Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gurmuu yeeyyii Afrikaa dhaltuu barbaacha km4000 imalan
Gurmuun yeeyyii Afrikaa keessa jiraatan ardiicha keessa km4000 adeemuun rekardii cabsan.
Saayintistoonni akka jedhanitti deemsi dheeraa rekardii cabseefi dhaltuu barbaacha godhame kuni hoosiftoota lafarra jiraataniin yeroo jalqabaaf kan tahedha.
Kunis dhiibbaan dhala namaa otoo jiruu bineensonni bosonaa kuni fageenyaa dheeraa adeemuun isaanii abdii uumeera.
Yeeyyiin obbolaa sadan Zaambiyaa keessa karaa mammaramaa namoonni keessa qubatan keessa fulla'uun magaalawwan moggaatti dhiisuun adeemsa isaaniitti saggaaraa turan.
Haatahu malee yeeyyiin kaan cancala GPS morma isaanitti hidhamee jiruun hordofamaa turan kiyyoo sibiilaa seeraan ala taheen qabamanii kan du'an yoo tahu kuni bineeyyiin kunneen balaa keessa akka jiranis agarsiiseera.
Obbolaan dhaltuu sadii akkasuma korma barbaacha adeemaa turan ammoo qixxee warra kormaa adeemsa kana xumruu jala yeroo gahan kiyyoo sibiilaan tokko jalaa qabamnaan gidduutti danqaman.
Yeeyyiin Afrikaa sanyii bineensa adamsituu qaalii tahan yoo tahu yeroo ammaa kana 6,000 qofatu jira.
Jarri kuni gurmuudhaan jiraatu, waliin adamsu, sochii isaan daangaa bal'ifachuuf taasisaniifi gurmuu kaan waliin walhoruun beekamu.
Gurmuu keessatti dhalatan waliin wal hin horan, kanaaf filannoo lama qabu: obsaan eeganii gurmuu kaan waliin sanyii itti fufsiisuu ykn yeroo ganna lama ykn sadii tahan dhaltuu ykn korma barbaachatti bahu.
Yeeyyiin obbolaa dhiiraa kuni karaa qajeelaa irra km400 ji'oota saddeetiif imalan. Karaa daddabaarra ammoo dachaa 10 isa sarara qixaa ol adeemaniiru.
Adeemsi kuni babal'achuu jedhama- dhaltuu ykn korma barbaacha sarara tokko qofaarra deemu, amalli kuni godaansa isa kaan bineensonni nyaataafi dahoo barbaacha duubaafi fuulduratti deemanirraa addadha.
Dhaabbanni UN Sanyii Bineensota Godaanani adda baasu bineensonni Taanzaaniyaa fi Keeniyaa gidduu godaansa taasisuun lafaa dheedumsaa fi bishaan barbaacha km600 ol adeemu.
Godaansa dheeraa dhaqaa-gala km1300 fagaatu kan taasisu bineensa cabbii Arkiitik keessa jiraatu kaaraabuu jedhamu qofa yoo tahu yeeyyii daalachi waggaa keessatti km7000 imalanii beeku.
Yeeyyiin Zaambiyaa keessa adeemaa turan kunneen fageenya caalaa karaa isaan irra deemantu waan murteessaadha.
Lafa bineensonni baay'inaan itti qubatanii jiran, naannoo danqaan dhala namaa jiru, magaalaa guddoo biyyattii Lusaakaa fi naannoo indaastirii keessa darbaniitu imalaa turan.
Isa ogeeyyiin kunuunsa naannoo kanaan dura yaadaniin ol homaan yeeyyii bahaafi kibba Afrikaa keessa yaa'an walitti hidhata qabu.
Piroofeesar Iskoot Kiriil Yunivarsiitii Montaanaa bara 1991 irraa qabee sochii yeeyyii Afrikaa kanaa qo'ataa turan godaansi isaanii kuni kan abdii namatti horudha jedhaniiru.
''Yeeyyii dahoo cufaa keessatti eegamaniin ol yeeyyiin bosona Afrikaa keessa jiraatan walitti hidhata qabu,'' jedhe.
Tahus yaaddoon kiyyoo sibiilaan qabamuu isaanii ammayyuu yaaddoodha jedhan.
Imala kana obbolootii kormaa milkaa'inaan kan xumuran yoo tahu imaltoota warra dhaltuu sadii keessaa garuu lama du'aniiru.
Qorattoonni akka jedhanitti gurmuun yeeyyii adeemsarra turan yoo miiltoo isaanii daandiirratti dhaban waan gaddaniif gara iddoo dhufanitti deebi'u.
Qorannoon joornaalii Ecology, jedhamurra bahe dahoo eegamu dabalataan lafa uumamaa bineensota adda bahanii jiran walquunnamsiisu kan daandii, magaalaafi lafa qotisaan hin jeeqamne uumuun barbaachisaadha.