Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
WBO'n kampaaniiwwan Oromiyaa keessaa albuuda baasan akeekkachiise
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n kampaaniiwwan biyya alaa fi biyya keessaa naannoo Oromiyaa keessaa albuudaa baasaniifi qabeenya uumamaa misoomsuurratti hojjetan ibsa baaseen akeekkachiise.
WBO'n kan mootummaan 'ABO-Shanee' ittiin jedhu ibsa hatattamaa jedhu fuula X isaarratti Fulbaana 13, 2026 baaseen, "ammaan booda sochiin naannicha keessatti albuuda baasuuf taasifamu ulaagaa dirqama kaa'ame bu'uura godhachuun ta'uu qaba," jedhe.
Akka ibsa kanaatti, haalonni gurguddoo kampaaniiwwan guutuu qabu jedhe lama ibsamaniiru.
Tokkoffaan dhaabbanni naannicha keessa socho'a kamiyyu hawaasni naannawaa haala pirojektiiwwan kanneen keessatti hirmaatuufi fayyadamaa ta'uu danda'urratti mariin ifa ta'eefi hunda hammachiisu taasifamuu qaba kan jedhudha.
Hojiin albuuda baasuu kamiyyu waliigaltee fayyadamummaa ummataa kana osoo hin guutiin jalqabamuu akka hin qabnes eereera ibsi kun.
Lameessoon ammoo wantonni albuuda qotuuf oolan ulaagaa eeguma naannoo barbaachisoo ta'an sadarkaa hojii kamirrattiyyu karaa of eeggannoo qabuufi mirkaneessuun danda'amuun hojiirra ooluu qaba jedha.
Ibsi kun itti dabaluun, ulaagaaleen eegumsa naannoo kunneen gonkumaa mariif kan hin dhiyaanne ta'uu hubachiiseera.
WBO'n kampaaniiwwan haaldureewwan kanneen hin guunneefi ajaja kana hojiirra hin oolchinerra waan gahuu danda'uuf itti gaafatamummaa hunda akka fudhataniifi tarkaanfii cimaa akka fudhatu dhaadateera.
Kanaaf ammoo tarkaanfii Lixa Oromiyaatti Pirojektii Warqee Tulluu Kaappii irratti fudhachuu hime akka fakkeenyaatti kaasuun akeekkachiiseera.
Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa Fulbaana 4, 2026 mudateen yeroof hojii isaa addaan kutuu Kampaaniin KEFI jedhamu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Kampaanichis ibsa baaseen qaama haleellaa irratti raawwate adda baasee maqaa dhahuun hin ibsine.
Kaampaniin misooma warqee fi koppariirratti hojjetu kun ibsa baaseen, hojjetaa isaa tokko dabalatee miseensonni nageenyaafi hawaasni naannoo 'baayyeen' ajjeefamuu ibsuun, lubbuu darbeef "baayyee gadduu" himeera.
Kampaanichi rakkoon nageenyaa mudachuu hordofee battalumatti hojii dhaabuun, haala nagaan bu'ee deebiyee hojii jalqabuu danda'urratti bakka bu'oota ummataafi aanga'oota mootummaa Itoophiyaa waliin akka dubbatu ibseera.
Pirojektii misooma warqee kanarratti haleellaa gaggeeffames ta'e ibsa WBO'n kamaaniiwwan labuuda baasuurratti hojjetan akeekkachiisuun baaserratti hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.