Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp sodaa fi yaaddoon AI 'oduu sobaati', to'annoon addaa hin barbaachisu jedhe
Pirezdantiin US Doonaald Tiraamp yaaddoo nageenya teeknooloojii hubannoo nam-tolchee (AI) akkaan babal'ataa jiruun walqabatee ka'aa jiru gadhi buusuun dubbachuu itti fufeera.
Odeessa dogoggorsaa fi fakkeeffamee odeeffamaa jiruudha jedhe.
Teeknooloojii addunyaarratti saffisa olaanaan babal'ataa jiru kanaaf to'annoo cimaan ni barbaachisa yaada jedhus qeeqeera.
Tiraamp erga hundeessitoota dhaabbata AI guddicha Anthropic jedhamu keessaa kan ta'e Jaak Kilaark egeree teeknooloojii kanaarratti yaaddoo qabu dhiheessee yaada kana kenne.
Kilaark teeknooloojiin AI irratti hundaa'e to'annoon ala ba'ee balaa hamaa akka hin uumneef to'annoo fi hordoffiin qaama sadaffaa akka barbaachisu turtii BBC waliin taasiseen dubbateera.
Dhiheenya kana balaa teeknooloojiin kun dhala namaarraan ga'uuf deemu irratti yaaddoo fi sodaan hoji raawwachiistotaa fi hojjettoota dhaabbilee AI bebbeekamoo irraa dhagahamaa kan ture yoo ta'u, Kilaark kana hordofuun yaada kenne.
Yaaddoo fi sodaan kunneen akka kubbaaniyyaawwan teeknooloojii gurguddoo ta'an qooda gurguran dirqamsiiseera.
Kubbaaniyyaawwan teeknooloojii danuun Wiixata qooda gurguruu eegalan.
Adeemsi kun guddina AI akkaan saffisaa fi to'annoon ala ba'a jedhamee sodaatame tasgabbeessuu danda'a ykn saffisa ittiin guddataa jiru hir'isuu danda'a jedhameera.
Tiraamp erga dubbiin kun dhagahamee yaada isaa miidiyaa hawaasummaarratti barreessuu itti fufeera.
Sodaa fi yaaddoo dhagahamaa jiru kana akka gowwoomsaatti ibse Tiraamp.
Akkuma ''Gowwoomsaa Jijjiirama Qilleensaa sana'' jechuun, ''odeessa dogoggoraa kana leellistoonni Dimokiraatotaa akka facaasaa jiran,'' ibse.
Tiraamp ''akka nama odeessa dogoggoraa kana balleessuutti'' of ibsuun, ammoo waa'ee nageenya teeknooloojii [AI] maqaa Raashiyaa waliinis kaase.
''Gowwoomsaa Raashiyaati,'' jedhe.
''Dubbii xaxaan yaada hamaarraa madde faallaa AI fi Giddu Gala Daataa (Data Centers) dubbatamaa jira. Kanatti kan gammaddu Chaayinaadha,'' jechuun miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesse.
''Kan teeknooloojii AI dhuunfate, injifataadha,'' jedhe.
"AI dhaan Chaayinaa dursaa jirra. Dhugaa dubbachuuf namni Hubannoo namtolchee moo'ate wana hunda moo'achuu waan danda'uuf, daandii kanarra itti fufuun barbaada.''
Tiraamp Wiixata eegumsa Hubannoo Namtolcheef barbaachisu yoo jiraate pirezidantii cimaa fi qaxalee qofa jedhe.
Kilaark "haalli amma argaa jirru kuni akkanumaan yoo itt fufe, hundi keenya carraan du'uu keenya olaanaadha" akeekkachiisa jedhu dabarsee ture.
"Saffisa guddina AI hir'isuu kana keessatti Chaayinaan dursitee akka hin deemne daangeffamuu qabdi" jedhe.
Kilaark yaada kenne keessatti teeknooloojiiwwan gurguddoo fi aangawoonni siyaasaa gameeyyiin eeggannoo fooyya'aa akka taasisan eereera.
Sodaa fi yaaddoo ka'aa jiru hordofee Microsoft AI kubbaaniyyaa teeknooloojii jalqabaa dhimma kanaaf deebii kenne ta'eera.
Moodela teeknooloojii bal'inaan hojjetaa jiruu daangessuu ilaalchisee maii eegaluu ibse.
Dokumentii haaraa akka teeknooloojiin AI to'atamuuf qopheesse ''humanist AI'' jedhus maxxanseera.
Hoogganaan jaarmiyaa kanaa Musxafaa Suleyimaan ji'ootaaf qajeeltoo kanarratti hojjetaa turuu fi yaaddo amma ka'e irraa ka'uun yeroo kanatti maxxansuuf akka murteessan CNBCtti hime.
Dhuma torbee darbee hoogganaa olaanaa Anthropic Daariyoo Amoodee saffisni guddina teeknooloojii AI akka hir'atu gaafatee ture.
Akkasumas hordoffiin teeknooloojii kanaa daran akka cimu yaada dhiheesseera.
Garuu yaada kana duuba fedhii jiru irratti qaamolee adda addaa irraa shakkiin ka'eera.
Ammoo tarkaanfiin teeknooloojii AI irratti fudhatamu kamuu ''bu'aa irraa argamu kan danqu ta'uu hin qabu,'' jedhe.
Hooggantoonni kubbaaniyyaa teeknooloojii AI morkattoota Anthropic ta'anii, Sam Alman (OpenAI) fi Ilon Mask (xAI), yaada Amoodee akka tumsan ibsaniiru.
Guddina teeknooloojii AI ilaalchisee qajeeltoo fi seerri akka jiraatu akkasumas qaama walabaan hordoffiin akka gaggeeffamu waliigaluu ibsaniiru.