Umrii malee 'jaarsatti' heerumuu hanga Giiftii Duree biyyaa tahuutti

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Landan keessatti koolugaltummaa gaafachuun miira akkamii qaba? gaaffiin jedhu Aadde Faaximaa Baayoof yeroo dhihaatuu xiqqoo yaadanii akkana jedhan.

''Jaarsa dubbii nama suufutti heerumanii jiraachuurra wayya,'' jechuun kolfaa deebisan.

Jaarsa dubbii nama suufu jedhanitti akka heeruman kan itti murtaa'e fedha isaanii maleeti. Yeroo ijoollee turan abbaan isaanii jaarsatti isaan heerumsiisuuf yaadan.

Jireenyi Aadde Faaximaa bara dargaggummaa isaanii hin fakkaatu. Jalqaba taatoo ta'an, achii Landan keessatti nama tokko waliin wal baran.

Dhiibbaa lammiileen biyyattii ala jiraatan qaban irratti osoo gaaffiifi deebii waliin taasisaniiti ture nama kana waliin kan walbaran.

Juuliyas Baayoo jedhamu. Amma lamaan isaanii gaa'ila tolfataniiru. Abbaan warraa isaaniimmoo, Juliyas, pirezidantii Seeraa Liyoon ta'aniiru.

Waa'ee Giiftii Duree Faaximaa ilaalchonni wal darban dhagahamu. Dargaggoonni isaan abdatu. Mirga dubartootaaf qabsaa'u kan jedhanis jiru.

Gama kaaniin paartii abbaa warraa isaanii keessa seenuun hojii isaanii malee yaada kennuu baay'isu jedhanii kan isaan qeeqanis jiru.

Miseensonni parlaamaa mormii isaanii kan dhageessisan Aadde Faaximaarratti iyyuuni.

Aadde Faaximaan miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti nama qoricha daddabarsu dhiheessaniiru jedhamanis hamatamu.

Isaan garuu namicha hin beeku jedhaniiru.

Seeraa Liiyoon keessatti shamarran umrii malee akka hin heerumne seerri dhorku akka bahu sochii guddaa taasisaniiru.

Sochii kana seenaa isaaniirraa ka'aniiti eegalan. Yeroo umriin isaanii 13 ta'u akka heeruman murtaa'e.

Abbaan isaanii bulchiinsa Kaanoo keessatti warqee qotaniiti isaan bulchu.

Faaximaan nama umriin isaa 30 keessa jirutti akka heeruman yeroo murtaa'u ijoollee turan.

Nama akka itti heerumuf barbaadamu akka eessuma isaanitti ilaalaa guddatan.

''Gaa'illi mariif kan dhihaate osoo hin taane kan murtaa'e lafa taa'e ture,'' jedhu Faaximaan.

Bara 1966 yeroo gahu umriin isaanii 16 guute. Yeroo sagantaan cidhaa eegalu garuu wal waraansi eegale.

Hookkara ka'een fayyadamanii jala bultii Ayyaana Qillee kanateeraa uffatanii biyya isaanii keessaa gara Yunaayitid Kingidam baqatan.

Hangam akka isaanitti qorre har'allee yaadatu. Landanitti fira fagoo waliin jiraachuu eegalan.

''Ingiliziin biyya dinqiiti. Ingilizii gaafan seenu bilisummaa kiyyan argadhe, mirgakoof qabsaa'uun danda'e.

''Ammammoo dargaggoota baay'eef nan qabsaa'a,'' jechuun ibsu.

Manni isaan yeroos keessa jiraatan amma ijoolleen isaanii keessa jiraatu.

Manni kuni yeroo ammaa namoota humni isaanii laafef akka gargaarsaatti dhihaatu keessaa tokko.

Aadde Faaximaan Giiftii Durees ta'anii manicha gadhiisuu dhabuu isaaniin qeeqamu.

Yeroo ammaa Seeraa Liyoon magaalaa guddoo Firiitaawon keessatti mana qaalii keessa jiraatu.

Mana Landan jiruun walqabatee miidiyaaleen Ingiliziis ta'e Seeraa Liyoon isaan qeequun gabaasaniiru.

Sagantaa hawaasummaan namoonni mana argachuuf eegan 18,000 gahaniiru.

Giiftiin Duree Faaximaan garuu ''ijoolleen kiyya lammiilee Ingilizidha. Manichaaf nan kaffala. Yakki raawwadhe hin jiru,'' jechuun falmu.

Manicha kan bulchu Saawuzwaak Kaawunsil gaaffii BBC irraa dhihaatef ''waa'ee namoota dhuunfaa yaada hin kenninu. Kireeffattoonni waliigaltee yoo cabsan garuu qorannoon ni taasifama,'' jechuun deebiseera.

Maatiin Faaximaa lafa qonnaa magaalaa Firiitaawonitti dhihoo jiru qaba. Abbaa warraa isaanii waliin yeroo baay'ee achitti dabarsu.

Abbaan warraa isaanii dur loltuu turan. Bara 2018 pirezidantii ta'anii filataman. Bara 2023's irra deebiin aangoo qabataniiru.

Faaximaan yeroo maasii keessa ta'an gammachuu qabu. Uffata taphattoota Arsenaal uffatanii maasii daawwatu.

Hindaaqqoofi re'ee dabalatee bineeldota kaan horsiisu.

Miidiyaaleen idil-addunyaa waa'ee Seeraa Liyoon yeroo gabaasan daa'imman umrii malee qawwee qabataniifi albuuda baasuuf lola mudatuurratti xiyyeeffatu.

Jireenyi Giiftii Duree kanarraa addadha.

Maasii isaanii miidiyaa hawaasummaa irratti beeksisuun namoota baay'ee dadammaqsuu yaalu.

Namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii hordofu.

Giiftiin Duree shubbisaa viidiyoo maxxansu, kallattiin hordoftoota isaanii waliinis dubbatu.

Dhimmoota hawaasni dubbachuuf safeeffatu kanneen akka miidhaa sababa harka qal'achuun dubartoonni meeshaalee qulqullinaa yeroo laguu itti dhimma bahan dhabuu isaanii mudatu dubbatu.

Seeraa Liyoon dubartootaa meeshaalee qulqullinaa akkanaa hin dhiheessitu.

Biyyoonni kanneen akka Keeniyaa, Botiswaanaa, Afrikaa Kibbaafi Zaambiyaatti garuu meeshaalee dubartoonni qulqullinaaf itti dhimma bahan tolaan dhiheessu.

Dhaabbanni UN dhimma daa'immaniirratti hojjetu, UNICEF, odeeffannoo baaseen Seeraa Liyoon keessatti dubartoonni laguun isaanii yeroo dhufu mana barnootaarraa hafu.

''Sababa laguun dubartoonni waggaatti yoo xiqqaate guyyoota 80 mana barnootarraa hafu. [Kuni] Barri barnootaa tokko isaan miliqa jechuudha,'' jedhu Faaximaan.

Wal qiixxummaan dubartootaa akka hin kabajamne kan dubbatan Giiftii Dureen kuni, bakkeewwan garagaraa adeemuun meeshaalee qulqullinaa qoodu.

''Dubartoonni akka baratan nan barbaada. Dubartoonni yeroo baratan ofii isaanii murteessu,'' jechuun dubbatu.

Waldaan Giiftiiwwan Duree Afrikaa sochii Faaximaa ifatti deeggara

Gama kaaniin, qeeqxonni isaanii itti gaafatama isaanirra darbanii hojjetaa jiru jechuun isaan qeequ.

Aadde Faaximaan paartii Seeraa Liyoon bulchaa jiru keessa dammaqinaan hirmaatu. Namoota siyaasaa jaalatan ifatti deeggaruun beekamu.

Abbaan warraa isaanii jiraachuu baatanis bakkeewwan adda addaatti haasaa taasisu.

Haasaa Af yaa'ii dabalatee namoota siyaasaa dhaaba biyya bulchu keessa jiran qeequ miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti qoodu.

Waggaa darbe Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Seeraa Liyoonitti haasaa baniinsaa yeroo taasisan miseensonni Aadde Faaximaa irratti iyyaa mormii isaanii ibsaniiru.

Miidiyaaleen Seeraa Liyoon akka gabaasanitti miseensonni parlaamaa muuziqaa dubartoota daldala saal qunnamtii keessa bobba'aniif sirbame itti sirbaniiru.

Faaximaan gurra isaaniitti hedfoonii godhachuun dubbii miseensota parlaamaa itti dhiisaniiru. Baay'ees akka hin aarre dubbatu.

''Dhiironni hunduu akka hin baranne mul'isa. Wal qixxummaafi ga'umsa dubartootaan dhiironni hunduu hin amanan.

''Yeroo dheeraaf falmituu mirgaan ture. Haadha warraa qofa ta'e hafuu hin fedhu,'' jechuun dubbatu.

Komii hawaasaaf gurra kennuun mootummaan waan galtee ta'u akka dhiheessan dubbatu.

Deebii mootummaa immoo ummataan gahuun itti gaafatama isaanii bahu.