Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa hidhattootaan Matakkal keessatti raawwateen namoonni 30 ajjeefaman
Naannoo Benshaangul Gumuz keessatti, Kibxata Caamsaa 4/2018, haleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni 30 ol ta'an ajjeefamuu isaanii maatiiwwan balaa sanaan miidhaman fi jiraattonni BBCtti himan.
Haleellaan kanaan namoonni hedduun ajjeefamuu himanii haleellichi konkolaataa uummataa imaltoota fe'anii magaalaa guddoo naannichaa Asoosa irraa ka'an irratti raawwatamu himan.
Haleellaa kana keessatti namoota nagaa 35 ta'an ajjeefamuu fi namoonni 50 ol ammoo madaa'uu isaanii, akkasumas konkolaataan gubamuu isaanii madda hospitaalaa fi maatiiwwan miidhamtootaa irraa BBC'n iyyaafateera.
Miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa naannichi irraa filataman Dr. Mabraatuu Alamuu, haleellaa yeroo dhiyoo keessatti raawwataman keessaa kun isa ''hamaa dha" jechuun ibsaniiru.
Haleellaan kun konkolaataa afur gara magaalaa guddoo godina Matakkal, Gilgal Beles deemaa turan irratti, giddugala aanaa Dangur fi Guba keessatti, ganda Ayyisidii yookaan Misooma Qonnaa Afrikaa jedhamutti raawwatamuu isaa BBCn hubateera.
Hidhattoonni haleellaa kana yeroo raawwatan, imaltoota konkolaataa uummataa "kittikit" jedhamuun beekaman irraa buusuudhaan, jalqaba saamicha erga raawwatanii booda dhukaasa banuun ajjeechaa raawwachuu isaanii jiraataan tokko ibseera.
Warra ajjeefaman keessaa daa'imaa waggaa afurii Dayamandi Yohannis jedhamu fi haati isaa Tsahainesh Amisaa jedhamtu akka jiran maatiin isaanii BBCtti himaniiru.
Haati daa'imaa kanaa Tsahayinesh,waggoota saddeet Sa'uudii Arabiyaa keessatti hojjettee gara biyyaa deebi'uun, magaalaa Asoosaa keessa daldala irratti bobba'uudhaan jiraachaa kan turte ta'uu maatiin ishee ibsaniiru.
Tsahayinesh haadha ishee dhukkubsattuu gaafachuuf daa'ima ishee qabattee gara aanaa Bulen deemaa yeroo turte haleellaa hidhattootaan raawwatameen daa'ima ishee waliin ajjeefamte.
"Duraan abbaa ishee osoo hin argiin waan du'eef, ammas 'haadha koo osoon hin argin akka hin duune' jettee, waggoota 13 booda haadha ishee arguuf deemaa turte," jechuun miseensi maatii tokko haala isheen itti imalte BBCtti hime.
Jiraataan tokko akka BBCtti himetti, namoota haleellaa kanaan ajjeefaman 30 ol ta'an dabalataan, namoonni 57 ta'anis madaa'aniiru.
Hoji-gaggeessaan Hospitaala Paawee, Obbo Namarraa Itiichaa, namoota haleellaa keessatti madaa'an keessaa lama hospitaala isaanii keessatti yaala hatattamaa akka argatan BBC'f mirkaneessaniiru.
Jiraataan magaalaa Gilgal Beles tokko, kan namoonni lama maatii isaa keessaa haleellaa kana irraa lubbuun hafan, haleellaan kun kan raawwate "sababiin biraa hin qabu, kaayyoon isaanii saamuu fi ajjeesuu dha" jedheera.
Jiraattonni naannichaa fi ragaa-baattonni akka himanitti, haleellaa kana kan raawwatatan garee hidhattootaa mootummaa waliin waliigaltee nagaa godhatanii turanii turanidha.
Gareen kun akkasumas nama "Obbo Mekuriyaw Bisa" jedhamuun kan hogganaman ta'uu ibsaniiru.
Miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa naannichaa Dr Mabraatuu Alamuu gama isaaniitiin, gareen haleellaa kana raawwate hidhattootaa "Humna Tokkummaa Gumuz" ofiin jedhan ta'uu isaanii akka hin oolle ibsaniiru.
Akka ibsa isaanii kanaatti, hidhattoonni kunneen "gara waliigaltee nagaatti deebi'anii turan; amma garuu waraana isaanii of danda'anii gurmeessanii, Sudaan keessa seenanii bahaa jiru" jedhaniiru.
Gareen kun, Ebla 16/2018 A.L.I., mana sirreessaa magaalaa Gilgal Beles keessatti argamu haleeluuf yaalii godhee akka tures himaniiru.
Guyyaa sana Hidhattoonni kunneen 'miseensota isaanii baasuuf" yaalii godhanii, humna nageenyaa mootummaa wlaiin walitti dhukaasuun lubbuun namoota torbaa darbee akka tures himan.
Matakkal keessa sodaan nageenyaa guddaan akka jiru jiraattonni himaniiru.
"Uummanni baay'ee soda keessa jira... hojjettoonni hundi hojii isaanii dhiisanii bahaniiru. Poolisiin qofatu waajjirawwan eegaa ture sodaan guddaan jira" jedheera.
Miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa naannichaa Dr Mabraatuu Alamuu,
"Haalli nageenyaa amma fooyya'aa jira jedhamuun eegumsi hir'achaa deemuu fi konkolaataanis eegumsa waraanaa malee deemuu jalqabeera," jedhaniiru.
Dhiyeenya kana daldaltoota (abbootii qabeenyaa) irratti haleellaan raawwatamuu isaa miseensi mana maree kun yaadachiisaniiru.
BBCn haleellaa hidhattootan raawwatamee namoonni hedduun itti ajjeefamanii fi madaa'an ilaalchisee, qondaalota mootummaa naannichaa fi godinichaa irraa yaada argachuuf yaalii godhe hin milkoofne.
Jiraattonni BBC'f yaada isaanii kennan nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafataniiru.