Hidhamtoota Itoophiyaa Sawudiitti du'a eeggatan sagalee isaanii dhageessisuuf BBCtti bilbilatan

    • Barreessaa, Aklilu Tsegay
    • Gahee, BBC Tigrinya
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Lammiin Itoophiyaa tokko mana hidhaa keessaa yeroo BBC'f bilbilee sagalee isaa dhaggeesisu adaraa nu oolchaa jedhe.

Maqaan isaa Habtoom. Barreefama kana keessatti nageenya isaaniif jecha hunduu maqaan isaanii jijjiirameera. Habtoom Magaalaa gara Kibbaa jirtu Kamiis Mushaayit jedhamtu keessatti erga hidhamee waggaa sadii darbeera.

Sagalee hidhamtoota kaanii iyyan keessaan yoo dubbatu, adaraa nu dhaqabaa jedhe. Mootummaan Itoophiyaa isaan oolchuuf deeggarsa akka hin taasifneef himata.

Waraanaa fi hiyyummaa baqachuun jireenya fooya'aa barbaacha Jibuutii fi Yaman keessa qaxxaamuruun kan biyyaa bahe Habtoom akkuma warra kaanii xumurri isaa mana hidhaa tahe.

Daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun himatamanii ammma murtoo du'aa eeggatu.

Hedduun isaanii nuuf bilbilaa jechuun lakkoofsa bilbilaa isaanii BBC Afaan Tigiriffaaf ergaa turan.

Baay'ee keessaa namoota torbaaf bilbilaniiru. Lammiileen Itoophiyaa gara 200 tahan ammayyuu murtee du'aa eeggachaa jiru.

Lammiileen Sudaan, Joordaanii fi Paakistaanis akkasuma as keessatti argamu. Ji'oota torba bara kanaa irratti garuu lammiilee Itoophiyaa 17 tahantu ajjeefame.

Isaan keessaa ajjeechaan namoota shanii Wiixata darbe raawwate. Waggaa lama dura Aminestii Internaashinaal lammiileen Itoophiyaa lama ajjeefamuun 35 murtee du'aa irratti darbuun guyyaa eeggataa jiru jedhee ture.

Sawud Arabiyaan yakka daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu adabuuf murtee du'aa hojiirra oolchaa jirti jedhe qorataan Aminastii Internaashinaal.

Dhaabbileen mirga namoomaaf falman himatamtoonni tajaajila seeraa gahaa, nama afaan hiikuufii hin arganne jechuun murtoo isaanii sirrii akka hin taane himu.

Ol iyyachuu danda'u. Garuu abukaatoo iyyata isaanii galchuuf waan hin qabneef murtoon sun achumatti hafuun hojiirra oola jette qorattuun Aminastii Internaashinaal.

''Adeemsa seeraa guutuu isaa irra iftoominni hin jiru. Murtee du'aa kennuu hanaga mana murtii olaanaa, akkasumas haga mootiin raggaasisutti iftoominni hin jiru.''

Habtoom carraa abukaatoo waliin dubbachuu hin arganne jedhe. Ofirraa faccisuufis akka dubbatu carraa hin arganne jedhe.

Warri kaanis adeemsuma kana keessa darbuu isaanii himan.

Human Raayitis Waachitti gorsituu dhimma baqattootaa fi godaantotaa kan taate Naadiyaa Haardimaan, '' namoota hedduun himatamaniiru, adeemsi seeraa isaa ifa miti. Warri murtoo argatan ammoo yoom akka irratti raawwatu waan hin beekneef dhiphina keessa taa'uun eeggatu'' jette.

Qondaalonni Sawudii himata irratti dhiyaatuuf akka deebii kennan gaafatamanii hin deebisne. Ajjeechaa yeroo raawwatan garuu ibsa baasuun adeemsa seeraa akka eeggate, ol iyyannoo keessa akka darbe, fi labsii warra mootiin akka raawwatame himu.

Murtoon kunlammiilee isaanii balaa qoricha sammuu hadoochu irraa tiksuuf akka fudhatamus himu.

Habtoom karaa bilbila keenyan manaa irra jirtuu maatii isaa darbee darbee akka dubbisu himus amma murtoo du'aa akka eeggatu itti hin himne.

''Gaafuma na ajjeesan haa dhagahan'' jedhe.

Abjuun isaa barnoota kolleejjii xumuree hojii argatee maatii isaa gargaaruu ture.

Kaayyookoo na jalaa fashalaa'e. Kanaafan biyyaa bahuuf murteesse jedhe. Imala dadhabsiisaa gara Sawud Arabiyaa bara 2021 keessa darbee hojiin argate re'ee tiksuu ture. Maallaqa xiqqaatu kaffalamaafii. Garuu warri isa hojjechiisan carraatti maallaqa gaarii argatu kennaniifi.

Maallaqa gaarii itti argattu jechuun saamsanii meeshaa akka bakka biraa geesinu natti kennan.

Poolisiin karaatti na dhaabsisee yoo na sakatta'u baala caatiiti. Ibsa mootummaan Sawudii baasu ammoo hunduu hashiishii akka tahedha.

''Maal baadhee deemaa akkan tureyyuu hin beeku ture. Waanuma natti kennaan fuudheen deeme malee. Caatiidha na jedhan. An caatiin maal aka taheyyuu hin beeku'' jedhe Habtoom.

Habtoom ''osoo hin beekiin dogogora hojjedhe. Adabbii hidhaatti osoo naa jijjiirame'' jechuun gaafate.

Hiriyyoonni isaa lammii Itoophiyaa tahan sadii Eebla keessa biraa ajjeefamaniiru. Waxabajji keessa sagal ajjeefamaniiru.

Ajjeechaan kun dhaabbilee mirga namoomaaf falmanii fi dhaabbilee amantaan balaaleffatameera.

Phaaphaasiin Itoophiyaa Abune Maatiyaas mootummaan akka gidduugalee Sawudii waliin mari'atuuf dhaameera.

''Ijoollee sagalee dhabdee gaaddidduu du'aa jala jiraattu'' jechuun ibsan.

HRW Sawudiin murtii du'aa baqattoota irratti fudhachuu akka dhiistu gaafate. Seera idil-addunyaa karaa kabajeen tahuu akka qabus gaafate.

Wal gahii Finfinneetti Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximotiyoosii fi gitni isaa Sawudii Waaliid Al-Kuraajii taasisan irrattis ka'eera.

Waxabajji keessa AmbaasadarTafaa Tulluu Daadhii mana hidhaa Sawudii keessaa daawwateera. Hidhamtoonni garuu akka dhimma keenya hubachiifnuuf yeroo gahaa nuuf hin kennamne jedhan.

Torban isaatti ammoo lammiilee Itoophiyaa mana hidhaatii baafamuun ajjeefaman.

Komishiniin Mirga Namoomaa Gamtaa Afrikaas murtoo ajjeechaa kana balaaleffachuun mootummaan Itoophiyaa akka gidduugalu gaafate.

Adoolessa 13 Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen lammiileen Itoophiyaa 2,000 ol tahan dhiifama argatan jedhe. Yakka kamirraa fi yoom kan jedhu hin ibsine.

Mootummaa Sawudii waliin akka wal qunnamaa jirus ibseera.

Mana hidhaa biraa keessaa kan BBCtti dubbate Dastaan ammoo kutaa nama 90'f hojjetame keessa 200 taanee jirra jedhe.

Poolisiin maaskii godhatee yeroo nyaata nuuf fidu qofa kuticha bana. Dafee cufee deema. Homaa gaafachuu hin dandeessu, si reebu jedhe.

Waggaa sadii dura Yaman irraan osoo ce'aa jiruu qabamuu kan hime Dastaan murtoo du'aa natti dhufa jedhee hin eegne jedhe. Lammii Yaman tokkotu nu waliin ture.

Lammiileen Itoophiyaa ammoo nama afur. Ani karaa nagaa waanan beekuuf sinitan agarsiisa. Ba'aa kana yoo na gargaartan jedhee nutti kenne. Caatiidha. Nuyi kana hin barre akkuma daangaa Yaman irraan Sawudii seenneen dhukaasni nurratti baname.

Naanee dhaabbanne. Yamanichi baqatee bade. Achumatti nu qaban jedhe.

Bilookkeettii oomishee jiraachaa kan ture Dastaan yeroo waraana Tigiraay baqatee biyyaa bahe. Amma murtoo du'aa eeggata.