Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dirooniiwwan Hezboollaa humna ittisaa Israa'eliif qormaata ta'aa jiran
Hezboollaan haleellaawwan Israa'el irratti yeroo gaggeessu hangi dirooniiwwan xixiqqaa oppereetariin kallattiin ilaalaa kan sochoosu (first-person view - FPV) fayyadamaa jiru yeroodhaa gara yerootti dabaleera.
Diroonota kanneen keessaa hangi ta'an to'annoon kan irratti taasifamu keebiloota faayer optikiin yoo ta'u, kunis sirnawwan ittisaa walxaxoo ta'an jalaa miliquuf dandeessisa.
BBC Verify viidiyoowwan 35 Hezboollaan Bitootessa gara dhumaarraa kaasee gadhiise qorateera.
Viidiyoowwan kunneen, haleellaawwan Hezboollaan loltoota Israa'el kibba Libaanos fi Kaaba Israa'el jiran, konkolaataawwan isaanii sibiila uffatan, akkasumas sirna ittisaawwan qilleensaa irratti raawwatan agarsiisu.
Dirooniiwwan xixiqqaa kunneen sirna to'annoo raadaarii keessa salphaatti darbuu waan danda'aniif, Raayyaan Ittisaa Israa'el "hanga ammaa tarkaanfiiwwan ittisaa bu'a qabeessa ta'e qopheessuu akka hin dandeenye" ogeessonni BBC Verify dubbateera.
Akka ogeessonni kunneen ibsanitti, dirooniiwwan kunneen gabaarratti kan argamaniifi qaamolee 3D Piriinter waliin omishan waliin hojjechuu warra danda'anidha. Bakkawwan irratti xiyyeeffataman gatii olaanaa qaban barbadeessuu danda'u waliin wal bira qabamee yoo ilaalaman gatiin isaanii baayyee 'rakasadha'.
Dirooniiwwan FPV gatiin isaanii rakasa ta'an waraana Raashiyaa fi Yukureen keessatti bal'inaan hojiirra oolamn muuxannoon fayyadamuu tooftaa waraanaa ammayaa jijjiireera.
Waraanni Israa'el miidhaa irra gahe odeeffannoo gadi fageenyaan ibsu ifa hin goone. Gabaasaaleen sabaa-himaaleen Israa'el akka agarsiisanitti garuu dirooniiwwan kanneeniin haleellaawwan raawwatamaniin loltoonni afuriifi namni nagaa tokko ajjeefameera, baayyeen ammoo madaa'aniiru.
Waraanni Israa'el, balaa dirooniiwwan kunneen geessisaa jiran akka hubatuufi humna ittisuu isaa cimsuuf, "moodeelota akeekkachiisaa bu'a qabeessa ta'e" qopheessuuf, akkasumas loltoonni "qophii ta'uufi hubannoo waa'ee yaaddoo kanaa qaban guddisuuf" akka danda'amuuf "maallaqa guddaa" itti baasaa jiraachuu BBC Verify ibseera.
Akka dhaabbanni 'Inistitiyuut foor Naashinaal Sekiyuriitii Istadiis' jedhu agarsiisutti, waraanni Israa'el diroonota FPV waggoota baayyeetiif itti fayyadamaa tureera. Yeroo ammaa kana haleellaawwan Libaanos kibbaa fi Gaazaa keessatti Hamaas irratti raawwachaa jiruuf akka itti gargaaramu dhaabbatichi ibseera.
Xiinxalaa siyaasaa fi jeneraalli duraanii raayyaa Libaanos kan ta'e Hishaa Jaaber BBC Arabic'tti akka dubatetti, dirooniiwwan FPV "raadaariin adda baafamuu dhabuu" danda'u.
Hezboollaan dirooniiwwan gosa kanneen kuusaa isaa keessatti argaman "dhibbaan lakkaa'aman fayyadamuun taankiiwwan dabalatee konkolaataawwan sibiila uffatan fashalsiisuu ibseera.
Hezboollaan waggoota baayyeef dirooniiwwan gurguddaa fayyadamuun xiyyeeffannaawwan kaaba Israa'elitti argaman rukkutaa turuu kan dubbatu Jaaber, dirooniiwwan FPV fayyadamuu jalqabuun isaa "boqonnaa baayyee adda ta'e" keessa galuu isaa akka agarsiisu ibseera.
BBC Verify ji'a Bitootessaa gara dhumaarraa kaasee viidiyoowwan haleellaa dirooniiwwan FPV fayyadamuun gaggeeffaman 100 ta'an Hezboollaan Telegram isaarratti gadhiise argateera.
Isaan keessaas 35 kanneen ta'an sirrii ta'uu isaaniis mirkaneeffateera.
Hezboollaan walitti bu'iinsi kun Guraandhala 28 jalqabamuu dura viidiyoowwan haleellaa kanneen agarsiisan gadhiisaa kan ture hin fakkaatu.
Viidiyoon Kamisa Caamsaa 15 gadhiifameefi sirrii ta'uun isaa mirkaneeffame tokko, yoo xiqqaate dirooniiwwan FPV naannoo Kiiryaat Shimoonaa jedhamutti dhiyoo jirutti kan argamu kaampii daangaa Israa'el irratti haleellaan wayita raawwatamuufi konkolaataawwan waraanaa duraafi duubaan yeroo irratti xiyyeeffatan agarsiisa. Yoo xiqqaate konkolaataawwan lama miidhaan guddaa akka irra gahe ykn barbadaa'an arguun ni danda'ama.
BBCn, yoo xiqqaate haleellaawwan lama magaalaa Taayibeeh jedhamtu keessatti raawwataman dababalatee,haleellaawwan wal fakkaatan Libaanos kibbaa keessatti gaggeeffaman hordofeera. Viidiyoowwan kunneen loltoonni yeroo irratti xiyyeeffatamu agarsiisa.
Itti aansuun ammoo loltoota madaa'an fayyisuurra kan turan elikooptara Israa'elitti dhiyootti haleella abiroo yeroo raawwatan ni mul'ata. Haleellaa kanaan loltuun tokko akka ajjeefameefi ja'a ammoo akka madaa'an sabaa-himaaleen Israa'el gabaasaniiru.
Dirooniiwwan kunneen keessaa garri caalan balali'aa kan turan raadiyoon ykn siginaala keebilii hin qabneen osoo hin taane walitti dhufeenya keebilii faayibar optiksiinidha. Kana ta'uun isaa ammoo amma hojiirra kan jiran ittisa haleellaa Israa'el fayyadamuun butuu rakkisaa taasisa.
Landan Kingis Kollejjitti ogeessa nageenyaa kan ta'e Dr. Andiriyaas Kireeg BBC Verify'f akka ibsetti, faayer optiks dandeettii Israa'el dirooniiwwan adda baasuufi butuu "harka caalu hojiin ala" taasisa.
Keessumaa oppereetarii dirooniiwwan kanneen balaliisu barbaadanii argachuu caalaa rakkisaa akka taasisu ibseera.
Akka ibsa ogeessa kanaatti, loltoonni Israa'el "caalaa of eeggannootiin akka socho'an, naannoo qabatanii jiran akka jabeeffatan, tooftaawwan ittisaa kan akka maniifi saanduuqaawwan sibiilaa akka fayyadaman," dirqisiisaa jiru.
Tarkaanfiiwwan ittisaa naannoo batalumatti fudhataman irratti xiyyeeffannoo caalaa kennuun dirqama akka itti ta'e dubbateera.
Hezboollaan dirooniiwwan kanneen bakkeewwan akka Chaayinaa irraa kan galan ykn gabaarraa salphaatti kan argaman qaamolee gara garaa fayyadamuun biyya keessatti gan walitti qaban ta'uu akka danda'u ogeessi nageenya akun ibseera. Gatiin diroonii tokkoos dolaara 300 hanga 500tti akka tilmaamamu dabaluun ibseera.
Senter foor Infoormeeshinii Reziiliyaansitti ogeessi meeshaa fi qorataa ol aanaa kan ta'e Liyoon Hadaavii akka dubatutti, qaamoleen diroonii gabaarraa argaman 3D piriintarii fayyadamuun kutaalee meeshaa omishamaniin deeggaramu.
"Salphaatti argamuu danda'uu isaanii fi hojmaata dhimma waraanaa hin taane qabanirraa kan ka'een bakka kutaaleen isaanii irraa argaman hordofuun baayyee rakkisaa akka ta'u godheera. Dirooniiwwan FPV kunneen Libaanos kibbaatti haala gahaa ta'een kan argamu mataa dhootuu RPG baatu," jechuun ibseera.
Haleellaawwan diroonii FPV konkolaataawwan sibiila uffatan baayyee eegumsi taasifamuuf balaaf saaxilan dabalaa dhufuun isaanii "dhiibbaan qoor-qalbii" loltoota Israa'el irratti geessisaa jiru ol aanaa akka fakkaatu Hadaaviin BBC Verify'tti dubbateera.
Walitti bu'ins Israa'el fi Hezboollaa tibba kana itti hammaate kan jalqabe, erga Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti waraana bananii guyyoota lamaan boodadha jalqaba Bitootessa 2026 ture.
Ameerikaa fi Israa'el haleellaa walitti aansuun gaggeessaniin hogganaa waliigalaa Ayaatolaa Kameenii dabalatee aanga'oota Iraan baayyee ajjeesaniiru.
Hezboollaan ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameenii hordofee Israa'elitti ruukkeettii dhukaaseera.
Israa'el ammoo gama isheetiin Libaanos irratti haleellaa qilleensaa bal'aa raawwachuun kutaa biyyattii gama kibbaan jiru loltoota lafoo bobbaasuun deebii kenniteetti.
Akka ragaan ministeera fayyaa Libaanos agarsiisutti, erga waraanni kun jalqabee kaasee namoonni 2,896 ajjeefamaniiru. Isaan keessaa 400 ol kanneen ta'an kan ajjeefaman pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ebla keessa waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallatteeffamuu isaa erga labseetii boodadha.
Ragaan Ministeerri fayyaa Libaanos dhiyeesse lakkoofsa namoota du'anii hidhattootaa fi namoota nagaa adda baasee hin keenye.
Erga walitti bu'iinsi kun jalqabee kaasee lammileen Libaanos miliyoona tokkoo ol ta'an qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Israa'el gama isheetiin walitti bu'iinsa kanaan loltoota afur, akkasumas namoonni nagaa 18 jalaa akka ajjeefaman ibsiteetti.