Falmii qorannoon hormoonii atileetii Itoophiyaa Ameerikaarraa hambise kaase

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ameerikaa bulchiinsa Oregoonitti Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Ganna 20 gadii irratti dorgomuuf kan qophoofte Atileet Ajaa'ibaa Aliyyee dhimma hormoniin walqabatee dorgommiirraa hafuu isheetiin dhimmishee ijoo dubbii ta'eera.

Atileetittiin sababa dorgommiirraa hafteef Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa adeemsa ifa hin taane hordofe jechuun komatti.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa immoo qorannoo Atileetiksii Addunyaarraa dhufe hordofee murteessuu hime.

Shaampiyoonaa ALI Adoolessa 29 hanga Hagayya 03, 2018'tti hirmaachuuf Itoophiyaarraa atileetonni 16 gara Ameerikaa qajeelaniiru.

Atileetonni torba garuu sababoota garagaraan imaluu akka hin dandeenye ibsameera.

Akka federeeshiniin beeksisetti, atileetonni jaha eeggataa turan gama Atileetiksii Addunyaan fudhatama waan hin arganneef hin hirmaanne.

Gama kaaniin, Atileet Ajaa'ibaa Aliyyee qorannoon hormonii dorgommichaaf isheef taasifame fudhatama waan hin arganneef dorgommiin ala taasifamuu ibseera.

Atileetiin ganna 19 kana dura bara 2026 fageenya 400m'n shaampiyoonaa Afrikaa taate kuni Shaampiyoonaa Atileetiksii Umrii 20 gadiirratti hirmaachuuf yeroo saffisaa ulaagaa ishee guuchisu galmeessiteetti.

Dorgommii barana yeroo jalqabaaf irratti hirmaachuuf jettu kanarratti qabxii wayyoo qabu galmeessuuf qophii guddaa akka gochaa turtees BBC'tti himteetti.

'Eenyu akka na hambise hin beeku'

Tarree maqaa atileetotaa Atileetiksiin Addunyaa baase keessatti maqaan ishee eeramuufi Visa'n [eeyyama imalaa] isheellee qophaa'ee akka ture kan himte atileetiin kuni sababa ''bu'aa qorannoo hormoonii'' jedhuun dorgommiin ala taasifamuu ishee akka ishee hin amansiisne dubbatteetti.

''Yeroo jalqabaafi Shaampiyoonaa Addunyaaf kanan deemuuf ture. Carraa kana argattee waan deebitu nutti hin fakkaatu yaada jedhun [na hambisan]'' jechuun federeeshinichi na hambise jechuun himatti.

Akka isheen jettutti, qorannoo akkanaa kana dura gootee hin beektu, bu'aa qorannoo tibbanaas gama federeeshinichaa dhageesse.

Akka isheen himtutti, dorgommii dura qorannoon gosa lamaa taasifameeraaf.

Kan jalqabaa biyya keessatti taasifamuufi bu'aan isaas rakkoo kamirrayyuu bilisa ta'u agarsiisuu himti.

Qorannoon lammataa karaa dhaabbata Atileetiksii Addunyaa fudhatameefi qorannoo hormonii yookiin kan koorniyaati.

Akka Ajaa'ibaan jettutti, ''akka natti himanitti taanaan bu'aan qorannoo Atileetiksiin Addunyaa taasise biyya keessa isa qoratamteen waliin tokko miti kan jedhudha.''

''Bu'aan qorannoo hormonii irratti osoollee rakkoon jiraate erga dorgommiin xumurame booda adeemsichi akka itti fufu yookiin bu'aan kuni fudhatama dhabuu akka danda'u malee haalli dorgommii dhorkisiisu hin jiru'' amantaa jedhu qabdi.

Atileet Ajaayibaan shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti akka hin hirmaanne kan taasifamte seeraafi teknikaan ala jechuun mormiti.

''Maqaan koo tarree [dorgomtootaa] irratti baheera, lakkoofsi ittiin dorgomuufi waan hundu baheera.

''Kana caalaa eenyu akka na hambise ani hin beeku. Erga dorgommiirraa haa haftu jedhame maqaan kiyya tarree keessa hin seenu ture,'' jetti.

''Dhufuu hin dandeessu''

Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Silashii Sihiin gama isaaniin komii atileetiin kuni dhiheessitu akka hin fudhanne BBC'tti himaniiru.

Federeeshinichi Ajaayibaaf xiyyeeffannoo kennee hojjetaa turuu kan himan pirezidantichi, atileetittiif leenjisaa dhuunfaafi shofeera dabalatee deeggarsi barbaachisu taasifameefi qophaa'aa akka turte himaniiru.

Erga qophii xumurtee booda garuu Atileetiksiin Addunyaa ergaa imeelii ''dhufuu hin dandeessu'' jedhu federeeshinichaaf waan ergameef gara Ameerikaa deemuu akka hin dandeenye himan.

Isa isheen Ameerikaa dhaqnaan hin deebitu jedhanii yaadanii na dhorkan jettuuf deebii yeroo kennan ''Yoo akkana ta'e maaliif Visa gaafanna? … Nuti atileetonni keenya akka hin hafne amantaa guutuu qabna,'' jedhaniiru.

Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatti itti waamamtuun wal'aansa atileetiksiifi qorichoota farra-sirreessituu kan ta'an Dr Qidist Taaddasaan gama isaaniin seeraafi qajeelfama Atileetiksii Addunyaan bu'aan qorannoo fayyaa kallattiin teessoo imeelii atileetittiif akka ergamu himu.

''Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa bu'aawwan yookiin sanadoota kana argachuuf mirga hin qabu. Kan federeeshinichaaf gahu atileetittiin dorgomuu dandeessimoo hin dandeessu jedhu beeksisu qofa,'' jedhan.

Dabaluunis, ''Nuti ofii keenyaan qorannoo hin taasisnu, nuti hojii qindeessuufi hordoffii hojjenna.

''Atileetittiin ergaa karaa imeelii dhuunfaashee dhufe hin hubanne jettee yeroo nu gaafatte seeraafi adeemsicha ibsine malee hojii beeksisu hojjenne miti,'' jechuun atileetittiin bu'aa qorannoo kanaa ''karaa doktora federeeshinichaanin dhagahe'' jetteef deebii kennan.

''Leenjii kiyya ittan fufa''

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa gama isaan kanneen qorannoo gaggeessan dhaabbilee ulaagaa Atileetiksii Addunyaan beekamtiin kennameefi walaba ta'an ta'u ibsuun, hojiin federeeshinichaa hordoffiifi qindeessuu qofa akka ta'e hubachiise.

Akkasumas bu'aa qorannoo fayyaa ogeeyyii keessa seenuun seeraafi dambii Atileetiksii Addunyaa ala waan ta'ef, adeemsichi seera hordofee hojjetamuu hime.

Qorannoon SRY jedhamuufi korniyaa karaa saayinsiin adda baasuuf gargaaru keessumaa dorgomtoota ramaddii dubartoonni dorgoman irratti hirmaataniif akka ulaagaa dirqamaatti ilaalama.

Qorannoon dubartootaaf qofa taasifamu kuni baay'inaan qaccee koorniyaa dhiirummaa murteessu dubartoota keessa jiraachuufi jiraachuu dhabuu isaa qorata.

Atileet Ajaayibaan murtee kanaan gadduu himteetti. Ta'us, abdii hin kutu leenjii kiyya ittan fufa jechuun dubbatte.

''Dorgommii kanarraa hafe jedhee leenjii hin dhaabu. Nan fiiga, waanan gochuu qabu biyyaafis ofiifis nan raawwadha,'' jechuun dubbatte.

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii Ameerikaa Yuujin dorgomamaa jiruurratti 5,000m, 3,000m, 1,500m, 800m, 400m akkasumas tarkaanfiin dorgomaa jirti.