Addunyaan maallaqa Chaayinaa yuwaaniin daldaluutti ce'uufi?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwachaa jirtu doollaarri Ameerikaa gatii akka addunyaatti qabu dhabsiisuu mala dubbii jedhu kaaseera.

Waraanni kuni jalqabuun booda Iraan Ulaa Hormuuz cufuun taankaroota boba'aa achiin daddabarban qarshii Chaayinaa yuwaaniifi kiriptookaaransii fayyadamuun kaffalchiisaa jirti.

Haa tahu malee doolaarri Ameerikaa diinagdeen addunyaa irra guddaan ittiin socho'u balaarra jira, yoo waraanni Iraan itti fufe yuwaan akkamiin doolaara bakka bu'uu danda'a?

Kanaan dura gatiin boba'aa kan murtaa'u doolaara Ameerikaan ture, yeroo ammaa kana boba'aan addunyaa harki 85 doolaaraan gurgurama.

Raashiyaa, Chaayinaafi Iraan humna doolaaraa dhaabsisuuf fedhii qabaachuun alatti yeroo dheeraaf waan geeddarame hin jiru.

Kuufama maallaqaafis haalli jiru wal-fakkaataa dha. Baankonni qarshii kan kuusan doolaaraani.

Kuufama maallaqaa addunyaa harki 60 doolaaraan jira. Harki 20 yuroo yoo tahu kan hafe qarshii biyyoota Lixaan kuufamee jira. Maallaqni Chaayinaa yuwaan dhibbeentaa lama qofa qabata.

Haalli kunimmoo kan maddu Ameerikaan diinagdee addunyaa isa guddaafi ammayyaawaa tahe qabaachuurraani.

Ameerikaan biyya gabaa faayinaansii guddaa tahe qabdi, maallaqani bilisaan socho'a, baankii biyyaalessaa walabaa akaasumas biiznasawwan bu'aa olaanaa addunyaa qaban qabdi.

Haa tahu malee yeroo Donaaldi Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi'e humni doolaaraa raafamuu jalqabe.

Bara darbe doolaarri gatiisaa %8 dhabe.

Addunyaan waa'ee tasriimoo haaraa haasa'uu jalqabde innis ''Ameerikaa gurguruu'' jedhama.

Gatii dhabaa dhufuu doolaara kana qeeqxonni waraana daldalaa Tiraamp addunyaa waliin banetu sababa jedhu.

Haleellaa michoota irratti taasisuufi Ameerikaan dhiibbaa siyaasaa fi diinagdee gochuuf humna waraanaafi diinagdee fayyadamuus kaasu.

Gadi bu'uun gatii doolaaraa hamma Ameerikaan bara kana Iraaniin haleeltutti ittuma fufaa ture.

Tiraamp akkuma naannoo addunyaa boba'aa oomishu haleeleen diinagdeen addunyaa kufuuf gatantaruutti ka'e. Gatiin doolaaraa gad bu'uurra deebi'ee ol ka'uu jalqabe.

Boba'aa bituuf doolaara yuwaanitti geeddarraa?

Iraan, Raashiyaafi Saa'udi Arabiyaan boba'aa isaanii yuwaaniin gurguranillee gatiin doolaaraa ammallee socho'aa hin jiru.

Gabaa boba'aa addunyaa irratti yuwaan dhibbeentaa tokkoo hanga lamaa qofa qabata. Kan hafe doolaaraan gurgurama.

Gabaa boba'aa irratti gatiin doolaaraa jabaa tahee kan itti fufeef rakkoo bara 1970 -waraana Arabaafi Israa'el hordosfisise dha.

Isa booda Warraaqsi Islaamaa Iraan Ameerikaafi Saa'udiin boba'aa doolaaraan qofa akka daldalan godhe.

Haalli kuni hamma ammaatti itti fufee jira. Haa tahu malee akka xiinxaltoonni jedhanitti doollaarri gosoota maallaqaa irra aanee akka turu sababni guddaan dhimma biraa dha.

Rakkoo boba'aa bara 1970 booda biyyoota Galoo-galaanaa Parshiyaa doolaarri waan itti baayyateef galii boba'aarraa argatan biyyoota isaanii akkaan hin guddanne keessatti iddoo buusan waan dhabaniif qusannoofi liqaa qarshii jalqaban.

Karaan bu'aa qabeessi ittii doolaara isaani guddisan ammoo Ameerikaaf qarshii liqeessuufi baankota Ameerikaa keessa keewwachuu ture.

Haa tahu malee Ameerikaan Israa'el deeggaruu jalqabde, biyyoota diina Israa'el tahaniif qarshii liqeessuutti gammadduu hin turre. Garuu al kallattiin liqeessaa turte.

Haala kanaan wiirtuleen faayinaansii addunyaa Landan, Zuuriik, Hoong Koong fi Dubaayi keessa dhalatan.