Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Ertiraan UNtti Daayireektara Rifoormii Hawaasaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa taatee filamuun mormii kaase

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ertiraan Daayireektara Rifoormii Hawaasaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa taatee filamuun ishee mormii kaase.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Saawudii, Turkiifi Paakistaan waliigaltee tumsa waraanaa waliif mallatteessan

    Biyyoonni sadi: Saawudii Arabiyaa, Turkiifi Paakistaan waliigaltee waraanaa yeroo rakkinaa waliif mallatteessan.

    Waliigaltee kana waliif mallatteessuunsaanii kan dhagahame ilmi mootii Saauwudii Mohaammad biin Saalmaan, Pirezidaaniin Turkii Raasip Xaayib Erdogaanifi Ministiirri Muummee Paakistaan Shebaaz Shaariif magaalaa Makkaatti wal-arguun erga maritanii boodadha.

    Akkaataa waliigaltee waraanaa biyyoonni kun waliif mallatteessaniitti, haleellaan biyya tokkorratti yoo gaggeeffame akka waan sadan isaanirrattuu gaggeeffameetti fudhachuun waliif duulu.

    Waraanni Iraanifi US gidduutti gaggeeffamu Saawudiis harkisuu danda'a yeroo jedhamuuttiidha biyyoonni kun sadan waliigaltee tumsa waraanaa kan waliif mallatteessan.

    Saawudii Arabiyaafi Paakistaan duraanuu waliigaltee waraanaa waliif mallatteessanii turan.

    Amma immoo Turkii dabalachuun waliigaltee tumsa waraanaa waliif mallatteessuu ifatti beeksisan.

  2. Ertiraan UNtti Daayireektara Rifoormii Hawaasaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa taatee filamuun mormii kaase

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ertiraan Daayireektara Rifoormii Hawaasaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa taatee filamuun ishee mormii kaase.

    Ertiraan daayireektara mana marichaa taatee kan filamte bara 2026f yoo ta'u, sochii UN hordofuun kan beekkamu dhaabbanni UN Waach jedhamu filamuu Ertiraa mormee jira.

    Ertiraan biyya addunyaarratti mirga namootaa sarbuun beekamtu taatee osoo jirtuu, mirgooni namoomaa akka kabajamaniif gaggeessuuf filamuu hin qabdu jechuuni dhaabanni kun mormii qabu kan dhiyeesse.

    "Abbootii irree addunyaarraa mirga namaa ukkaamsuun beekaman keessaa tokko kan taate [Ertiraan] itti gaafatamtuu dhaabbata mirga namoomaa tiksuu gochuun qoosaa fokkisaadha," jechuun qeeqe dhaabbanni UN Waach ibsa kaleessa baaseen.

    Dabaluunis, namoonni sarbama mirga namoomaa guddaa raawwachuun himataman dhaabbata kaayyoonsaa ijoon mirga namoomaa eeguu ta'e akka gaggeessan filachuun sirrii akka hin taane ibsan, daayireektara dhaabbata UN Waach kan ta'an Hileel Nooyaar.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen mirga namaaf falman garaa garaa Ertiraan addunyaarraa biyyoota mirgi namaa gar malee keessatti sarbamu keessaa tokko ta'uu yeroo garaa garaatti gabaasa ni baasu.

  3. Taayilaanditti barataan dhukaasan mana barnootaa fi qe'eetti akaakuuwwan isaa dabalatee heddu fixe

    Barataan mana barataan sadarkaa 2ffaa Jimaata Taayilaanditti mana barnootaa keessatti haleellaa raawwate yoo xiqqaate namoota jaha ajjeesee kaan madeessuu poolisiin hime.

    Haleellaan kun mana barnootaa sad.2ffaa Dabsiriin Nontaaburii kan kutaa bulchiinsa Nontaaburii kaaba lixa magaalaa guddoo biyyattii keesatti argamutti raawwatamuu dubbii himaan Poolisii Taayilaand Tiraayiroong Piwpan Associated Press'tti himan.

    Yaadni aangawoota mootummaa wal faallessa.

    Tiraayirong akka jedhanitti barataan haleellaa kana raawwate miidhamee ofii hospitaalatti yaalamaa jira.,

    Barsiisota shan, barattootni sadi yoo ajjeefaman namoonni biroo 30 ta'an madaa'an, lama immoo akka malee madaa'an.

    Ministirri Fayyaa Patana Piroomfaat namoonni 22 madaa'uu fi isaan keessaa 9 akka malee madaawuu ibsan. Gariin isaanii kufanii akka miidhamuu fi kuun akkamiin akka rukutaman hin baramne jedhan.

    Ministirri Deetaan Dhimmoota Biyya Keessaa Polapee Suwunchwee barsiisota shantu ajeefamuu fi barataan kun mana barnootaa dhaquu dura manattis akaakuuwwn isaa lama ajjeesuu himan. Barataan haleellaa kana raawwates hospitaalatti du'uu ibsan.

    Barataan haleellaa kana raawwate akaakuwwan isaa waliin jiraachaa ture. Umriin isaa ganna 14 kan ta'u barataan kun rasaasa 26 dhukaase jedhe poolisiin. Qawween inni dhukaase kan akaakayyuu isaa ta'uus hime poolisiin.

    Maaltu akka barataa kana haleellaaf kakaase kan jedhu qoratamaa jira.

  4. Senegaal prezdantii arrabsitan jechuun tiktookaroota sadi hiite

    Manni murtii Senegaal tiktiikaroota pirezdantii biyyattii arrabsan jedheen hidhaa fi maallaqaan adabuu abukaatoon isaanii yaada viidiyoo miidiyaa hawaasaa ofiirratti maxxanseen hime.

    Kanneen murtoo kan qeeqan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu waan sarbu jedhan.

    • Tiktookaroonni sadan chaanaalii Feenal Digital jedhamuuf oonlaayinii kan dalagan yoo ta'u, innis qabiyyeewwan ministira muummee duraanii aangorraa darbataman Osmaan Soonkoo, kan paartii ​PASTEF keessa ture deggaru jedhuun gariiin.
    • Sonkoon ji'a darbe michuu isaa Pirezdant Bassirou ​Diomaye Faye, Irraa adda bahuun paartii isaarraa adda bahee paartii ofii hundeeffate .
    • Kaayyoon Feenal Digital akka fuula Facebook isaaniirratti ibsametti sochii mootummaa fi sekteera dhuunfaa guddisuu dha.
    • Mandoumbe Diop ykn Lamignou Darou jedhamuun tiktookarri beekamu adabbii hidhaa cimaa ji'a sadiin adabame. Inni namoota sadan keessaa dhiibbaa guddaa kan qabu yoo ta'u, TikTok irratti hordoftoota 500,000 ol qaba. Viidiyoon isaas yeroo baay'ee namoota kuma kurnaniin lakkaawamaniin daawwatama.
    • Magueye Diaw (Oustaz Thiep) fi Moustapha Ndiaye (Ndiaye Touba) tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa ji'a lama lamaan akka adabaman itti murtaaye.
    • Abukaatoon isaanii Abdy Nar Ndiaye, ergaa TikTok irratti baaseen waan qoosaa fi kolfisiisaa dha, yakki isaan adabsiisu hin turre jedhe. Nama gaddisiisas jedhe.
    • Diaw fi Ndiaye tokkoon tokkoon isaanii maallaqa Doolara $800 akka adabamanis ibseera.
    • Feenal Digital fi dubbi-himaan mootummaa dhimma kanarratti yaada akka kennaniif gaafatamanis ammatti deebii hin kennine.
  5. Haleellaan Huutiin Sa'udi irratti raawwatteen namoonni nagaa 11 madaa'an, Sa'udin balaa guddaatu dhalata jette

    Haleellaan Huutiin Yaman Kamisa kibba Sa'udi Arabiyaatti raawwatteen namoonni nagaa 11 madaawuu aangawoonni waraanaa himan.

    Sa'udi Arabiyaan immoo Huutii fi milishootni Iraaq Iraaniin deggaraman haleellaa qindaa'aan raawwachuun isaanii waan hin oolle jechuun akeekkachiifte.

    Dubbii himaan Gamtaa Waraanaa Sa'udiin hogganamuu Meejar Jeneraal Turkii Al- Maalikii Jimaata haleellaan kibba Sa'udi kutaa bulchiinsa Kibba Najran lammiilee Sa'udi torba, Yamanii tokko, Masrii lamaa fi Paakistaanii lama madeessuu himan.

    Miidhamtoota keessa daa'imni ganna 4 gubatte keessati argamti. Maalikiin Huutiiwwan Yaman lammiilee nagaa adda osoo hin baafatin haleeluudhaan sarbama seera namoomaa idil addunyaa raawwachuun himatan. Gamtaan waraanaa Sa'udiin durfamu lammiilee nagaa eeguuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu ibsan.

    Waayee Gamtaa Waraanaa haaraa hundaaye kanaa Huutiiwwanii fi Iraan yaada hin kennine, Waraanni ji'oota jahaa US fi Israa'el Iraanirratti banan nageenya Sa'udi Arabiyaa wal xaxaa godheera.

    Walitti bu'iinsi waggoota 10 caale kan Huutii fi Sa'udi waraana ammaa kana babal''isaa jira. Huutiiwwan Galaana Diimaa Sa'uditti cufuun gurgurtaa boba'aashee danqan, Giddugaleessa Bahaattis waraana biraa dabaluuf karaa banan.

    Aangawaa olaanaa Sa'udi kan eenyummaan isaa hin eeramne ragaaleen tikaa Sa'udi, US fi Biyyoota Baha Jiddugaleessaa Huutiiww anii fi milishoonni Iraaq hordoffii Eegdota Warraaqsaa Iraan jala jiran yeroo dhiyootti haleellaa qindaa'aa misoomawwan Sa'udi Arabiyaa akka boba'aa, buufataalee galaanaa fi buufata xiyyaaraa irratti haleellaa qindaa'aa raawwachuu akka barbaadan agarsiisa jedhan.

    Riyaad tumsa nageenyaa jabaa michoota ishee jajjaboo faana gochachuu feeti. Balaan Iraanii fi michoota ishee naannichatti babal'achuu akka danda'us akeekkachiifte.

    Turkii, Sa'udi Arabiyaa fi Paakistaan biyyoota Jimaata waliigaltee waraanaa Sa'udi keessatti mallatteessan akka ta'an Rooytarsi gabaase. Waliigaltichi maal akka jedhu hin baramne. Saa'udin tana duras Paakistaan waliin waliigaltee waraanaa mallatteessite.

    Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaaz Sharif Sa'udi galaniiru. Pirezdantiin Turkii Tayib Erdohaanis Jimaata achi gahu jedhamee eegama.

  6. Hidhattoonni Huutii loltoota mootummaa Yaman heddu ajjeesuun himame

    Hidhattoonni Huutii Yaman bakka loltoota mootummaa Yamaniin qabaman irratti haleellaa gaggeessuun yoo xiqqaate loltoota 30 ajjeesan.

    Loltoonni mootummaa Yaman, kan beekamtii idiladdunyaa qabuu, kunneen kan ajjeefaman, haleellaa misaa'elaafi diroonii hidhattooni Huuti gaggeessaniini jedhame.

    Haleellan kun kan gaggeeffame kaampiwwan loltoota mootummaa kan giddugala Yamanitti argamurratti gageeffameeni.

    Ministiirri Fayyaa Yaman haleellaa hidhattoonni Huuti gaggeessan balaaleffachuun, nageenya naannichaallee kan booressu ta'uu ibse.

    Huutiin garuu humna guddaa Sawudiin bakkichatti gurmeessite ta'uu ibsuun, haleellaa gaggeessuuf dirqamuu beeksise.

    Hidhattoonni Huutii Iraanin kan deeggaraman yoo ta'an, mootummaan Yaman beekamtii idiladdunyaa abu Saawudii Arabiyaatiin deeggarama.

    Yaman waraana waliinii bara 2014 eegaleen bakka lamatti, Huutiifi mootummaa biyyattiin to'atametti, qoodamtee jirti.

    Huutiin magaala guddoo biyyattii Sana'aa dabalatee Kaaba Yaman harka caalu kan to'ate yoo ta'u, mootummaan Yaman ammoo magaalaa Edan buufachuun kibba biyyattii bulcha.

  7. Iraan 'basaastota Israa'el' hedduu to'achuu beeksiste

    Mootummaan Iraan namoota Israa'eliif basaasun shakkaman heddu to'achuu beeksise.

    Ministeerri Tikaa biyyattii basaastota tika Israa'el, Mossad, waliin hidhata qaban 21 to'annaa jala oolche jedhe.

    Tiki Iraan akka ibsetti, namoonni Israa'eliif basaasun shakkaman kunneen kan to'ataman bulchiinsa kibba Iraanitti argamtu, Kermaan keessatti.

    Oppireshinii namoota tika Israa'el, Mossad, waliin hidhata qaban irratti taasifameen akka to'ataman kan ibsite Iraan, namoonni kunneen odeeffannoo murteessoo ta'an walitti qabaa turuun himate.

    Odeeffannoo icciitii kanneen akka bakkeewwan buufata waraanaa, sirna ittisaa Iraan fa'aa sassaabuun tika Israa'eliif ergaa turuusaanii ibse Ministeerri Tikaa Iraan ibsa baasen.

    Israa'el garuu himannaa Iraan dhiyeessite kana ilaalchisee hanga ammaa homaa hin jenne.

    USfi Israa'el Guraandhala 28 Iraanirratti waraana erga labsanii as, Tehraan namoota tika Israa'elifii biyyoota kaan waliin hojjatu jette heddu to'achuufi kaansaanii du'aan adabuu yeroo garaa garaatti beeksisaa turte.

  8. Parlaamaan Ugaandaa Gaazaatti loltoota bobbaasuuf eeyyame

    Parlaamaan Ugaandaa waraanni biyyattii Gaazaatti akka bobba'u wixinee mootummaan dhiheesse raggaasise.

    Yugaandaan kan kana goote waamicha Yunaayitid Isteet irraa dhufeefiini.

    Wixinee kana Ministeerri Ittisaa Yugaandaa, Kiryowaa Kuwaanukaatu parlaamaatti dhiheesse.

    Waraanni Ugaandaa oppireeshinii nagaa kabachiisaa idil-addunyaa keessatti gumaatuuf muuxannoo qaba jechuun dubbatani.

  9. US haleellaa haaraa banti taanaan Iraan bu'uuraalee misoomaa biyyoota Galoo Galaanaa haleeluf itti dhaadatte

    US haleellaa haaraa kan bantu yoo ta'e, Iraan biyyoota Galoo Galaanaa akka haleeltu akeekkachiiste.

    Maddi oduu Rooyitars maddeen Iraanirraa waabeffachuun akka gabaasetti, US haleellaa bifa haaraan kan bantu taanaan Iraan ammoo bu'uuraalee misoomaa biyyoota Galoo Galaanaa akka haleeltu akeekkachiiste.

    Tiraamp Adoolessa 28 bu'uuraalee misoomaa Iraan haleella jedhee erga itti dhaadatee booda, Iraan mariyachuu barbaaddi jechuun haleellaa sana haquu beeksisee ture.

    Tiraamp haleellaa bifa haaraan akka gaggeeffamu taanan, Iraanis bu'uuraalee misoomaa biyyoota Galoo Galaanaafi michoota US ta'anii haleeluun haaloo akka baatu akeekkachiistetti.

    US haleellaa kan gaggeessitu taanan, Iraan ammoo bu'uuraalee misoomaa biyyoota Galoo Galaanaa haleeluuf karoorfachuunshee ministiirri dhimma alaa biyyattii Abbaas Araagchii biyyoota akka Saawudii Arabiyaa, Turkiifi Paakistaan beeksisuu isaanii ibsa gabaasi Rooyitars kun.

    Biyyoonni michuu US ta'an kunneen hariiroo Tiraamp waliin qaban fayyadamanii haleellaan haaraan kamuu Iraanirratti akka hin gaggeeffamne dhiibbaa akka godhanis Abbaas Araagchii gaafataniiru.

    Haleellaan haaraan kan gaggeeffamu taanan, biyyoonni USdhaaf buufata waraanaa kennan kunneen haleellaa Iraaniif akka saaxilamanis akeekkachiisaniiru dippilomaatiin biyyattii kun.

  10. US hanqinni meeshaa waraanaa mudachuu kanneen odeeffannoo baasan hidhaa cimaatu isaan mudata jedhe Tiraamp

    US Iraan waliin waraanatti seenuu hordofee hanqinni meeshaalee waraanaafi dhukaatuwwanii ishee mudachuun gabaafamaa ture.

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp kanneen hanqinni meeshaalee waraanaa mudateera odeeffannoo jedhu soba jechuun kanneen odeeffannoo kana baasan hidhaa cimaan akka isaan eeggatu dubbate.

    US dhiyeenya Iraan haleeluu kan dhaabde keessumaa hanqinni misaa'eloota tarsiimawaa ta'aniifi sirna ittisaa man-kuusaa keessaa haphachuurraa kan ka'e ta'uu miidiyaalen biyyattii gabaasanii turan.

    Tiraamp gabaasi miidiyaalee kanneenii dhara jechuun, inumaayyuu "meeshaalee waraanafi dhukaatuwwan murteessoo lakkoofsaan guddaa ta'e qabna," jechuun kanneen odeeffannoo "sobaa" tamsaasan adabbiin akka eeggatu fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa Truth Social irratti barreesse.

    Dhukaatuuwwan lakkoofsaan guddaa ta'an omishamaa jiraachuu ibsuun, "dhaabbileen ittisaa seenaa Ameerikaa keessatti warshaalee omisha meeshaa waraanaa ijaaraa jiru" jedhe.

  11. Wayita mariin Roomitti taa'amaa jirutti Israa'el kibba Libaanos haleelte

    Israa'el Roobii loltoonni lama kibba Libaanositti jalaa ajjeefamnaan kibba Libaanositti haleellaa raawwatte, Roomitti immoo mariin nagaa taa'amaa jira.

    Aangawoonni Libaanos haleellaa haaloo ba'uuf Israa'el raawwatteen yoo xiqqaate namni tokko ajjeefamuu ibsan. Haleellaan kun wayita mariin marsaa dhumaa biyyoota lamaan jidduutti deemaa jirutti ta'e.

    Biyyoonni lamaan Roomitti mariirra jiru, Mariin kun Kibxata kan eegale yoo ta'u, hanga Kamisaatti itti fufa jedhama. Mariin nagaa kun marii Adoolessa Waashingitanitti taa'amee fi naannawa daangaatti dhukaasa dhaabuuf waliigalame booda itti fufe.

    Waliigalteen sun raawwatamus Israa'el kibba Libaanositti haleellaa hin dhaabne, loltootas daangaa Libaanos keessaa hin baafne.

    Israa'el yaaddoo kiyya kan jettuun maandhee Hezboolaati jettee waan himattuuf loltoota ishee daangaarra tursiisuu himti.

    Loltoonni ishee lama ajjeefamanii afur immoo kan madaa'an dho'iinsa loltoota nagaa kabajchiisan mudateeni jedhameera.

    Dho'iinsi kun gamoo isaan sakatta'iinsaaf itti seenan irraa ta'uu Raadiyoon Waraanaa Israa'el Kamisa gabaase.

    Raadiyoon waraanaa qaamolee nageenyaa Israa'el wabeeffachuun akka gabaasetti dhootuwwan kunneen dhukaasni dhaabbachuu dura haa ta'uu booda yoom akka awwaalaman hin beekamu.

    Waraanni Israa'el gochaa kana "waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuu Hezboolaan raawwatame" jedhee ibse.

  12. Iraan ji'oota afur keessatti namoota 56 du'aan adabde

    Iraan Bitootessa darbee as namoota nageenya biyyaalessaan walqabatee himatte 56 ta'an du'aan adabuu komishiniin mirgoota namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ibse.

    Komishinarri komishinichaa Voolkar Tark ibsa baasaniin namoota du'aan adabaman keessaa 27 kan ta'an hiriira nagaa Amajjii darbe Iraan keessatti ba'ameen kan walqabateen adabamuu eeran.

    Hiriira sanarratti namoonni hedduun kan ajjeefaman yoo ta'u mootummaan Iraan hookkara mudateef Ameerikaa himatee ture.

    Ibsi komishinii mirga namoomaa UN kun Iraan erga US fi Israa'el waliin waraanatti seentee as lakkoofsi namoota du'aan adabamanii dabaluu eere.

    Komishinar Tark aanga'oonni Iraan murtee du'aa dabarsuu akka dhaaban waamicha dhiheessaniiru.

    Haata'u malee aanga'oonni olaanoon jaarmiyaalee haqaa Iraan, namoonni hiriira sanarratti hirmaatanii fi yeroo Ameerikaa waliin waraanni gaggeeffamaa turetti to'atamuun kanneen himataman adabbiin du'aa akka itti murtaa'uu fi adabbiin kunis hatattamaan akka raawwatamu irra deddeebiin waamicha dhiheessaa turan.

  13. Dursaan garee kubbaa miilaa Yugaandaa wanbadeedhaan ajjeefame

    Dursaan garee kubbaa miilaa kilaba SC Villa Yugaandaa wanbadeedhaan ajjeefame. Taphataa cimaa garee biyyaalessaa biyyattii kan ta'e dargaggeessi ganna 27 Yugaandaa kun reebicha dhiyeenya mana isaa magaalaa Kaampaalatti argamutti irratti raawwatameen ajjeefame.

    Poolisiin akka jedhetti Deevid Oworii akka malee reebame, kanneen isa reeban bilbilaa fi waan inni qbau harkaa fudhachuuf isa qabanii ofirraa faccisaa ture. Booda reebicha wanbadoota kanneeniin lubbuu dhabe.

    Taateen kun Yugaandaa keessatti rifaatuu fi dheekkamsa uummataa jabaa uumeera.

    Oworiin dursaa kilaba Ispoort Kilab Viilaa jedhamuu kan riikardii shaampiyoonaa qabuu ture. Oworiin ittisaa fi taphataa sarara gidduu ta'ee taphataa ture. Garee biyyaalessaa Yugaandaas bakka bu'ee taphata.

    "Taphataa ol nama ta'e dhabne-hogganaa dhabne, obboleessaa fi hiriyaa dhabne," jedhe kilabni SC Villa ibsa baaseen.

    Kanneen ijaan argan gareen wanbadee isa ajjeese bilbilaa fi waan qabu irraa fudhachuun duratti dhakaa qara qabu (qillisaadhaan) reebuu himan. Achiis gaggabee of wallaaluu dubbatu.

    Dubbii himaan kilba isaa Asan Kasingye taphataan kun ollaasaatti haleellaaf saaxilamuu hime.

    Oworiin gara kilinikaa fudhatamus damdamachuu hin dandeenye. Roobii lubbuun isaa darbe.

    Poolisiin yakka ajjeechaa Oworii qorachaa akka jiru beeksise.

  14. Yukireen buufata qulqulleessa boba'aa Raashiyaa guddicha haleelte

    Viidiyoowwanii fi suuronni mirkanaa'an hedduun miidiyaa hawaasaarra naanna'an aarri guddaan buufata qulqulleessa boba'aa Raashiyaa Yaaroslaavil irraa bahaa jiraachuu mirkaneessu.

    Bakki kun magaalaa guddoo Mooskoorraa kaaba bahaatti 280km fagaata.

    Miidiyaaleen Yukireen buufatichi haleellaa diroonii Yukireen Kamisa ganama raawwatte booda gubachaa jiraachuu gabaasan.

    Suuraaleen miidiyaa hawaasaa akka agarsiisanitti buufatichatti iddoowwan afuriin abiddi itti qabate. Buufatni kun daangaa Yukireen irraa 700km fagaatee argama.

    Pirezdantiin Yukreen Volodymr Zeleniskii Yukireen buufatawwan qulqulleessa boba'aa Raashiyaa lama haleeluu ibsan.

    Humnoonni Ittisa Yukireen buufataalee boba'aa Slavneft-Yanos kan Yaaroslaavil keessatti argamuu fi buufata Bashneft-Novoil kan Baashkoortostaan keessatti argamu haleeluu Zeleniskiin miiidyaa hawaasaa ofiirratti barreessan.

    Kana malees dooniiwwan paatroolota waraanaa fi dooniiwwan Raashiyaa kan biroo Galaana Gurraacha keessatti haleeluu beeksisan.

  15. Qindoominni Sa'udiin biyyoota ollaa waliin goote Itoophiyaaf maal akeeka?

    Sa'udiin Masriifi biyyoota ollaa Itoophiyaa ofitti dabaluun qindoomina waraanaa Galaana Diimaa balaarraa tiksuuf kaayyeffate ijaaruu dhihoo beeksisteetti.

    Kunis erga hidhattoonni Huutii Yaman keessaa Iraaniin deeggaraman koriidara daldalaa addunyaa keessaa ijoo ta'an keessaa tokkoorratti haleellaa banuu ibsan boodadha.

    Qindoominni Sa'udi kuni kan dhagahame yeroo dhiibbaan waraana Ameerikaafi Iraan dinagdee addunyaa miidheefi ulaawwan daldalaa rakkoo buusettidha.

    Gama kaaniin, sochiin Sa'udii kuni yeroo Itoophiyaan bulchiinsa Galaana Diimaa keessatti qooda fudhachuuf gaaffii yeroo cimsaa jirtu mudate.

    Qindoomini kuni Itoophiyaaf maal akeeka? Dorgommii Sa'udiifi Yunaayitid Arab Emireetirrattihoo? Akkasumas, eenyutu keessa jira kan jedhu ilaalla. Gabaasa guutuuf; Qindoominni Sa'udiin biyyoota ollaa waliin goote Itoophiyaaf maal akeeka?

  16. Gareen kubbaa millaa biyyaalessaa dubartootaa Afgaanistaan fageenya kiilomeetira 1,300 ta'urraa deebi'ee walarge

    Gareen kubbaa miillaa dubartootaa biyyaalessaa Afgaanistaan bara 2007 kan hundaa'e ta'us, garuu ergasii qindaa'ee taphachuu hin dandeenye.

    Miseensonni garee kanaa Awustiraaliyaa, UK fi Poorchugaal dabalatee biyyoota addunyaa garagaraa keessa faca'anii jiru.

    Gareen kun erga hundaa'ee qindoomina uumee jabaatee hin beeku. Ergasii garuu duula waggootaaf gaggeeffameen baqattoonni biyyoota alaa jiran garee Tokkummaa Dubartoota Afgaanistaan jedhamu uuman.

    Gareen kun biyya bakka bu'ee dorgommiiwwan idiladdunyaarratti hirmaachuuf Federeeshinii Kubbaa Miillaa Afgaanistaan irraa beekamtii argachuu qaba ture.

    Garuu mootummaan Taalibaan, kan bara 2021 Hagayya keessa aangoo qabate akka dubartoonni kubbaa taphatan waan hin eeyyamneef sochiinsaanii gufatee hafeera.

    Haata'u malee jaarmiyaan kubbaa miillaa addunyaa bulchu FIFAn gareen kun biyyasaanii bakka bu'uun dorgommiiwwan addunyaarratti hirmaachuu akka danda'an murteesseera.

    Erga FIFAn murtee kana dabarsee gareen dubartootaa Afgaanistaan bakka jiran hundaa walitti dhufuun waliin shakkala eegalaniiru.

    Gareen kun dorgommiiwwan Olompikii fi Waancaa Addunyaaf of qopheessuu akka danda'an FIFAn eeyyameera.

    Gareen taphattoota 23 of keessaa qabuu fi baqattoota Afgaanistaan biyyoota addunyaa garagaraa keessa jiraatanirraa ijaarame kun Niwu Ziilaanditti walga'eera.

    Tapha Cook Islands waliin taphataniif wayita shaakala taasisan- kutaa uffata itti jijjiirratanirraa hanga dirree seenuutti miirri ture adda.

    Wayita faaruun alaabaa biyyasaanii faarfatamu taphattoonni kunneen miira gammachuu fi imimmaan wal makeen mul'atan.

    Gareen kun erga FIFA irraa eeyyama argatanii yeroo jalqabaaf bakka tokkotti walga'an.

    Gareen dubartootaa Afgaanistaan Ooklaanditti taphoota lama kan taphate yoo ta'u, tapha jalqabaa 1 fi 0 dhaan, tapha lammataa ammoo 3 fi 0 dhaan injifatamus garuu akka garee reefuu walitti qindaa'aa jiruutti ga'umsa gaarii agarsiiseera.

    Gareen kun tapha kanarraa injifannoo ykn goolii qofa miti kan hin eege, tapha akkasiirratti hirmaachuun mataansaa isaaniif seena qabeessa.

    Amma tokkummaansaanii deebi'eera, garuu mootummaa biyyasaanii, bulchiinsa Taalibaan irraa ammallee eeyyama hin arganne.

    FIFAn garuu dorgommii kamiifuu of qopheessuu akka qabanii fi biyyasaanii bakka bu'uu akka danda'an ibseera.

    BBCn murtee FIFAn garee dubartootaa Afgaanistaan irratti dabarse irratti yaada Taalibaan gaafateera.

    Daarektarri ispoortii bulchiinsa Taalibaan Ahmadullaah Waasiq gaaffii kana kuffiseera.

    Garuu FIFAn dubartootaaf eeyyamuu qofa osoo hin taane Afgaanistaan keessas seenuu akka waliigalaatti damee ispoortii biyyattii deeggaruu akka qabu gaafate qondaalli Taalibaan kun.

    FIFAn erga Taalibaan aangoo qabatee guutummaatti Afgaanistaan keessaa ba'e.

    Duraan FIFAn deeggarsi ispoortii Afgaanistaaniif kan kennamu yoo gareen dubartootaa akka taphatan eeyyamameef qofa jedhee ture.

  17. Abukaatoon Obbo Taayyeefi hogganoonni siyaasaa IHAAPPAA to'ataman 'shororkeessummaan' himataman

    Abukaatoo Obbo Taayyee Danda’aa fi namoonni biroo lama hoggansa Paartii Warraaqsaa Ummata Itoophiyaa (IHAAPPAA) tahan hidhattoota waliin tahuun biyya keessatti jeequmsa kaasuuf hojjechaa jirtu jedhamuun yakka shororkeessummaan himatamuu gabaafame.

    Poolisiin federaalaa namoota sadeen hidhattoota biyya keessaa fi humnoota alaa waliin qindaa’uun yakka shororkeessummaa qindeessaa jirtu jechuun himate jedhe gabaasichi.

    "Hoggantoota TPLF waliin tahuun dhoksaadhaan mari’achuun kutaalee magaala Finfinnee adda addaa keessatti haleellaa shororkeessummaa dhaabbilee nageenyaa mootummaa fi qondaalota mootummaa olaanoo irratti raawwachuuf osoo qophaa’anii to’annoo jala oolfaman’’ jechuu Addis Standard Poolisii Federaalaa wabeeffatee gabaase.

  18. Huutin taankarii boba'aa Saa'udii haleellaan sochiin tiraafikaa dooniiwwanii haphate

    Roobii sochiin dooniiwwanii Ulaa Hormuuzii fi Baab-el-Mandab keessaa sadarkaa olaanaan gadi bu'uu ragaaleen ni agarsiisu.

    Ulaa Hormuuz keessa dooniiwwan lama alaabaa paanaanaa mirmirsan qofatu dabre akka ragaan Kpler agarsiisutti. Guyyaatti ulaa kanarra dooniiwwan saddeet darbaa ture as dura.

    Sochiin tiraafikaa waraana US fi Israa'el Iraanirratti banan dura ulaa kanarra guyyaatti dooniiwwan 130 hanga 140tu dabraa ture. Iraan Ulaa Hormuuz cufuu isheetiin danqamni mudate.

    Karaa Baab el Mandab doonii shaqaxa baatte kan alaabaa Bahamas mirmirsitu takka qofatu Roobii cehe akka ragaa Kpler'tti. Guyyoota Roobiin duraa guyyatti dooniiwwan 20tu darbaa ture.

    Huutiin Yaman Roobii haleellaa misaayelaa taankarii Sa'udi Arabiyaa irratti buufata Galaana Diimaa Yaanbuurratti raawwatan. Galoogalaana Adan irrattis haleellaa misaayelaa biraa taankarii Sa'udiratti raawwataniiru. Haleellaa kanneenirratti Sa'udiin homaa hin jenne, hin mirkaneessines.

  19. Iraan yoo Ameerikaan haleellaa haaraa eegalte biyyoota Baha Giddugaleessaa haleeluuf doorsiste

    Iraan haleellaa US raawwattu kamiyyuu haaloo ba'uuf biyyoota Galoo Galaanaarratti akka xiyyeeffattu doorsiste.

    Biyyoonni Baha Giddugaleessaa yoo akka misoomaawwan bu'uuraa isaanii hin mancaane barbaadan, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gara marii dippiloomaasiitti akka deebi'u gorsuu qabu jechuun Iraan akeekkachiisa dabarsuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Tehraan biyyoota ollaa buufati humna waraanaa US keessatti argamu haleeluun Ameerikaa haaloo ba'uurratti xiyyeeffattee akka hojjettu ibsiteetti.

    Aanga'oonni fi dippiloomaatonni olaanoon Iraan erga walga'anii mari'atanii booda akeekkachiisa kana kennan.

    Kunis akeekkachiisa Tiraamp gaafa Adoolessa 28, 2026 ''haleellaa laalessaa'' Iraan irratti raawwachuuf dhaadatee booda.

    Tiraamp karoora Iraan haleeluuf qabate haquun, marii haaraan Wiixata darberraa gaggeeffamaa jiraachuu ibse.

    Mariif carraa kan kenneefis gaaffii Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoonni Baha Giddugaleessaa kaan dhiheessanirraa ka'uun akka ta'e ibse.

    Akka Tiraamp ibsetti biyyoonni Baha Giddugaleessaa haleellaa raawwatuuf deemuun yaadda'uun akka mariin eegalamu gaafataniiru.

    Iraan garuu mariin US waliin eegalte akka hin jirre ibsite.

    Rooyitarsi aanga'oota olaanoo Iraan lama, aanga'oota Galoo Galaanaa lamaa fi dippiloomaatii naannawa kanaa tokko gaafachuun akka gabaasetti Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii gitasaanii kan Sa'uudii, Turkii fi Qataar akkasumas hoogganaa waraanaa Paakistaan waliin dubbataniiru.

    Maddeen kun dhimmicharratti sodaa waan qabaniif eenyummaasaanii dhoksuun Rooyitarsiif odeeffannoo kennan.

    Akka gabaasa Rooyitarsitti Araagchiin biyyoonni Galoo Galaanaa michuuwwan Ameerikaa ta'an yoo ofiif jedhan Tiraamp akka haleellaa haaraa hin ajajne itti himuu qabu jedhan.

    Sababni isaa haleellaan US raawwattu kamuu ''akka biyyoonni Baha Giddugaleessaa haleelaman sababa ta'a waan ta'eef,'' jedhan.

  20. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Iraan yoo Ameerikaan haleellaa bante biyyoota Baha Giddugaleessaa haleeluuf doorsisteetti.

    Dhimma Ulaa Hormuuz irrattis Omaan waliin marii bu'a qabeessatti jiraachuu ibsiteetti.

    Dhimma waraana Baha Giddugaleessaa fi taateewwan addunyaarratti mudatan karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaa kallattii duraan ture asii argattu.

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp argachuu dandeessu.