Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan qoqqobbii Ertiraarraa kaasuun gaaffii inni kaasu
Biyyi heera mootummaa, mana marii hin qabnee fi filannoon itti hin adeemsifamne, sirni haqaa walaba ta'e keessa hin jiraanne, Ertiraan biyyoota hoggansa abbaa irreetiin bulan keessaa adda duree akka taatetti itti fufteetti.
Ameerikaadhaan alatti dhaabbanni biyyoota gamtoomanii fi Gamtaan Awurooppaas yeroo dheeraaf qoqqobbiiwwan irra kaa'aa turan.
Pirezedaantiin Ertiraa tibba karaa TV biyyaalessaa biyyattiitiin bahanii ibsa kennan biyyoota Lixaa, keessumaa Ameerikaa jabeessanii qeequ.
Ameerikaan qoqqobbiiwwan ' kabaja mirga namoomaa fi dimokiraasiitiif' jedhuun qoqqobbiiwan biyyattii irra keessee ture kaasuuf akka jirtu himamaa jira.
Gaabsni Rooyitars torbee darbe keessa baase, Ameerikaan hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliinii jabeessuu akka barbaaddu akeeka. Ertiraanis kana akka deeggartu ifoomsiteetti.
Sababoonni siyaasaa fi dinagdee qoqqobbiiwwan kunneen kaasuu duuba jiran maali?
Himatawwan sarbama mirgoota namoomaa Ertiraa irratti ka'an irratti haqnii fi itti gaafatamummaan osoo hojiirra hin oolin qoqqobbiiwwan kaasuun maal hordofsiisa" gaaffileen jedhan ni ka'u.
Gaaffiin irra deddeebiin ka'u maaliif qoqqobbii amma kaasuun barbaachise? Kan jedhu yoo ta'u, hariiroon dippilomaasii Eertiraa fi Ameerikaa cimuun gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan dhiheessitu irratti hiikoo akkamii qaba? Kan jedhu ilaaluu feesisa.
Qoqqobbiiwwan amma kaasuun maalif barbaachise?
Lolli Ameerikaa fi Israa'eel Iraan irratti banan ji'ota gidduutti addunyaa raafama keessa galche. Ulaan Hormuuz cufamuun daldala boba'aa fi shaqaxaa dabalatee seektarri inni hin tuqne hin jiru.
Iraan Galoo Galaana Edenii fi Galaana Diimaa gidduudhaan kan jiru Ulaa Bab'eel cufuuf dhaadachuun ammoo rakkinicha ittuu hammeesse.
Gama kaaniin deeggartoota Iraan kan ta'an hidhattoonni Huutii Yemen, ulaa Galaana Diimaatiif yaadoo ta'aniiru. Naannoo Bab'eelitti misaa'elootaa fi dirooniidhaan dooniwwan irratti haleellaa raawwataniiru.
Raafama kana gidduutti Ameerikaan Ertiraa 'Miiltoo Tarsiimoo' godhachuu akka barbaaddu xiinxaltoonni himu.
Falmitoonni mirga namoomaa ammoo faayidaan ji'oopolotiksii gaaffilee mirga namoomaa dursuuyii? Kan jedhu kaasu.
Fedhiin ji'oopolotiksii gaaffilee mirga namoomaa ni caalaa?
Lammiin Eertiraa Falmituu mirga namoomaa taatee fi biyya UK jirattu Eelsaa Ciroom,"waa'een mirga namoomaa osoo hin fooyya'in hariiroo haaromsuun, ergaa hamaa fedhiin ji'oopolotiksii kabaja mirga namoomaa caala jedhu dabarsa" jedhu.
Huumaan Raayit Wochitti daayireektara Gaanfa Afrikaa kan ta'an Lativaa Baadir Gamasaaniin, "dipiilomaasiin kennaniii fudhachuu sarbama mirga namoomaa gadi xiqqeessuun raawwatamu, sarbama bal'aa gahe ittigaafatamummaan osoo hin mrkanoofne irra darbuu mirkaneessa" jedhan.
Waggoota Afuriin dura bara bulchiinsa Joo Baayiden Ameerikaan Eertiraa irra qoqqobbii kan keessa sarbama mirga namoomaa Tigraay keessatti mudateen walqabateeti ture.
Qoqqobbiin suni lammiilee Eertiraa 'Hokkoraa fi lola sana keessatti warra gumaacha qaban' kan ilaallatu ture. Qaamoleen kunneen walabummaa fi tasgabbii Itoophiyaa jeequu kan jedhuunis himatamanii ture.
A.L.A Sadaasa bara 2021 paartii biyyaalessaa Eertiraa bulchu, kanneen paarticha waliin hariiroo qaban, Hidrii tirastii fi Korporeeshinii Reed sii Tireediing jedhaman irras qoqqobbiin kaa'amee ture.
Gorsaan Dinagdee paartii biyya Eertiraa bulchuu Hagos GabraHiwoot waldakidaan, hogganaan nageenya biyyaalessaa Eertiraa Birgaader Jeneraal Abrahaa Kaasaa Namaraayim fi ajajaan waliigalaa Humna Waraanaa Eertiraa Jeneraal Filiiphoos Waldayohaannis irras qoqqobbiin kaa'amee ture.
Loltoonni Ertiraa yeroo lola Tigraay 'saamicha, haleellaa saalaa, namoota nagaa ajjeesuu fi deeggarsa namoomaa gufachiisuu' dhaan himataman.
Mootummaan Ameerikaa humnoota Ertiraa, paartii biyya bulchuu fi angaa'ota ' Ajjeechaa, saamicha, haleellaa saalaa fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu gufachiisuu' kan jedhuun gaafatamoo godhe.
Manni hojii dhimma alaa Ameerikaa ergaa fuula miidiyaa isaa irratti maxxanseen raakamani mormitoota siyaasaa irra gahu, ukkaamsi miidiyaalee irraa, dhiibbaan hordoftoota amantaalee adda addaa irra gahu hariiroo biyyoota lamaanii akka laaffise ibse.
Mootummaan Eertiraa himatawwan sarbama mirga namoomaa irratti dhihaatu irratti fooyya'iinsa osoo hin taasisne qoqqobbiiwwan kaasuun waan falmitoonni mirga namoomaa haalan qeeqaa Jirani.
Falmituun mirga Namoomaa Eelsaan, qoqqobbii Eertiraa irraa kaasuun haala sarbama mirga namoomaa biyyattii keessatti raawwatamu dagateen ta'u hin qabu jetti.
Ukkaamsuun, humnaan leenjii loltummaa seensisuun, uggurri akka feetee, dhabamsiiifamuun, mirgi dubbachuu daangeffamuunii fi mirgi Amantaa dhabamuu irratti falmitoonni mirga namoomaa mormii dhageessisaa turan.
Lola iraanitti deemaa jiruun walqabatee galaanni diimaan baayyee barbaachisaa ta'aa dhufuu isaatiin barbaadamni tarsiimoo Eertiraa dabaluu Eelsaan irratti waliigalu.
Ta'ummoo yeroo Eertiraa waliin dubbiin taasifamu dhimmi mirga namoomaa ka'uu qaba yaada jedhu qabu.
"Qoqqobbiin qofaasaa jijjiirama dimokiraatawaa hin fidu. Jijjiiramni siyaasaa qabatamaan yoo hin dhufne, heerri mootummaa yoo hin diriirre, ittigaafatamummaan yoo hojiirra hin oolle, dhaabbileen dimokiraasii yoo hin jiraanne jijjiiramni hin dhufu" jedhan.
Ibsi Humaan Raayit Woch Dameen gaanfi Afrikaa torbee darbe keessa baases ergaa Kanaan walfakkaatu kan qabu.
Ibsa kana keessatti kan eerame tokko qaamoleen Eertiraa keessatti jijjiiramni bu'uuraa akka dhufu gaafatan 11 fi gaazexeessitoonni 10 erga hidhamanii amma waggaa 25 guutuu kan eeru.
Gama kaaniin loltoonni Eertiraa yeroo lola Tigraayi miidhaa geessisaniin alatti ammalleen kutaalee Tigraayi keessa qubatanii jiran keessatti haleellaa raawwachaa jiru jedhe.
Eertiraan badii raawwatameef ittigaafatamummaa osoo hojiirra hin oolchine. Haala hamaa keessa dhuftee fi ammalleen keessa jirtu keessaa bahuuf ifatti osoo hin ifoomsine Ameerikaan qoqqobbii kaasuu yaaduu hin qabdu jedhan.
Ertiraan maal jette?
Ertiraan, Ameerikaan qoqqobbii kaasuuf yaaduushee' Ija gaariidhaanan ilaala' jette.
Ministeerri beeksisaa Ertiraa ibsa torbee darbe keessa baaseen, "Haqa, seerummaa fi imaammata dogogoraa sirreessuuf tarkaanfii fudhatamu ni deeggarra" jedhan.
Qoqqobbiiwwan ammaan dura Joo Baayidenii fi Baaraak Obaamaan biyya isaanii irra kaa'an 'seeran alaa fi gamtokkeef kan looge' jechuun ibsan.
Ibsi amma baasan kuni ilaalcha Ertiraan ammaan dura tarkaanfachiistu kan Ameerikaa balaalefachuu bu'uureffate irraa adda.
Ameerikaan qoqqobbiiwwan Eriraa irraa kaasuun hariiroo dipilomaasii haaromsuuf karoorfachuu irratti gama Itoophiyaatiin hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.
Dhimma Galaana Diimaa
Ameerikaan qoqqobbiiwwan Ertiraa irraa kaasuuf kan karoorsite 'Itoophiyaan Eertiraa waliin lola keessa akka hin seenne ergaa dabarsuufi' kanneen jedhan jiru.
Rooyitersi akka gabaasetti Amerikaan qoqqobbiiwwan Ertiraa irra kaa'aman kan kaastu yoo ta'e, ulaa galaanaa Argachuuf tarkaanfii humnaa kamuu Itoophiyaan fudhattu akka Ameerikaan hin deeggarre ergaa kan dabarsudha jedhu Dippilomaatonni .
Waggoota hedduuf akka diinaatti kan wal ilaalaa turan Itoophiyaa fi Eertiraan, yeroo ministiri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad aangootti dhufan jijjiirama guddaa mul'isulleen, Itoophiyaan ulaan galaanaa nabarbaachisa gaaffii jedhu erga dhiheessitee muddamni uumame.
Muddamni kuni ammoo gara lolaatti ce'uu dandaha yaaddoo jedhuyyuu uumeera.
Sanadni keessoo kan Ameerikaa Rooyitersi Gabaasa isaa keessatti caqase "ulaa galaanaa argachuuf yaalii humnaa taasifamu kamuu akka morminu irra deddeebiin mootummaa Itoophiyaatti himneerra" jedha.
Gama kaaniin Itoophiyaa fi Eertiraan dhimma keessoo walii isaanii keessa seenuun tasgabbiin akka hin jiraanne taasisan irratti qaamolee lameenuu akeekkachiisuu ibsa.
Yunvarsiitii sivil sarvisiitti ogeessa qorannoo imaammataa kan ta'an Dr. Mukaram Muftaah, mootummaan Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuuf filannoo biraa yoo argate carraan lolatti seenuu hin jiraatu jedhu.
Qoqqobbii kaasuutti aansuun hariiroo dippilomaasii yoo uumame daldala akkasumas gama nagaa fi tasgabbiitiin waliin hojjechuutti cehama.
Itoophiyaan biyya beekamtiin biyyummaa Israa'eliin kennameef Somaalilaandii fi michuu Ameerikaa kan taate imireetota Arabaa waliin hariiroo gaarii qabdi.
Kanaaf jecha 'Hariiroon Eertiraa waliin qabu haaromsuun barbaada' yeroo jettu biyyoota michuu Ameerikaa ta'an waliin hojjechuu dabalata jedhu Dr. Mukariim.
"Itoophiyaan Eertiraa waliin lola keessa seenuu hin barbaaddu. Carraa lola keessa seenuu guutumatti dhabamsiisa" jedhan.
Fedhiin ulaa Galaanaa argachuu Itoophiyaa deeggarsa Ameerikaa, Emireetota Arabaa fi Israa'eel kan argatu mala lolaan ala ta'een yoo kan deemamu ta'e qofa akka ta'es himu.
Fedhiin Ameerikaa maali?
Akka Dr. Mukariin jedhanitti gaaffiin ijoon mootummaa Ameerikaa dimokiraasii yookan waa'ee mirga namoomaa miti.
"fedhii dinagdee fi siyaasaa biyya isaanii kabachiisuu malee dhimmi mootummaa biraatiif dimokiraasii fi mirga namoomaa kabachiisuu isaaniif dhimma lammaffaadha" jedhan.
Iraan ulaa hormuuz cufuusheetiin dhiheessiin boba'aa biyyoota hedduu jeeqameera. Kuni dhimma nageenya biyyaalessaa akka ta'us godheera.
Gama kaaniin hidhattoonni Huutii galaana diimaa gama lixaatiin yaaddoon uuman 'Ameerikaadhaaf karaa lamaaniinuu ukkaamfamuurra yoo xiqqaate karra bahiinsaa tokko too'achuu' kan jedhurraa madda jedhu qorataan kuni.
Qoqqobbiiwwan kaasuun maal hordofsiisa?
Ertiraa fi Ameerikaan waliin hojjechuu yoo eegalan, "Mootummaa Abbaa irreetiif fudhatamummaa seera qabeessaa kenna' jedhu Dr. mukariim.
Biyya UK kan jiraatan xiinxalaan siyaasa gaanfa Afrikaa Abdurahimaan Sa'idis yaada walfakkaatu qabu.
Qoqqobbiin ka'uunii fi Ameerikaa waliin qindoominaan hojjechuun 'Isaayyaasiif seera qabeessummaa kenna' jechuun ibsu.
Lola Tigraayi dabalatee hidhattoota Alshabaab deeggaruu fi dhimmoota qaxanaa kana keessatti ta'aniin walqabatee qoqqobbiiwwan Eertiraa irra kaa'aman Eertiraa irratti dhiibbaa guddaa uume jedhanii hin amananan.
Eertiraan meeshaa waraanaa alaa bittee akka hin galchine Qoqqobbiin irra kaa'amus, 'meeshaa waraanaa gahaa waan qabduuf, yeroo lola Tigraayi Itoophiyaa irraa meeshaa waan saamaniif' qoqqobbichi hagas mara dhiibbaa hin uumne.
Gama kaaniin mootummaa Eertiraa sirna daldalaa seera qabeessa ta'e waan hin hordofneef qoqqobbiiwwan dinagdee biyyattii irra kaa'amanis akeeka kaa'amaniif hin rukunne.
Kanaaf qoqqobbii kaasuun Ameerikaa fuula duraaf adeemsa abbaa Irrummaa biyyattii irratti jijjiirama kana jedhamu fida jedhamee hin eegamu.
"Isaayyaas Umrii isaanii 80tti jijjiirama hin Fidan. Isaayyaasiifi warri isa jalaa waan fedhan raawwachuuf aangoo daangaa hin qabne qabu.sirnichi sirna seeraaf bitamu miti" jedhan.
Ameerikaan hariiroon Eertiraa waliin qabaattu faayidaashee eegsisuu irra darbee dhimma mirga namoomaa fi dimokiraasii irratti xiyyeeffachuun dantaashee miti.
Qorataan Imaammataa Dr. Mukariim,"Ameerikaan faayidaa siyaasaa fi dinagdeeshee kabachiisuuf namas, seexanas, ergamaa rabbii waliinis ta'u hojjechuuf qophooftudha" jechuun ibsan.