Haleellaa Wallagga Lixaa Warshaa Warqee Tulluu Kaappiitti mudate hanga ammaa kan beeknu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa Fulbaana 4, 2026 mudateen yeroof dhaabbachuu Dhaabbanni KEFI jedhamu beeksiseera.

Kaampaniin misooma warqee fi koppariirratti hojjetu kun ibsa baaseen hojjetaa isaa tokko dabalatee miseensonni nageenyaafi hawaasni naannoo 'baayyeen' ajjeefamuu ibsuun, lubbuu darbeef "baayyee gadduu" himeera.

Haleellaan kampaanicharratti raawwachuufi lubbuun namaa darbuu BBCf kan mirkaneesse bulchaan aanaa Ganjii Obbo Fiqaaduu Asaffaa, pirojektiin kun Federaala jalatti waan buluuf dhimma kanarratti odeeffannoo guutuu kennuuf aangoo kan qabu mootummaa Federaalaati jedhe.

Dubbi-himaan Poolisii Federaalaa Obbo Jeeylaan Abdii dhimmicharratti akka dubbachuu hin dandeenye BBCtti himuun, koreen ijaarame isaanitu ibsa kennuuf jira jedhe.

Odeeffannoo dabalataaf ammoo Hoogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaaf bilbillee argachuu hin dandeenye.

Kampaanichi rakkoon nageenyaa mudachuu hordofee battalumatti hojii dhaabuun, haala nagaan bu'ee deebiyee hojii jalqabuu danda'urratti bakka bu'oota ummataafi aanga'oota mootummaa Itoophiyaa waliin akka dubbatu ibseera.

Pirojektii misooma warqee kanarratti haleellaa gaggeeffameef hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Kampaanichis ibsa baaseen qaama haleellaa irratti raawwate adda baasee maqaa dhahuun hin ibsine.

Haata'u malee, godinicha bakka gara garaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'ABO-Shanee' jedhu kan socho'an ta'uu jiraattonni ni dubbatu.

Aanga'aan mootummaa godina Wallagga Lixaarraa BBC dubbise tokko qaamni haleellaa kana raawwate humnoota nageenyaa buufata kampaanichaa jiran ajjeesuun qabeenya kaan gubee, kaan ammoo saameera jedhe.

Humni 'ABO -Shanee' ittiin jedhan naannoo sana keessa akka socho'an kan hime maddi kun, rakkoon nageenyaa hidhattoonni kunneen raawwatan misooma godinichaaf danqaa ta'uus dubbatu.

Waraanni Bilisummaa Oromoo haleellaa pirojektii misooma warqee KEFI jedhamurratti raawwatame jedhame kana ilaalchisuun wanti jedhe hin jiru.

BBCn yaada gama isaaniin jiru mirkaneeffachuuf bilbila gorsaa ajajaa olaanaa WBO irratti ergaa barreeffamaa ergeefii jira. Haata'u malee, hanga oduun kun qindaa'utti deebiin isaa hin qaqqabne.

BBC Verify viidiyoowwan lama - tokko daqiiqaa 7 fi sekondii 23, kan lamaffaa ammoo daqiiqaa shan dheeratu, wayita hidhattoonni buufata kampaanichaa dhukaasa gaggeessan mul'isu ilaaluun bakkaafi guyyaa inni itti raawwatame mirkaneesseera.

BBC Verify manneen, mukkeen, akkasumas ijaarsawwan suura saatelaayitiirraa ilaaluun dhugummaa viidiyoowwan kanneenii mirkaneesseera.

Viidiyoowwan kanneen lamaan keessaa isa tokko keessatti yeroo hidhattoonni baayyatanii kaampiitti seenanii dhukaasan agarsiisa.

Maalitti akka dhukaasan sirriitti beekamuu baatus, hidhattoonni baayyeen yeroo dhukaasan mul'atu.

Viidiyoo biroorratti ammoo hidhattoonni kunneen yeroo konkolaataawwan kaampii sana keessa baayyatanii dhaabatanitti abidda qabsiisan ni mul'atu.

Dhaabbata Pirojektii Kampaanii Warqee Baasu Tulluu Keeppii jedhamu rakkoon nageenyaa yoo quunnamu kuni kan duraa miti.

Waggoota shan dura Onkololeessa 2021 hojjettoonni dhaabbatichaa torbanootaaf ugguramanii turan gadhiifamuusaanii BBCtti himee ture.

Guraandhala bara 2026 Ministerri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, akkasumas aanga'oonni mootummaa Federaalaafi naannoo Oromiyaa warshaa Warqee Tulluu Kaappii godina Wallagga Lixaatti argamuu daawwatanii ture.

MM Abiy wayita pirojektii albuuda warqee baasuu kana daawwatanitti, " faayidaa biyyattiifi ummatasheef qabeenya umamaa keenya itti gaafatamummaatiin itti fayyadamuu akka dandeenyu agarsiistuudha," jedhan.

Piroojektiin godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjiitti argamu kun walta'insa mootummaafi invastaroota dhuunfaatiin hojjetamaa jiraachuus eeran.

Piroojektin omisha warqee kun faayidaa dinagdee malee barnootaa, misooma daandii, dhaabbilee fayyaafi ijaarsa manneen jireenyaaf shoora kan qabu ta'uu ibsan.

''Piroojektichi hawaasa naannichaa caalaatti misoomaa hedduuf kakaasuudhaan gahee olaanaa akka qabaatu dawwannaa keenyan hubanneerra," jedhan MM Abiy.

Warshaa warqee kun waggaatti warqee KG kuma 4 fi 386 omishuu akka danda'us eerameera.

Godina Wallagga Lixaatti ‎warshaan omisha Warqee Tulluu Kaappii kaappitaala Doolaara Ameerikaa miiliyoona 300 fi miiliyoona 30 ta'uun hojii eegaluun ibsameera.

Godinni Wallagga Lixaa godinaalee Oromiyaa sababa walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi WBO gidduutti gaggeeffamuun rakkoon nageenyaa keessatti mul'atan keessaati.

Xumura torban darbe kana keessa gaafa Fulbaana 6, 2026 konkolaattonni boba'aa baataniifi bottee jedhamanii waamaman godina kana keessatti osoo Gimbiirraa gara Asoosaatti deemaa jiranii gubachuu BBC'n viidiyoowwan qoodamanirraa mirkaneesseera.

Tibbana viidiyoowwan konkolaattonni boba'aa baatan yeroo labooba ibiddaan liqimfaman mul'isu qoodamaa ture.

BBC'n bakki taateen kuni mudate Lixa Itoophiyaa, Godina Wallagga Lixaa dhiheenya magaalaa Gimbii akka ta'e viidiyoowwan xiinxalee bira gaheera.

Waa'ee taatee kanaa jiraattonni magaalaa Gimbii BBC'n dubbisnes lama waa'ee haleellaa kanaa dhagahuu himaniiru.

Haleellaa kana duubas hidhattoonni akka jiran maddeen garagaraa BBC'tti himaniiru.

Gabaasa dabalataa Piitar Miwaayi, BBC Verify irraa gumaacheera.