Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetonni utuu shaakalarra jiranuu wanti du'aaf isaan saaxilu maali?
Atileetiin Itoophiyaa fageenya dheeraa Yebirgu'al Mallas tibbana Finfinneetti shaakalarra osoo jirtuu tasa lubbuun ishee darbuu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksisera.
Taateen akkanaa kun baay'inaan kan mul'achaa jiru ta'uu baatuus garuu hawaasa atileetiksii biratti rifaatuu guddaa uumera.
Federeeshinichi maaltu akka du'a isheef sababa ta'e bal'inaan hin ibsine. Atileetiin kun dhiheenya kana dorgommii Maaraatoonii Beejiing , osoo hin xumuramin addaan kuttee turte.
Bara 2015 keessa Maraatooniidhaan sa'aatii fooyya'aa kan galmeesite yoo tahu Chikaagoo, Huusatanii fi Piraaguutti sadarkaa lammaffaan xumurte.
Ammatti rakkoo fayyaa haa ta'uu dogoggora shaakala waliin wal qabatee rakkoo muudachuu malu ta'uu waanti adda baafame hin jiru.
Ogeeyyiin Saayinsii Ispoortii akka jedhanitti atileetiksiin karoora leenjii, obsa, fayyaa, soorataa fi hordoffii yaalaa cimaan deeggaramuu qabaa jedhu.
Atileetootni Wayita shaakala taasisan of eeggannoo akkamii akka taasisan waggota 25 hojii leenjisummaa atileetiksii irratti kan hojjatan Leenjisaa Caakkaa Badhaasoo gaafanneerra.
Of eeggannoo dursaa 4 atileetonni gochuu qaban
Leenjisaa Caaqqaan taateen akkanaa kun Itoophiyaa keessatti yeroo 3 muudachuu akka yaadatan himu.
Carraan yeroo baay'ee balaan akkasii muudachuu xiqqaa ta'us, garummoo of eeggannoon taasifamuu dhaburraa kan ka'e waan muudachuu malu ta'uu himu.
Kanaafis of eeggannoowwan dursaa 4 atileetotni gochuu qaban akkasiin eeraniiru.
1. Yeroo yeroon sakatta'iinsa fayyaa taasisuu
Atileetotni shaakala hojjachuun dura haalli fayyaa isaanii sadarka akkamirra akka jiru yeroo yeroon qorannoo fayyaa gochuu barbaachisa ta'uu himan.
Leenjisaa Caaqqaan ''atileetotni tokko tokko qoricha fudhachaa shaakala hojjatu. Haala irra jiran illee leenjisaa isaanii hin beeksisan. Dogoggorri akkasii kun yeroo tokko tokko balaa tasaa akkanaaf sababa ta'uu danda'aa.'' jedhu.
Atileetonni yeroo hunda haala fayyaa onnee, sadarkaa dhiigaa fi dandeettii waliigalaa isaanii beekuu qabu. Qorannoon fayyaa balaa fayyaa dhokataa lubbuu galaafachuu danda'u adda baasuuf gargaara.
Atileetootni dhiibbaa saayikoolojii fi dadhabbii qaamaa irraa bilisa ta'anii shaakalas ta'ee dorgommii irratti hrmaachuu qabu jedhan Lenjisichi.
2. Soorataa fi bishaan ga'aa fayyadamuu
Leenjisaa Caaqqaan Atileetotni jalqaba utuu gara shaakalatti ykn dorgomiitti hin seenne, haalli fayyaa isaanii erga ilaalamee booda, dadhabbii fi beela akka hin qabne bishaan ga'aa qabachuu isaanii hordofnaa jedhu.
Duuti tasaa atileetotaa sababa haala rakkoo onnee ykn sombaan walqabatu, bishaan qaama keessaa hir'achuu cimaa fi dadhabbii garmaleen uumamuu akka danda'u qorannoon fayyaa kan eeran.
''Atileetiin yeroo hundaa bishaan argachuu qaba. Dhangala'aan qaama isaanii dafqaan, fincaaniin, afuuraa fi waan biraan qaamaa isaanii keessaa waan ba'uuf, qaamni isaanii goguun miidhaaf saaxilama'' jedhu.
Bishaan gahaa dhuguun soogidda fi anniisaa qaamaa keessaa bahe bakka buusa qabu. Dadhabbii irraa of eeguuf leenjii duraa fi booda soorata isaaniif ta'u filatanii nyaachuun qaamni isaanii dadhabbii akka dandamatu kan taasisu ta'u himan.
Dhugaatiin Alkoolii fi waantootni araada qabsiisan rakkoowwaan du'a tasaaf nama saaxilaniif sababa ta'uu akka danda'anillee akkasiif saaxilaa jedha.
3. Karoora leenjii fi naamusa ispoortii eeguu
Fiigichi gosa ispoortii shaakala, obsa, humnaa fi xiyyeeffannoo sammuu barbaadudha.Leenjiin fiigicha dheeraa, saffisa, fa'yyummaa, leenjii humnaa, fi guyyoota boqonnaa of keessatti qabata.
Boqonnaan qaamaa akka gosa leenjiitti fudhatamaa jedhu Leenjisaa Caaqqaan. Sababiin isaas qaamni fayyuu fi deebi'ee of ijaaruuf yeroo waan barbaaduuf ta'uu eeru. Kana cimsachuuf ammoo atileetotni waggoota dheeraaf leenji'u.
Atileetonni ciccimoon gorsa leenjistoota, hakiimotaa fi barsiistota ispoortiitii hordofuun akkuma milkaa'an, atileetootni tokko tokko garuu har'uma ka'anii shaakala humanaa olii hojjachuu barbaadu jedhan.
Kun ammoo balaaf kan nama saaxilu ta'uu eeran. ''Shhaakala humnaa olii hojjachuun balaa fida. Akkasumas ariitinis adeemsa keessa suuta suutan dabalamaa deemaa jedhu.
''Ariitiin sakandiin kennama. Yeroo bosonatti kan leenji'an ta'es sagantaa fi gorsa leenjisaan ta'uu qaba.'' Saffisa hin shaakalamneen fiiguu boodarra kufaatii fiduu akka danda'ellee dubbatan.
4. Haala nageenya qabu keessatti leenji'uu
Atileetonni ho'a garmalee ykn bakka faalamni cimaan jirutti shaakala gaggeessurraa fagaachuu akka qaban Leenjisaan kun kan himan. Haalli kun onnee fi somba irratti dhiibbaa akka qabaatu himu.
Atileetotni wayita fiigan garaa dhukkubbii ykn dadhabbiin garmalee yoo itti dhaga'ame, saffisa isaanii akka hir'isan ykn akka dhaabatan gorfama jedhu. Mallattoowwan akka dhukkubbii garaa, of wallaaluu, rakkoo hafuura baafachuu, ykn dadhabbiin cimaan gonkumaan balaa biraaf saaxiluu akka dand'u himu.
Kanaaf ispoortii keessatti duuti tasaa baay'ee xiqqaa ta'us, mudachuu akka danda'uu fi atileetotni ofeeggannoo taasisuu akka qaban kan leeenjisan kun gorsan.