Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Itoophiyaa Sa'udi Arabiyaan du'aan adabde 20 gahan
Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa miira keessan jeequu mala.
Sa'udi Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa dabalataa sadi du'aan adabuu ishee miidiyaan mootummaa biyyattii gabaase.
Lammiileen kunneen sadan maqaan isaanii kan eerame yoo ta'u, qoricha sammuu namaa hadoochu [hashiishii] daddabarsuu irratti hirmaachuun akka duuti itti murtaa'e mootummaan Sa'udi Arabiyaa beeksisuu Sa'udi Press Agency gabaase.
Maatiin namoota ajjeefamanii sirriitti dhagahuun isaanii waan hin baramneef BBC'n maqaa isaanii eeruu irraa of qusata.
Hordoffii qaamolee nageenyaan kan to'ataman lammiileen kunneen qorannoo gaggeeffameen booda yakka kana dalaguun isaanii mirkanaa'ee mana murtiitti dhiyaatanii murtoon du'aa irratti darbuu gabaasni kun ni eera.
Tarkaanfiin adabbii du'aa namoota sadanirrattuu Sanbata duraa Hagayya 01, 2026 kutaa bulchiinsa Asiir jedhamu keessatti irratti fudhatamuu mootummaan Sa'udi beeksise.
Sa'udiin jalqaba baatii Adoolessa keessas lammiilee Itoophiyaa lama, baatii Waxabajjii keessa lammiilee afur, dhuma ji'a Adoolessaa lammiilee shan fannisuun du'aan adabdee turte.
Murtiin du'aa tibbanaa lammiilee yeroo dhihootti duuni itti murtaa'e 20'n gaheera.
Lammiileen Itoophiyaa gara 200 tahan ammayyuu murtee du'aa eeggachaa jiru.
Ministeerri biyya keessaa tarkaanfii kana kutannoo Mootummaan Sa'udi Arabiyaa nageenya lammiilee isaa fi jiraattotaa mirkaneessuuf godhu jechuun ibse.
"Mootummaan Sa'udi Arabiyaa nageenya lammiilee fi jiraattotaa balaarraa eeguuf, akkasumas yakka daddabarsitootaa fi daldaltoota qoricha sammuu hadoochuu irratti adabbii cimaa seeraan murtaa'e raawwachiisuuf kutannoo qabu mirkaneessa" jedhe.
"Gochoonni akkanaa lubbuu qulqullootaa kan balleessan, malaammaltummaa dargaggoota kan barsiisan, miidhaa nama dhuunfaa fi hawaasa irratti kan fidaniifi mirga isaanii sarbaniidha" jedhe.
Ministeerichi kanneen gochaa akkasiirratti hirmaatan adabbiin seeraa waan isaan eeggatuuf akka irraa of qusatan akeekkachiise.
Waggaa lama dura Aminestii Internaashinaal lammiileen Itoophiyaa lama ajjeefamuun 35 murtee du'aa irratti darbuun guyyaa eeggataa jiru jedhee ture.
Sawud Arabiyaan yakka daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu adabuuf murtee du'aa hojiirra oolchaa jirti jedhe qorataan Aminastii Internaashinaal.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman himatamtoonni tajaajila seeraa gahaa, nama afaan hiikuufii hin arganne jechuun murtoo isaanii sirrii akka hin taane himu.
''Adeemsa seeraa guutuu isaa irra iftoominni hin jiru. Murtee du'aa kennuu hanaga mana murtii olaanaa, akkasumas haga mootiin raggaasisutti iftoominni hin jiru.''
Adoolessa 13 Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen lammiileen Itoophiyaa 2,000 ol tahan dhiifama argatan jedhe. Yakka kamirraa fi yoom kan jedhu hin ibsine.
Mootummaa Sawudii waliin akka wal qunnamaa jirus ibsee ture.