Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaafi Ameerikaan dhimmoota ijoo sadiirratti waliigaltee mallatteessan
Itoophiyaafi Yunaayitid Isteet waliigaltee waloo Gaanfa Afrikaatti nagaafi tasgabbii fooyyessuuf gargaaru ifa godhan.
Gaafa Wiixataa biyyoonni lamaan waliigaltee dhimmoota waloofi naannoo Gaanfa Afrikaa irratti xiyyeeffatan mallatteessaniiru.
Waliigalteen kunis 'Bilateral Structured Dialogue' jechuunis Marii Waloo Caaseffame akka ta'e Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.
Waliigalteen kuni gama Itoophiyaan Ministira Dhimma Alaa Dr Gidewoon Ximootewos fi gama US Ministira Dhimma Alaa Ameerikaatti Ministira Itti-aantuu dhimma siyaasaa Aliisan Huukar mallatteessaniiru.
Kaayyoon ijoo waliigaltee kanaa hariiroo biyyoota lameenii cimsuurratti kan xiyyeeffatedha.
Waliigalteen kuni yeroo Ameerikaan qoqqobbii Ertiraarra keesse kaasuun Asmaraa waliin hariiroo tolfachuuf akka jettu yeroo gabaafamaa jiru dhagahame.
Gama kaaniin, Kaaba Itoophiyaatti Itoophiyaafi Ertiraa gidduu walitti bu'iinsi uumamuu mala yaaddoon jedhu cimeera.
Waliigaltee kana biratti Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Gediwoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo waliin mari'ataniiru.
Yeroo kanatti Ruubiyoon ''Itoophiyaan Baha Afrikaa keessatti wiixinee qophaa'e hojiirra oolchuufi walitti bu'iinsa qabbaneessuu keessatti qooda guddaa'' akka qabdu ibsuu Ministirri Dhimma Alaa US ibsa baaseen himeera.
Dabalataan, ''michummaa nageenyaa US fi Itoophiyaa'' gidduu jiruufi carraa daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru fayyadamuuf ''tarkaanfii olaanaa'' fudhatame jiruurrattis dubbataniiru jedhame.
Dhimmoota ijoo sadan
Waliigalteewwan ijoo Itoophiyaafi Ameerikaan irratti waliigalan bal'inaan ifa hin taane.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa akka ibsetti, waliigalteen kuni dhimmoota ijoo sadii biyyoonni sadan irratti wal ta'anirratti xiyyeeffata.
Inni jalqabaa badhaadhina dinagdee, daldalaafi invastimantiidha. Bulchiinsi US amma aangoorra jiru biyyoota Afrikaa waliin hariiroo daldalaa cimaa uumuu barbaada.
Dhimma kanarratti waliigalteen US Itoophiyaa waliin irratti wal taate jiraachuu malee maal akka ta'e hin beekamu.
Inni lammataa wal ta'umsa waraanaafi nageenyaati. Biyyoonni lamaan fedhii waloon galmaan gahuuf waliigaluu ibsa.
Itoophiyaan waggoota dheeraaf hariiroo jabaa Itoophiyaa waliin itti tolfatte keessaa tokko waraanadha.
Keessumaa gaanfa Afrikaatti sochii hidhattoota al-Shabaab qolachuufi Baha Afrikaatti nagaa buusuu keessatti qooda bahataa turteetti.
Haa ta'u malee, sababa waraana Kaaba Itoophiyaan Ameerikaan deeggarsa nageenyaa Itoophiyaaf taasistu daangessitee turte.
Qeeqxonni haala amma Itoophiyaa keessa jiruufi hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu eeruun Itoophiyaan yeroo ammaa Gaanfa Afrikaatti nagaa buusuu osoo hin taane madda waldhibdee taatetti jedhanii amanu.
Itoophiyaan immoo biyyarra dabartee Gaanfa Afrikaa tiksuu, nageenya Galaana Diimaaf wabii ta'uu akka barbaaddu dubbataa jirti.
Inni ijoo biraa nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuurratti walta'umsaan sosso'uudha.
Waa'ee nageenya Galaana Diimaa
Gama kaaniin Ministira Dhimma Alaa Ameerikaatti gorsaa olaanaa dhimma Arabaafi Afrikaa kan ta'an Masad Buulos Dr Gediwoon waliin mari'achuu ibsaniiru.
Mariin isaaniis Laga Naayil, Hidha Guddicha Itoophiyaa, karaatti Sudaanitti nagaa buusaniifi waa'ee ''nageenya maritaayimii Galaana Diimaa'' mari'achuu dubbatan.
Jila Itoophiyaa keessa hogganaan tika Itoophiyaa Obbo Reduwaan Huseen, aangawoonni Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaafi kaan argamaniiru.
Akkasumas gorsaan dinagdee Ministira Muummee Abiy Ahimad Ambaasaaddar Girmaa Birruullee jiru.
Jilli Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwosiin hoogganamu aangawoota Yunaayitid Isteet garagaraa waliin karaatti hariiroo biyyoota lamaanii fooyyessuun danda'amuurratti mari'ataniiru.
Hariiroo US fi Itoophiyaa
Itoophiyaa fi US hariiroo waggaa 100 caaluufi murteessaadha jedhame qabu. Hariiroon kuni bara Dargiin ala cimee kan itti fufe ture.
Keessumaa bara ADWUI Itoophiyaan sochii shororkeessitoota Somaaliyaa keessaa adamsuun Ameerikaa waliin michummaa ishee cimsatteetti.
Ta'us, waraanni Tigraayitti adeemaa ture hariiroo cimaa biyyoota lamaanii qoreera.
Sarbamni mirga namoomaa jabaan raawwatuufi waraanichi mariin akka furmaata argatu gaafachuun Ameerikaan irra-deddeebiin yaaddoo himataa turte.
Gama kaaniin Itoophiyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota lixaa gidduu seentummaan himachaa, birmadummaa ishee kan dhiiban ta'u ibsaa turte.
Waraanichi yeroo hammaatetti Pirezidantiin Ameerikaa Itoophiyaa adabuufi tarkaanfii fudhachuuf Fulbaana 2021 ajaja dabarsani.
US hoggantoonni Itoophiyaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkuun alatti deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu dhaabdeetti.
Sirna gabaarraa bilisaa AGOA irraa akka haqamtu gochuun lammiileen 200,000 ol ta'aniifi keessumaa paarkiilee indastirii keessa dalagan hojii akka dhaban ta'eera.
Waraanichi hariiroo Itoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu qofa osoo hin taane hariiroo biyyoota lixaa waliin qabdu rakkoo keessa kan buuse ture.
Erga Pirezidant Tiraamp aangootti dhufanii boodammoo keessumaa dhimma Hidha Haaromsa Itoophiyaan US waliin muddamni cimeera.
Tiraamp irra deddeebiin hidhi kuni ''maallaqa Ameerikaan'' ijaarame jechuun dubbataa bahan. Itoophiyaan kana waakkatteetti.
Pirezidantiin Masrii Abdalfattaah Al Siisii michuu Tiraamp yoo ta'an akkaataa hidhi kuni hoogganamuurratti Itoophiyaa waliin waliigalteen akka raawwatu barbaadu.