Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan meeshaalee waraanaa gara Hawaatti erguu mirkaneessite
Ameerikaan meeshaalee waraanaa gara hawaatti erguu ishee yeroo jalqabaaf amante.
Ameerikaan meeshaalee waraanaa kanneen orbiitii lafaa irra kaa'uu amante.
Hogganaan Humna Qilleensaa Ameerikaa, Tirooy Miink, meeshaan waraanaa ''Orbiitii irraa'' humnoota waraanaa US diina irraa eeguuf gargaara jedhe.
Konfireensii 'Air, Space and Cyber Conference' jedhamu irratti akka dubbatanitti, Meenik Ameerikaan ''yaaddoo haleellaa maqsuuf'' qophiidha jedhan. Garuu meeshaan waraanaa kun humna akkamii qaba kan jedhuu fi yoom akka ergame hin ibsine.
Kana dura qondaalonni Ameerikaa hawaa keessatti humna waraanaa cimsuu akka qaban himaniiru. Raashiyaa fi Chaayinaan walitti bu'insa fuulduratti mudachuu malu keessatti satalaayitii Ameerikaa jeequu fi haleeluuf sagantaa adda addaa hojjechaa jiru jette Ameerikaan.
Bulchiinsi Tiraamp farri misaa'elaa fi meeshaaleen waraanaa Hawaa keessaa cimuun barbaachisaadha jechuun amanu.
Sirna ittisaa 'Golden Dome' Tiraamp hojiirra oolchuuf karoorfate Ameerikaa haleellaa misaa'elaa fi humna qilleensaa kamirraayyuu tiksuuf oola.
Waliigalteen bara 1967 meeshaaleen waraanaa badii dhaqabsiisan akka orbiitii irra hin kaa'amneef mallattaa'e.
Erga waliigaltee kanaa Raashiyaa, Chaayinaa fi Ameerikaan orbiitiin alatti tooftaa biraa fayadamuun walitti hojjechaa turan.
Kunis satalaayitii qunnamtii waraanaa, basaasaa fi kaaniif oolan irratti xiyyeeffachuun wal jalaa jeequuf hojjechaa turan.
Waggaa darbe Tiraamp humni waraanaa hawaa Ameerikaa qabeenya US tiksuu qofa osoo hin taane humna haleellaa barbaade raawwachuu danda'u akka tahu ajaja dabarsan.
Humni Waraanaa Hawaa Ameerikaa, waggaa 70 keessatti yeroo jalqabaaf damee waraanaa haaraa Ameerikaan ijaartedha. Bara 2019 ture qabeenya Ameerikaa hawaa keessaa tiksuu kan jedhuun kan ijaarame. Satalaayitiiwwan kumaatama qunnamtii fi basaasaaf oolan tiksuufi.
Dubbii himaan Humna Waraanaa Hawaa US, ''to'annoo hawaa ergama hawaa to'achuu fi qabachuu'' qaba jedhe.
''Humni hawaa keessaa dandeettii ofirraa qolachuu fi deebisee haleeluu akka qabaatutti ijaarame'' jedhe.
Erga Raashiyaan bara 2022 Yuukireen weerartee as ji'a Guraandhalaa darbe satalaayitoonni Raashiyaa lama qunnamtii satalaayitoota Awurooppaa hedduu gidduu seenanii jeeqaniru.
Gidduugaltummaan akkasii ammoo odeefannoo icciitii satalaayitoonni kunneen qoodan dabalatee kaanis Raashiyaan akka dubbistu eeyyama.
Isa qofa osoo hin taane to'achuuyyuu dandeessi. Bara 2024 Raashiyaan satalaayitii satalaayitoota kaan irratti haleellaa gaggeessuu danda'u hojiirra oolcheera jettee ture.
Ameerikaan ammoo Chaayinaan waraana ammayyaaf bifa ooluun dandeettii hawaa keessatti haleellaa raawwachuu fi qolachuu iratti hojjechaa jirti jette.
Fuuldurattis hawaa keessatti olaantummaa fudhachuun waan murteessaa tahuu Ameerikaan ni amanti.