'TPLF abidda ofii qabsiiseen gubate' -Ajajaa Iizii Kaaba-bahaa L/Jenraal Asaffaa Chekkol

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) waraanaa ofii isaatiin jalqabeen 'adabamuu' Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (ENDF) ibse.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ajajaa Iizii Kaaba-Bahaa Leetenaant Jeneraal Asaffaa Chekkol eeruun fuula Feesbuukii isaarratti, "dhaabni nagaa jibbuufi seeraan ala ta'e TPLF abidda ofii qabsiiseen laballabameera," jechuun ibse.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa erga walitti bu'insi humnoota mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti Roobii Fulbaana 23, 2026 jalqabamuun isaa gabaafamee ibsa yeroo jalqabaa kenne kanaan, loltoonni TPLF dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu, qabamuu ykn madaa'uu ibseera.

"Nagaa caalaa waraana kan filatu TPLF, durirraa kaasee warra diinota Itoophiyaa ta'an waliin ta'uun A L I Fulbaana 12, 2019 halkan keessaa sa'aatii 9 irraa kaasee qaxanaa dirqamaa Iizii Kaaba-bahaa irratti haleellaa baneen hirree raayyaa Izichaatiin kan qolatame yoo ta'u, hidhattoa kanneen dabalatee meeshaaleen dhukaafaman garagaraa to'annoo jala oolfamaniiru," jedheera.

ENDF ibsa isaa kanaan, haleellaa TPLF irratti baneef tarkaanfii deebisanii haleeluu fudhateen loltoonni Tigraay 272 ajjeefamanii, 260 madaa'anii lakkoofsi guddaan ammoo booji'amaniiru jedheera.

TPLF fi fakkaatonni isaa waliin hidhata qaban karaa qaxanaa sanaa cabsanii seenuun kaayyoon isaan uummata saamuu fi bittimsuuf qabatan fashalaa'uu kan ibse ajajaan Iizii Kaaba-Bahaa Leetenaant Jeneraal Asaffaa Chekkol, tarkaanfii deebii kennuu saffisaan raayyaan Iizichaa fudhateen kasaaraan namaafi qabeenyaa guddaan gareen seeraan ala ta'e TPLF irra ga'uu dubbateera.

Roobii, kaleessaa Fulbaana 23, 2026 ganama humnoonni Tigraay Maqaleetti buufata xiyyaaraa akka to'atan erga gabaafamee booda, naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti bakka adda addaatti lolli eegaluun himameera.

Seenaa keessatti diinota Itoophiyaa warra jedhe ifatti kan maqaa hin dhoofne ENDF, kaayyoo humnoonni TPLF haleellaa bananiif karaatti hambisuu ibseera.

Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqa-Sillaasee Itoophiyaan "qaamoleen alaa dhimmoota keessoo ishee keessa seenaanii jeequuf utuu yaalanuu tasgabbii naanichaaf jecha of qosachaa jiraachuu himan.

Pirezidaantichi haasaawa Niwu Yorkitti yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti taasisaniin, Itoophiyaan 'gidduu seentummaa alaa" jiraatus "baay'ee of qusachaa" turuun hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu fooyyeessuu pirezdaanti Taayyeen kan dubbatan.

Gorsaan Ministira Muummee Itoophiyaa dhimma Baha Afrikaa fi Pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayii duraanii Geetaachoo Raddaa, fuula X isaanii irratti akka barreessanitti humnoonni TPLF "waraana banuu'' eeranii, carraqqiin biyya keessaattii fi hawaasni idil-addunyaa waraanni kun akka deebi'ee hin kaane hambisuu hin dandeenye jedhan.

Ji'oota dhiyootiin as erga TPLF bulchiinsa yeroo ce'umsaa naannoo Tigraay mootummaan Federaalaa muude fonqolchee aangoo qabateen booda naannicha keessatti muddamni daran dabaleera.

Ji'oota darban keessa nananoo Tigraay bakkeewwan gara garaa keessatti haleellaan diroonii humnoota TPLF irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa turuun gabaafama atureera.

Muddamni kun gara walitti bu'iinsaatti kan ce'e humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa magaalaa Maqaleetti argamuu to'atanii Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa gara Tigraayitti taasisu addaan kutuu isaa erga beeksiseen boodadha.

Humnoonni Tigraay walitti bu'iinsa kana jalqabuu isaanii fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti ibsuun, "gochi itti gaafatamummaa malee aanga'oonni siyaasaa fi qondaalonni waraanaa TPLF itti jiran gara boqonnaa haaraatti ce'uu isaanii," eerera.

Walitti bu'insi kun deebiyee ka'uu ilaalchisee mootummaa Federaalaa irraa ibsi ifa ta'e hanga ammaatti hin kennamne.