Raayyaan Ittisa Biyyaa dhimma 'Tsimdoo' ilaalchisee hawaasa dippilomaasii Finfinnee jiruuf ibsa kennuu hime

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa sochii 'Tsimdoo' jedhamuun wal-qabatee, yaaddoon "birmadummaa Itoophiyaa" irratti aggaamamu' yoo jiraate tarkaanfii fudhatu ilaalchisee hawaasa dippilomaasii biyya keessa jiruuf beeksisuu isaa ibse.

Daayirektarri sabqunnamtii alaa fi tumsa loltummaa waraanaa raayyaa ittisa biyyaa Meejar Jeneraal Tashoomaa Gammachuu, qaamolee sochii kana lafa qabsiisna jedhan akeekkachiisan.

Meejar Jeneraal Tashoomaa Gammachuu kana kan beeksisan kaleessaa Jimaata Caamsaa 22, 2026 gaaffi fi deebii miidiyaa mootummaa waliin tolchaniini.

Gaaffi fi deebiin daqiiqaa 21 dheeratu kun guutumatti sochii maqaa 'Tsimdoo' jedhamuun godhamurratti kan xiyyeeffate.

Gaaffii fi deebiin Meejar Jeneraal Tashoomaa Gammachuu kun kan tamsa'e, mormitoonni Itoophiyaa garaa garaa akkasumas namoonni Sudaanii fi Eertiraa irraa ta'uu isaanii ibsame magaalaa Poorti Sudaan keessatti walga'ii gaggeessuu isaanii viidiyoon agarsiisu gadi lakkifamee guyyoota muraasa boodadha.

Viidiyoon qophii kana agarsiisu chaanaalii Yuutuubii 'Hidmoonaa TV' jedhamuu fi mootummaa Eertiraa waliin hidhata qabu irratti gadi lakkifame.

Kanaan dura jechi 'Tsimdoo' jedhu, tumsa hoggantoota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay ABUT fi Eertiraa gidduutti taasifamu ibsuuf dhimma itti bahamaa ture.

Hanga ammaa garee lachuu sadarkaa hoggansaatti hariiroo uummachuu ifatti hin himne.

Gaaffii fi deebii kanarratti Meejar Jeneraal Tashooman; dhiyoo kana adeemsi Tsimdoo jedhamtu jalqabamuu ibsanii, waa'ee maalummaa isaa gaafataman.

Sochii kana "farra-birmadummaa" jechuun kan ibsan Meejar Jeneraal Tashoomaan, Itoophiyaanota 'gateettii isaanii waanjoo Fara'ooniif' kennanii fi "tuuta naannichaa irratti argamaniin" kan uumamedha jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa "chaanaalii isaatiin" miseensonni ''attaacheewwan'' teessoon isaanii Itoophiyaa ta'e dhimma kana "akka gaariitti akka beekanii fi hubannoo akka argataniif hojii bal'aan" hojjetamuu beeksiseera.

Daayirektarri sabqunnamtii alaa fi tumsa loltummaa waraanaa raayyaa ittisa biyyaa akka ibsetti; ''ataasheewwan biyya keessa jiraniif dhimma kana irratti hubannoo kennuun kan barbaachiseef ambaasaaddoroota isaaniitiif namootaafi qaamolee duraa' waan tahaniifi.

Dabalataanis, bor akka tasaa yaada kana lafa qabsiisu jedhee qaamni hojjetu yoo jiraate deebiin kennamu hawaasa dippilomaasiitiif dursee kan ibsame akka ta'u yaadamee akka ta'es ibsaniiru.

Dhimma yaada kana waliin wal-qabatuun bor dhimmi [tarkaanfii] guddaa hordofsiisu yoo ka'e, hayyama eenyuyyuu gaafachuun kan hin barbaachifne ta'us; michoonni keenya, namoonni nu waliin hojjetanii fi namoonni alaa yaada kana akka hubatan gochuun barbaachisaa waan ta'eefi" jechuun ibsaniiru.

Meejar Jeneraal Tashooman, Ministeerri Dhimma Alaa biyyattiis dhimma kana irratti hojii wal-fakkaataa ni hojjeta jedhanii akka amananis ibsan.

Daayirektarichi sochiin kun 'yaaddoo nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaa' godhamee akka hin fudhatamne kan dubbatan yoo ta'u, yaada kana hojiitti hiikuuf tarkaanfii fudhatamu ilaalchisee garuu akeekkachiisaniiru.

"Dhimma yaada Tsimdoo tana ilaalchisee garuu; abjuu tana gara lafaatti gadi buusna jedhanii taakkuu takka yoo socho'an, akka biyya birmadummaa qabduutti dhaabbanni kun [Raayyaa] immoo dirqamni mootummaadhaan kennameefii, itti gaafatamummaan kennameefii, akka qaama birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf hojjetuutti, akkuma gagaan ibiddaan baqu ni baqu, isaanis ni baqu jennee yaadna, amannas" jedhan.

Ji'a Ebla darbe keessa waraanni Sudaan Jeneraal Abdul fattaa Al-Burhaaniin hoogganamu, droononni UAE Itoophiyaa Sudaan keessatti haleellaa raawwachuun hiumatee ture.

Himannaa kana 'bu'uura kan hin qabne' jechuun kan busheesse mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin, Sudaan 'humnoota farra Itoophiyaa adda addaatiif akka wiirtuutti tajaajilaa' jiraachuu ishee eeruun deebii kennuun himae