Atileetiin Itoophiyaa Budaapestitti seenaa hojjette badhaasa birrii miliyoona 24 mo'atte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Atileetiin Itoophiyaa Likkinaa Ambaw Budaapestitti m5000 morkattootashee fagootti gattee galuun seenaa hojjette.

Atileetiin Itoophiyaa Likkinaa Ambaaw dorgommii Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa Altimetam jedhamuun Buudaapestitti gaggeeffame m5000 mo'atte.

Likkinaan fiigichi jalqabee daqiiqaa saddet booda hunda isaanii gattee deemuun seenaa hojjette. Dorgommii atileetonni akka malee walitti dhiyaachuun xumuran kana fageenya guddaan caaltee mo'atte.

Morkii jabaan booda erga m3000 daqiiqaa 8:51.70tti gahanii Likkanaa Ambaaw dorgomtoota ishee gattee qajeelte.

Yeroo marsaan tokko isaan hafu fageenyi isheen isaan caalte gara sekendii sagalii taha. Kun atileetiksii keessatti yeroo guddaadha.

Fireewayinii Haayiluu dhumarra sadarkaa lammaffaaf baay'ee morkatte. Garuu barfattee dhumarra waan kaateef hin milkoofne.

Lammiin Awustiraaliyaa Jeesikaa Haal sadarkaa lammaffaan galte. Atileetiin Itoophiyaa biraa Fantaayee Balaayinee sadarkaa sadaffaan xumurte.

Likkinaa Ambaaw yeroo dheeraaf Ispeen keessa jiraachaa turte. Lammummaa Ispeen argachuuf adeemsa irra waan turteef dorgommii gurguddaa baayeen ishee darbeera.

Amma adeemsa lammummaa Ispeen argachuu dhiisuun Itoophiyaaf fiigde.

Likkinaan m3000 yeroo geessu daqiiqaa 8:28.00 waan xumurteef badhaasa Doolaara 150,000 mo'atte.

''Shaampiyoonaa Altimeet jedhamu mo'achuukoof baay'een gammade. Osooman fiigaa jiruu dhumarratti saffisa guddaan kutee deemuu waan hin dandeenyeef ammuman bahuu qaba jedheen yaade'' jette.

Anaa fi gareenkoo m5000 fiiguu barbaanne. Garuu akkamiin akka milkeessinu hin beeknu ture. Tasgabbaa'ee ni mo'anna jedheen of amansiise. Wayillaankoo turban darbe Diyaamandi Liigii mo'atan nan mariisise. Yaada isaanii fudhadheen ofitti hime.

''Amani! Amma mo'achuu nan danda'a ofiinan jedhe. Muuxannoon asirratti qabu haganuma'' jette.