataa jira. Taphattoonni galmeessuu danda'an 25 qofa. Maallaqa guddaa baasaa kan ture Cheelsiin amma kileba deebisee irraa bitu barbaadaa jira.

Maanchister Yuunaayitid ammayyuu taphataa sarara gidduu dabalataa kam akka mallattesisu hin ibsine.