Bulchiinsi Tiraamp godaantonni Ameerikaa keessa taa'anii giriin kaardii iyyataa jiran biyyaa akkaa bahan murteesse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Godaantonni Ameerikaa keessa jiraataniifi giriin kaardiif iyyataa jiran hedduunsaanii biyyaa akka bahaniif bulchiinsi Tiraamp murteesse.

Waajjira Tajaajijla Lammummaafi Immigireeshinii Ameerikaa akka beeksisetti namoonni US keessa taa'anii giriin kaardii ykn hayyama jireenyaa eeggataa jiran gaaffii giriin kaardii dhiyeessuuf biyyaa bahuu qabu.

Waajjirichi seerri haaraan godaantonni hayyama giriin kaardii barbaadan US keessaa erga bahanii booda akka gaafatan taasisu bahuus beeksise.

Kunis godaantonni US keessaa jiraataniifi hayyama jireenyaa barbaadan biyya isaanitti erga deebi'anii booda karaa imbasii ykn qonsiilaa US achi jiruu akka gaafatan kan ajajuudha.

Bulchiinsi Tiraamp tarkaanfii kana fudhachuunsaa godaansa seeran alaa gara UStti taasifamu hambisuuf ta'uus beeksise.

Seera haaraa bahe kanaan, namoonni viizaa Ameerikaa qaban US keessa taa'anii giriin kaardiif iyyachuu akka hin dandeenye kan dhorku yoo ta'u, kanneen giriin kaardii argachuuf iyyatan maatiisaanirraa gargar baasa jedhamuun komiin heddu irratti ka'aa jira.

Gama biraan ammoo godaantonni giriin kaardii Ameerikaa argachuuf erga achii bahanii booda gara Ameerikaa akka hin seennef balbala itti cufuuf mala qophaa'edha jedhamees ibsamaa jira.

Waajjira Tajaajijla Lammummaafi Immigireeshinii biyyattii akka ibsetti, barattoonni, kanneen hayyama hojii yeroo gabaabaa qabaniifi turistoonni giriin kaardii barbaadan Ameerikaadhaa erga bahanii booda karaa ministeera dhimma alaa dhimmasaanii raawwachiifachuu danda'u.

Wajjirri Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa fuula X irratti Ameerikaan yeroon isheen itti adeemsa godaansa seeran alaan qisaasoftu darbuu ibse.

Dubbi himaa Waajjira Tajaajila Lammummaafi Immigireeshinii Ameerikaa kan ta'an Zaak Kaahilar, adeemsi haaran giriin kaardii itti argatan kun "godaantonni adeemsa biyya keenyaa seeran akka itti fayyadaman gochuuf kan karoorfameedha" jedhan.

Dabaluunis, "Kanaan booda Ameerikaa keessa namoonni yeroo gabaabaf jiraachuu barbaadan ykn hayyama jireenyaa [giriin kaardii] barbaadan haala rakkisaa humnaan olii keessa yoo jiraataniin ala gara biyyasaanitti deebi'uu qabu" jedhan.

Namoonni Ameerikaa daawwachuuf yeroo deemanis kaayyoonsaanii "giriin kaardii Ameerikaa argachuuf ta'uu hin qabu" jedha dambiin haaraan bahe kun.

Kanneen amma giriin kaardii argachuuf gaafatan irratti dambiin haaraan bahe kun dhiibbaa akkamii akka geessisu ifa miti.

Dubbi himaan Waajjira Tajaajijla Lammummaafi Immigireeshinii Ameerikaa BBCtti akka himanitti, godaatonni diinagdeefi fayidaa biyyaalessaa Ameerikaaf bu'aa buusan gaaffiisaanii haaluma keessa jiraniin itti fufuu akka danda'an ibsan.

"Godaantonni kaan garuu Ameerikaan ala ta'anii giriin kaardiif iyyachuu danda'u," jedhan qondaalli US kun.