Gareen Huutii odoolaawwan Gaanfa Afrikaatti dhihoo jiran to'atan
Huutiin Yaman odoolaalaawwan Gaanfa Afrikaatti dhihoo jiran- Haaniish jedhaman to'achuu ibsan.
Ertiraa fi Yaman abbummaa odoolaawwan kibba Galaana Diimaatti argaman kunneenii irratti wal lolaa turan.
Gbaasi AP akka mul'isutti Huutiin humnoota mootummaa Yaman kan Sa'uudii Arabiyaan deeggaraman baasuun iddoo akkaan murteessaa ta'e kana to'atan.
Odoolaawwan kunneen daangaa Ertiraa fi Jibuutii irratti kan argaman yoo ta'u, Huutiin iddoowwan kunneen to'achuusaatiin humna waraanaa US Jibuutiitti argamutti kiilomeetira 32 dhihaateera.
Ertiraan akkuma biyya walabaa taatee of bulchuu eegalteen odoolaawwan kunneen irratti gaaffii abbummaa kaasuun Yaman waliin wal waraanaa turte.
Waraana yeroo gabaabaaf tureen humnoonni Ertiraa yeroo gabaabaafis ta'u odoola Haaniish to'atanii turan.
Garuu dhimmichi mana murtii idiladdunyaatti dhihaachuun bakka kiyyeessitoonni qurxummii itti fayyadamiin ala bakki duwwaan (namni irra hin qubanne) bulchiinsa Yaman jala akka galu murtaa'e.
Torban darberraa eegalanii buufataalee handaara Galaana Diimaa fi odoolaawwan to'ataa kan jiran Huutiin, Ulaa Hormuuzitti aanee akkaan murteessaa kan ta'e Baab al-Mandab to'achuu dura magaalaa handaara galaanaa Waakaa jedhamuu fi odoola Peeriim jedhamtu to'atanii turan.
Tarkaanfiin kun akkasaan salphaatti Ulaa Baab al- Mandab to'atan isaan gargaareera.
Qubsuma akkaan babal'ifachaa kan jiru Huutiin Yaman, odoolaawwan gurguddoo fi xixiqqoo Gaalana Diimaan marfamanii jiran to'achuunsaa sochii ulaa murteessaa Galaanaa Diimaa irratti taasifamu olaantummaan akka to'atu humna kenneeraaf.