Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii Tigraayitti 'haala suukaneessaan ajjeefamteen' walqabatee wanti murtaa'e akkamiin jijjiirame?
Waggaa sadiin dura Magaalaa Maqaleetti haala sukaneessaan kan ajjeefamte Zawuduu Haftuutiin walqabatee namootni lama hidhaa umrii guutuun itti murtaa'ee ture bilisaan akka gadhiifaman murtaa'e.
Murtiin duraanii jijjiiramuun falmitoota mirga namoomaa biratti falmii guddoo kaase. Miidiyaa hawaasummaa irrattis namoonni mufii qaban ibsataa jiru.
Manni murtii giddugaleessa magaala Maqalee dhaddacha Roobii ALItti Adoolessa 28, 2018 ooleen himatamaa tokkoffaa Yaareed G/Sillaasee fi himatamaa lammaffaa Angasoom H/Maariyaam bilisaan akka gadhiifaman murtii kenne.
Murtii kanarra kan gahame manni murtii "Ragaan dijitaalaa ammaan dura ragaa ta'ee dhihaate mana galmeetii bade" jedhamuu irraa akka ka'e maatiin Zawuduu BBCtti himaniiru.
Ragaan murteessaa ture jedhame kuni ragaa bilbila Zawuduu Haftuu irraa argameen kan walqabatu akka ta'es himame.
Yunvarsiitii Aksumitti barsiisaa seeraa kan ta'anii fi dhimma ajjeechaaa Zawuduu Haftuu kana itti dhiheenyaan hordofaa turuu kan himan Kiroos Hayila sillaasee, "Ragaan mana galmeetii badeera" oduun jedhu kuni bal'inaan odeeffamulleen ragaan mana murtii irraa argatan garuu kanaarraa adda ta'uu himu.
Jiraattuu magaala Maqalee kan turte Zawuduu Haftuu, Hagayya 13, bara 2015 ayyaana Ashandaa fi guyyaa dhalootaa hiriyaashee kabajuuf kutaa magaaalattii baakka Addii Hawusii jedhamutti galgala keessa ajjeefamte.
Manni murtii giddugaleessaa magaalaa Maqalee dhaddacha Adoolessa 4, bara 2017 oolee tureen ajjeechaa kana raawwachuun kan himataman namoota lama irratti murtii hidhaa umrii guutuu dabarsee ture.
Ajjeechaan Zawuduu fi adeemsi mana murtiisaa xiyyeeffannaa guddaa kan argate ture. dhimmichi ijoo dubbii akka ta'u kan godhe keessaa ammoo himatamaa tokkoffaan Yaareed G/ Sillaasee, Abbaan isaa G/Sillaaseen hanga yeroo dhihootti ajejaa Aarmii 22 fi amma ammoo ajajajaa itti aanaa komishinii poolisii naannichaa ta'uudha.
Kana malees Koloneel G/Sillaaseen fira himatamaa lammaffaa Agasoom H/Maariyaami.
Sababa Kanaan adeemsi dhadhachaa yeroon itti jeeqameyyuu tureera.
Adeemsa himataa kana keessatti abbootii seeraarra dhiibbaan gahaa turuun kan himame yoo ta'u, yeroo tokko inumaa hojii isaanii adda kutuuf dirqamanii turuus beeksisanii ture.
Murtii bara 2017 darbe Kanaan boodas himatamtoonni mana murtii olaanaadhaaf ol iyyanna adeeman. Manni murtichaas 'ol iyyannaa hin gaafachiisu' jechuun murtii mana murtii giddu galeessaa akka cimu murteesse.
Akka Kiroos jedhutti, himatamtoonni kunneen sanaan booda gara mana murtii ijibbaataatti ol iyyannoo deeman. Manni murtii Ijibbaataa ammoo dhimmicha gara mana murtii jalqaba murtii kenneetti deebisuun ragaan akka qulqullaa'u ajaje.
"Manni murtii ijibbaataa ragaan orjinaalli tajaajila nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa dhihaatee akka qulqullaa'u ajaje" jedhu.
Akka ajaja kanaatti, ragaan orjinaalli tajaajila nageenyaa fi odeeffannoo federaalaa akka dhihaatu, dhihaatees akka qulqullaa'u sanaan booda ammoo ogeessi dhihaatee ibsa akka irratti kennu ajaje.
"Komishiniin poolisii naannoo Tigraayi ragaa akka fidu gaafatame. Garuu dhaabbata federaalaa irraa gaafatee ragaa dhiheessuu hin dandeenye" jedhu Kiroos.
Kanaaf sababa kan ta'es "Haala siyaasaa amma jiruun, dhaabbilee federaalaa irraa ogeessa ragaa dijitaalaa hiikuu fi yaada ogummaa kennu gara Maqalee dhufuu hin danda'u" kan jedhu dhihaaachuus eeru.
Obboleettii quxxisuu Zawuduu kan taate, Birtukaan Haftuu, murtii kaleessa darbe kanarratti yaada BBCf kenniteen, himatamtoonni ol iyyannoo gaafachuu isaanii hordofee "Ofirraa yaa ittisan moo ofirraa hin ittisan " kan jedhurratti murtii kennuuf dura beellamni qabamee turuu himti.
Akka Kiroos jedhutti ammoo, abukaatoon himatamtootaa "Ragaa jiruun dhimmichi nuuf haa ilaalaamu" jechuun mana murtiitti falman.
"Poolisii fi Abbaan alangaa qulqulleefachuu yoo hin dandeenye ragaa jiruun nuuf haa ilaalamu jedhanii falman. Abbaan alangaa ragaan dhihaachuu qaba, qulqulleessuun itti aana jechuun caalmaatti falmuu qaba ture. garuu ragaa gahaa hin taane jiru Kanaan murtiin kenname" jedhu Kiroos.
Komishinii Poolisii naannoo Tigraayi ragaa kana argachuuf tattaaffii osoo hin taasifne, ragaa gahaa malee murtiirra gahame jechuun adeemsa murtichaa qeequ.
Akka kiroos jedhanitti, abbootii murtii kaleessa dhadhacha irra turan keessaa lama 'Homaa ofirraa ittisuun osoo isaan hin barbaachisin bilisaan akka gadhiifaman' kan jedhu yaada yoo dhiheessan, abbaan seeraa tokko ammoo 'Isaan shakkisiisa ofirraa ittisuu qabu' yaada jedhu qabatanii murtiin suni Kanaan darbe.
Akka Burtukaan jettutti ammoo, bara darbe adeemsa murtii keessatti bilbilli Zawuduu gara Finfinneetti ergamuun koodiin bahee kanshee booda siimkaardiin eenyuu akka keessa kaa'ame lakkoofsaa fi suurasaa waliin bahee ture" jetti.
Zawuduun bilbilicha hanga Hagayya 13, bara 2015 qabattee kan turte yoo ta'u, saniin booda garuu shakkamtoonni kunneen qabachuun ibsamuu BBCtti himte.
Murtii kaleessaa irratti 'Moobayilichi koodii dhiheessitan waliin wal hin simu' akka jedhamee fi komishinarri poolisii magaala Maqalee 'anaan booda jijjiiramee ta'a" yaada jedhu dhadhachaaf kennuus dubbatti.
Du'a lammaffaa nutti ta'e
Murtii kaleessa darbe kanarratti komishiniin poolisii Naannoo Tigraayi waajjira federaalaa irraa 'Sirritti deeggarsa hin gaafanne' jedhanii amanu Kiroos.
Burtukaan gamasheetiin "Waggaa tokkoon booda koodiin kuni sababni jijjiiramuuf hin jiru ture" jettee amanti.
Faayilli dhimma moobaayilii qabu badeera jedhamee turuu kan himtu Burtukaan, mana murtii naannoo irraa bade jedhani jetti. "Nuti akkamitti akka bade hin beeknu. Seera amanneeti kan jirru" jetti.
Himatamtoonni kunneen siimkaardii sana Haftuun erga duuteen booda gabaarraa binne jechuun mana murtii irratti falman.
"Himatamtoota kana bilisa baasuuf yoo hin taane bara darbe murtaa'eera barana maaf irra deebi'ama? gaaffii baayyee namatti uuma. Akka ajaja kanaatti ragaan dabalataa dhihaate osoo hin jiraatin raguma bara darbe murtiin ittiin kennameen barana murtii biraa kennuun Shakkii haqaa kaasa" jedhu Kiroos.
Yeroo itti aanu abbaan alangaa ol iyyannoo gaafata jedhamee eegama.
Burtukaan akka jettutti, murtiin kaleessaa kuni maatii irratti 'Dhiibbaa guddaa uume'.
"Gadda lammaffaa, ajjeechaa lammaffaa nutti ta'e. gadda haaraa nutti ta'e. nu warra jirruuf malee isheedhaaf waan jijjiiru hin qabu. nuuf garuu dura boqonnaa sammuu nuuf kennee ture" jechuun haala maatiin keessa bu'e dubbatti.
Murtii kaleessa himatamtootni bilisaan akka gadhiifaman darbe kana hordofees maatiin miidhamtuu gadda keessa bu'uun bifa haaraan boo'icharra turuu himti.
Zawuduun dhalattee kan guddatte magaala Maqalee bakka Maayi Ambassaa jedhamutti. Ijoollee sadii maatiinshee qaban keessaa isheen hangafa.
Abbaan Ishee hojii eegumsaa, haatisheemmoo Farsoo gurguruudhaan ishee guddisan. Zawuduun Yunvarsiitii Koolleejjii Sheebaa irraa Akaawumtiingiidhaan digiriin eebbifamte.
Ajjeefamuu Zawuduu hordofee abbaanshee Obbo Haftuun Gaddaan lubbuun isaanii akka darbe himti Burtukaan.
"Gidiraansheerra gahe, yeroo lafarrashee harkisan dararama akkamii dabarsite laata? kan jedhu sammuukoo najeeqa. Haala sukaneessaan ajjeesan. Ulfaataadha…" jetti Burtukaan waa'ee obboleettishee kana yoo yaadattu.