'Tumsi nuti tolchine adeemsa, tokko taatan jechuun dogoggora'-ABO-WBO

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 10

Tumsi humnoota hidhatanii mootummaa Itoophiyaa morman tibbana ibsame ammas ijoo dubbii ta'ee itti fufeera.

Keessumaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi hidhattoonni waliin hiriiruun, Oromiyaaf dhimma walxaxaa ta'uu danda'a jechuun mormii kaasaa jira.

Ummanni godinaalee lixa Oromiyaa, keessumaa aanaalee godinoota Walagga Bahaa fi Horroo Guduruu hidhattoonni 'Faannoo' ofiin jedhan, akkasumas Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n keessa socho'an, nageenyi irraa fagaachuu waggoota shanan darban himataa ture.

Jiraattonni godina Wallagga Bahaa aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Limmuu Galiilaa, akkasumas Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Abee Dongoroo, Jaardagaa Jaarteefi Amuru ''rasaasa sadiin du'aa jiraachuu'' himachuu fi birmannaa dhabuu BBCtti dubbachaa turaniiru.

ACLED (Armed Conflict Location & Event Data Project) akka gabaasetti, sochiin Faannoo naannolee Horroo Guduruu fi Wallagga Bahaa keessatti bara 2025 irraa eegalee dabalaa dhufe bara 2026 keessaas caalaa hammachuun ummata bahaafi gala dhorkaa jira.

Hagayya walakkeessarra hidhattoonni Faannoo Wallaggaa, Ajaja 'Bizaamoo' ofiin jedhaniifi hoggana Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa (AFNM) jala jiraachuun himame aanaa Giddaa bakka Tulluu Leencaa jedhamutti konkolaataa baayyee raayyaa ittisa biyyaan dabaalamee magaalaa Ayyaanaa irraa gara Naqamtee deemaa turerratti waraana bananii lammilee nagaa garii ajjeesuun, kaan butanii deemuun isaanii gabaafameera.

Akka gabaasni ACLED agarsiisutti, konkolaataa ummataa 30, ambulaansii lama akkasumas konkolaataa sadii maallaqa callaa baankii fe'anii turanirratti ture hidhattoonni Faannoo kunneen kan waraana banan.

Qabeenyaa barbadeessaniifi maallaqa saamaniin alatti namoota 16 battalatti ajjeesan keessaa imaltoota ja'a, dhukkubsataa tokko, ogeettii deessiftuu tokkoofi manaajeroonni baankii sadii keessatti argamu.

Rakkoo hidhattoonni Faannoo kun Oromiyaa bakka gara garaatti geessisan wayita dubbii belbeltuu ta'ee jiruttidha WBOn tumsa gareen kunii fi TPLF keessa jiranitti makamuun kan dhaga'ame.

BBCn rakko nageenyaa Oromiyaa keessatti hedduu hammaate kanaafi dhimma tumsa jedhamee kanarratti gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa dubbiseera.

BBC: Tibba kana TPLF, hidhattoota Faannoo fi ABO-WBO dabalatee gareen hidhannoon morman torba mootummaa amma aangoorra jiru kana kuffiisna jettanii waltaaneerra jettanii ibsitaniittu. TPLF ammoo Roobii buufata xiyyaaraa magaalaa Maqalee to'achuu ibse. Kun sochii tumsa keessaniitii?

Obbo Jireenyaa: Humnoota sirna impaayera Itoophiyaa lolaa turan keessaa ABO-WBOn beekamaadha. Umurii bara dheeraa lakkoofsiseeras. Kanaan duras yeroo adda addaatti walta'insawwan gochaa ture.

Humni amma aangoo qabatee ummata goolaa jiru kun balaa aummata hundaati. Kanaaf ummata ofii baraaruun barbaachisaadha yaada jedhunidha. Balaa sana hambisuuf jecha, fuula keenya gama tokko, gama sirnichaatti fuulleffannee loluun barbaachisaadha waan jedhu ni jirti jechuudha.

Tarkaanfiin yeroo godhamu, ABO-WBOnis haa godhu, TPLFis haa godhu, kan Beneshaangul Gumuzis, kan naannoo Amaaraas, Ogaadenis, Affaaris gaafa kana godhan tarkaanfii kan waloo ta'a jechuudha. Walitti bu'iinsa cinaa hir'isnee, sirnicharratti xiyyeeffanna.

BBC: Walta'insa kanarratti namni jalqaba ibsa kenne Zammanee Kaaseeti, hogganaa Faannoo akka ta'e kan himamu. Walta'insa miseensota torba qabu kan hoogganu ykn hogganana keessan Zammanee Kaaseetii?

Obbo Jireenyaa: Lakki.

BBC: Eenyuti isin hooggana?

Obbo Jireenyaa: Tumsa jechuun jaarmiyaaleen hundi isaanii hoggantoota mataasaanii qabu, walaba jechuudha. ABO-WBOn jaarmiyaa walabaati. TPLF Jaarmiyaa walabaati.

Ogaadeeniyaan, Faannoon, Beneshaangul Gumuz, Affaaris jaarmiyaalee walabaa sagantaa siyaasaa mataa isaanii qaban, waraana mataasaanii qaban, of danda'anii wal taliiganidha.

Ilaalcha siyaasaaatiin dabalatee, dinagdeen dabalatee waan hundarratti of danda'anii socho'anidha.

Tumsa jechuun qaamota kanatu walitti dhufee, mariyatee- qaamni har'a Gaanfa Afrikaa goolaa jiru eenyu? Akkam goonee ummata keenya baraaruu dandeenya? jedhee mariyatee kana lafa kaawwate.

BBC: Qaama ummata goolu jettee jirta. Kan keessan dabalatee qaamoleen hidhatanii socho'an kunneen Itoophiyaa keessatti nagaa buusaa jiruu?

Obbo Jireenyaa: Hojiin keenya kana miti bar. Nuti falmattoota. Nagaa buusuun eenyurraa eegamaa? Maatummaarraati eegama.

Nagaa dhabuu naannoo sanaaf itti gaafatamaan eenyudha beektaa? Qaama ani mootummaadha ofiin jedhudha.

Qaama 'compromise' gochuu hanqatee rakkoo siyaasaa furuu hanqatee qawweedhaan nan balleessa, nan dhabamsiisa jedhudha kan itti gaafatamu.

Qaamni mirgaaf falmatu, kan ummanni cunqurfame, saamameera jedhee falmatu nagaa irraa eegdaa? Kanaaf, gaaffii siyaasaa deebisuutiin, ilaafi ilaameetiin ta'a malee nama mirga isaatiif falmatu komachuudhaan wanti dhufu hin jiru.

BBC: Isin qawweetti amantu. Dimokiraasiin qawweedhaan dhufaa?

Obbo Jireenyaa: Dimokiraasiin akka dhufu kan aanjessu eenyu? Gaafatamummaa fudhachuu kan qabu eenyu? Ummata kan hacuuce, kan cunqurse, kan ajjeese, kan mana irratti gube eenyu? Sana dhiisiitii, taa'iitii- ofirraa hin ittisiin jettaa?

BBC: Isinis gochawwan akkasii kana keessatti himatamaa turtaniittu bakka baayyeetti, qaama mootummaa qofa miti.

Obbo Jireenyaa: Olola gaggeessuu dandeessu. Kanaan duras waltajjii kanarratti himeen ture. Kanan ibsaa ture qaama akkas godhe nuuf himaa. Kan mootummaan bobbaasuti jira.

Kan to'annoo keenya keesa hin jirretu jira. Kan to'annoo keenya keessa jiru ni adabannaa nama tokkollee nuuf fidaa jennaan dadhabdan mitii?

Bakka kanatti wal hubachiisuun kan barbaachisu, afanfaajjiif osoo hin taane ummata keenya hubachiifnee mirga isaa akka gonfatu, saaminsa keessaa akka bahu, akka biyya isaarratti abbaa ta'ee nagaa argatudha- nagaa waaraa.

Yeroo ABO-WBO waa hojjetu akka gufatuuf jecha PP'tti lubbuu dheeressuudhaaf afaanfaajjii uumuun ummata keenya birattis, Waraana Bilisummaa Oromoo birattis waan fudhatama hin qabne ta'uu hubachuun namarra jira.

BBC: Mee gara walta'iinsa kanaatti haa deebinu. ABO-WBOn waggoota shantama dura yeroo hundaa'e Itoophiyaan Impaayeraan bulaa turte. Impaayera kana keessatti ummanni Oromoo cunqurfamaa ture, miidhamaa ture, mirga isaa dhabaa ture jedhamaa ture.

Achi keessatti bulchiinsi Miniliik komatamaa ture. Seenaa keessattis ABOn waa'ee qabsoo isaa yeroo himatu ummata keenya waggoota dhibbaa oliif miidhame sana abbaa biyyaa taasisuu, mirga hiree ofiin murteeffachuu akka gonfatu gochuuf jedhee waggoota dheeraaf himaa tureera. Boodarra ammoo mootummaa olaantummaa TPLFn durfamuun biyyaa bahe.

Deebitanii qaama waggaa soddoma dura biyyaa isin baase wajjin michoomuun, akkasumas Faannoo warra lafa abbootii keenyaa deebisna, sirna Miniliik durii deebisna jedhee guyyaa hundeeffama isaarratii kaasee dhaadataa ture akkamittiin tokko taatanii, adda tokko uumtanii qabsaa'uuf murteessitan?

Obbo Jireenyaa: Gaaffii kanaaf galatoomaa. Waa qulqulleessuuf hiree nuuf kennitan.

Jalqaba tokko taatan waan jedhurratti, nuti tokko hin taane. Tokko ta'uu jechuun ilaalcha siyaasaa (political ideology) wal fakkaataa qabaattee, waan wal fakkaataa sanarratti waliif galtee waliigaltee gaafa gootudha.

Nuti duris gaafa impaayera lollus, gaafa wayyaanee lollus har'as sirna impaayeraa lolla. Namatu jijjiirame malee sirni sun bakkuma sana jira.

As keessatti sirna sana har'a eenyutu qabatee jira? Kaleessa sirna sana qabatee kan jiru Miniliik ture. Nugusadha jechuudha. Bara Hayilesillaasees Nugusa Hayilessillaaseedha.

Bara Dargii maqaa Sooshaalizimiitiin namoota Dargiitti marsanii jiranitu sanadha. Kan eenyummaa Oromoo sana ukkaamsu. Bara wayyaanee ammoo maqaa dimokiraasiitiin, OPDO fi TPLF waliin...OPDOn har'a Arat Kiiloo jirtu TPLF waliin waan akka waggoota 27 hin hojjetiin ... Faannoo ammoo akka isaan hin ijaarre wa'iitti..., TPLF irratti waan akka Faannoo waliin hin duulle wayiitti...

Tumsa nuti tolchine adeemsa [procedural] malee... Tokkoffaa, tokko taatan jechuun dogoggora guddaadha. Adeemsa ittiin mariin gaggeeffamu, adeemsa ittiin ummanni keenya bilisa ta'ee gahee mataa isaa ofii isaatiin murteeffatu sana lafa keenye.

Nuti itti deeme osoo hin taane isaanitu nutti deeme. Nuti bakkuma durii sana jirra. Sirni impaayeraa diigamuudha qaba kan jenne hin dhiisne. Sirna sana, impaayera sana diigna jedhanii yoo dhufan ni deeggarra. Nuti istiraateejii qabannee jirru sanarraa hin gorre.

Yeroo isaan dhufanii impaayera diignuu? jedhanii sigaafatan ati lakki jette, ati gowwaamoo gamnaa?

Kanaaf, yaadni bakka kanatti tokko taatan jechuun dhiyaate sirrii miti; tokko miti, tokko hin taane.

Wanta nuti goone adeemsa (procedural) ittiin mirgi ummata hundaa kabajamu lafa keenye. Kun dogoggora hin ta'u. Gaafa PP waliin mariyannus kanuma goone.

Sirna ittiin ummanni hiree mataa isaa ofiin ittiin murteeffatu lafa keenye. Sirni impaayeraa afaan fedhe haa dubbatu: Afaan Amaaraa, afaan Tigiree... haa dubbatu impaayerumadha.

BBC: Faannoon impaayeruma sana deebisuuf waan dhaadataa turedha, fakkeenyaaf sirna dimokiraasii yeroo dubbatan baayyee hin dhaga'amu.

Seenaa abbootii keenyaa deebisnaa, Wallagga Bizaamoo jedhamaa, Finfinneen kan abbootii keenyaati waan ta'eef ni deebisna, Sirna Immiyyee Miniliik deebisna jedhaniima dhaadataa turan.

Garee kana waliin taatanii mirga Oromoo deebisuu dandeessuu? Warra sirna isin ni diigna jettan ijaaraniifi isa deebisuuf qabsaa'an wajjin wal taataniim. Akkamiin ibsitu kana?

Obbo Jireenyaa: Waan irratti wal taane sanarraa maaliif jallatta? Kan wal taaneef qaama ummata keenya ajjeesuti jira. Qaama nageenyaaf balaa ta'etu jira.

Qaama guddinaafi dinagdeedhaaf balaa ta'etu jira. Qaama haqaaf balaa ta'etu jira. Har'a jechuudha. Kan impaayera qabatee jiru, kan handhuura qabatee jiru.

Faannoonis, TPLFis impaayericha qabatanii jiruu? Hin jiran.

Haqa fidda, saamicha hambista, mirga aadaafi afaanii sana kabachiisuuf deemta...PPniyyu akeeka kana yoo fudhate rakkoo irraa hin qabnu. Sirna ummati ittiin hiree isaa murteeffatu sana didan malee... yaada keenyatu guddaadha.

Yaada galmaan geenyu sana, itti yaadnee, lafa keenyee, haala dantaa ummata keenyaa hin sharafne bara baraan jiraatu lafa keenye. Sanarraa ni sharafnaa? Hin sharafnu.

Sanatti ammoo namni yoo dhufe hoo? ...ABO-WBOn waan dhabe hin qabu. Hoggansi isaa dirree jira. Akka durii kiyyoo keessa galee waan nu yaaddessu hin qabu. Waraanni isaa, hidhannoon isaa mudhii isaarra jira. kaayyoon isaa sammuu isaafi onnee isaa keessa jira. Kana qabatee maalidha yaadda'a?

BBC: Kanaan dura wal taatanii ture warrootuma akkasii waliin Waashingiten DC'tti. Garuu wanti lafarratti hiikame hin jiru. Kan ammaa kun isarraatii addaa?

Obbo Jireenyaa: Inni DC'tti goone maal nu gargaare, maal nu miidhe? Isadha ilaaluu qabda. Waan xiqqoo tokko gara fuula duraatti kan si tarkaanfachiisu yoo kan argattu taate, akka sabaatti dantaa saba sana fuulduratti tarkaanfachiisuudhaaf itti deemta. Waan dantaa sabaa taakkuu tokko ykn giraama tokko kan irraa hir'isu yoo jiraate irraa gorta.

Gaafa DC'tti deemne haalli siyaasaa gaafa sanaa maal fakkaata ture? Faannoo dabalatee, biyyoota ollaa dabalatee PP faarsu ture. Haalli sun adda ture.

Waraana Bilisummaa Oromoo ammoo shororkeessaa... waan Aleks Diwaal katabu, waan Jenosaayidaal Waach gaafa sana katabu akka itti falmaa turretu jira. Gaafa tumsa sana tolfannee jennu, ilaalchi warri Lixaa qaban takkaadhumatti jijjiirame. Maaliif?

Ilaalchi TPLFf qaban gaarii waan ta'eef ture. Waan irraa gargaaramne qabna. Qabsoodhaaf waan inni buusetu jira.

BBC: Faannoo waliin amma wal amantaa akkamii qabdu waliin deemuudhaatiif?

Obbo Jireenyaa: Siyaasa keessa wal amantaa wanti jedhu hin jiru; dantaa sabaa tiksuuti jira. Ani dhaabni koo ABO-WBOn dantaa ummata Oromoo tiksa, eessayyu haa jiraatu.

Abalu waliin waliigaleera jettee inni hojii koo naaf hojjeta jettee hin ciistu. Ammoo balaa hamaa, abidda guddaa, kan abidda sirratti bobeessu sana dhiisteeti... warra abidda xixiqqaa qaban waliin ammoo walitti dhufteeti abidda sana guddifattee abidda guddaa sana ofirraa kaasuudhaaf gaafa hojjetan...isa sana ol kaastee ilaaltee abidda sirra jiru sana xiqqeessitee ilaaluu jechuun maalidha?

BBC: Abiddi Faannoo inni Wallagga keessatti mana namaa gubuutiin himatamu ni xiqqaatee? Kan Oromiyaa bakka adda addaa keessatti [isaan godhan] ni xiqqaatee? Akkamitti xiqqeessitanii ilaaluu dandeessan?

Obbo Jireenyaa: Kan PPn hojjettu waliin wal cinaa qabii ilaalimee. Elaamee sirna kana keessa sitti himuu...namni mukni irratti guuramee yeroo gubamu kallattiin argineerra, waan sukkanneessaa jechuudha.

Xiqqaadha jechuu miti. Yakki nama tokkorrattis hojjetamu xiqqeessuu koo miti, waa'ee humna isaanii haasa'e malee. Yakki hojjetamu hunduu guddaadha.

Yeroo ani waa'ee humna isaa haasa'u, atimmoo gara yakkaatti jallista; naaf hin galle. Humni isaanii [adda] abiddi PPn dirooniidhaan roobsituu fi meeshaa dhuunfaatiin godhan wal bira qabdee yoo ilalate kan PPtu irra guddaadha jechaan jira malee yakki hojjetamu, ummata nagaarratti hojjetamu eenyuyyu haa hojjetu diina sabaati.

BBC: Haleellaan dhiheenyuma Wallaggatti raawwatame isin aarseeraa? Yeroo 21 mariyachaa turtan, kana jechuun wagga tokko ol waliin mariyataa turtan.

Osooma waliin mariyachaa jirtanii humni Faannoo kun Wallagga keessatti namoota nagaa 20, 30 guyyaatti ajjeesu, konkolaataa keessatti fixa akka namoota maatiin jalaa midhameefi naannoo sana jiranirraa dhageenyutti.

Inni kun isin dhukkubseeraa akka qaama ummata Oromoof qabsaa'u tokkootti? Moo quba wal hin qabdani? Hidhattoonni isaanii kana akka raawwatan hin beektanii?

Obbo Jireenyaa: Faannoon Wallagga keessaa yakka sana hojjechaa ture jalqaba xarnaafii milishaa mootummaa kan turedha. Waan kana warri Faannoo gama sanaa nudha jedhanii himachuu kan jalqaban dheengaddadha.

Amma kana dhugaa walitti himna. Yeroo itti jarri laga gamaa fi Oromiyaa keessa warri jiran himachuu jalqaban si jalaa badeetii?

Gaafa Faannoon Wallagga keessa jiru yakka raawwatu...mataa namaa muranii fannisanii kan agarsiisan WBO dha, kan qe'ee isaarraa buqqa'u Oromoodha... sana claim gochuun yakka. Yakka hojjetame qoodddachuudha.

Duuti ummata keenyaa nu hin aarsu taanaan maaliif qabsootti jirra? gaaffidhuma kana akkamiin kaasta atimmoo?

Animmoo sin gaafadha. Kan PPn dirooniidhaan ummata keenya rukkuttu si aarsaa? Maal goote? Maal jette? Sanarratti aasoftee beektaa?

Moo sababa Afaan oromoo dubbataniif ummata Oromoo ajjeesuuf hayyama [liscence] qabu? Yeroo namni abiddaa osoo gubatu na dhiisaa jedhee soso'u ilaaluun si gammachiisaa? Qaamni kamiyyu ummatarratti badii dalau yakkamaadha, diina.

Wa'ii kan itti gaafatamuudhaaf deemudha, eenyuyyu. Warri waan sana [claim] godhe bor wal gaafachuun keenya hin oolu, yakkadha. warra raawwate ni gaafanna.

Kan waliin marii gaggeessaa turre warra ummata keenya miidhaa jiran lafarra jiran sana osoo hin taane... yeroo gaafanullee akkamiin kana goonaa jedhanii waywaatan, waakkatan. Boodarra garuu sana [claim] gaafa godhan waan irratti qabannetu jira. Ifaafi bilisaan walitti himuu barbaachisa, burjaajiin dhalachuun irra hin jiraatu.

Waraanni Bilisummaa Oeromoo danta asaba kanaa hanga xurii qeensaa hin sharafu. Yeroo ummanni isaa miidhamus, isa caalaa kan hubatu hin jiru. Wareegama kan baasaa jirus, kan irraa loles waan himannudha qabna.

Waa'ee quuqama saba kanaa namni Waraana Bilisummaa Ormoon olitti hamilee ittiin dubbatu qaba jedhee hin amanu.

BBC: Walta'insa adeemsaa ykn [Procedural Agrement] akka ta'e nuuf kaaste. Waliigaltee siyaasaa akka hin qabnedha kanaan duras ibsa Marroon kenne keessattis kanan hubadhe.

Mee haa jennuutii waliigaltanii mootummaa Abiy kuffiistan. Qaamni walta'insa siyaasaa hin qabne biyyattii keessatti osooma mootummaa kufee qaawwa hoggansa biyya auumuumoo, erga kuffiisatnii booda mariyattumoo...maalirratti wal taataniiti amma, akkamiin gara fuula duraatti deemtu?

Obbo Jireenyaa: Amma jalqabaa balaa guddaatu jira. balaan guddaan jiru PP dha. Balaan sanarraa olii guddaan jira jennee hin amannu. Kanaaf, balaa tokko ofirraa cabsina. Achiin booda waan nuti goonu, gaafatama sana yoo fudhannu mootummaa yerootu dhaabata.

Mootummaan yeroo kun waan inni godhu...ummata tasgabbeessa. Nagaa fida. Sirna tottolcha. Kun yeroo gabaabaa keessatti waan raawwtudha. Itti aanee, boordii ce'umsaadha. Ce'umsa sana keessatti ammoo dhimmoota siyaasaa kan irratti walii hin galletu mariyatama. Dhimmoota jajjaboo kan nutiyyu irratti waliif hin galle ammoo murtii ummataadhaaf dhiyaata.

BBC: Yoo sanarratti wal dhabdani hoo? Ayidiyooloojiin keessan walirraa fagoodha. Qaama baayyee walirraa fagoo ta'etu jira.

Fakkeenyaaf, fedhiin ABO-WBOn akka Oromiyaatti qabuufi Faannoon sirna durii Itoophiyaa sana gadi dhaabuu akka barbaadan irra deddeebiyanii ibsu.

ABOn ammoo hiree ofii ofiin murteeffachuu jedhee ibsa. TPLF kanaan dura aangoo giddugaleessaa akka dhabeefi deebiyees naanicharratti rifaraandamii gaggeessuu akka danda'u kan eeran ni jiru.

Ilaalcha siyaasaa baayyee walirraa fagoo ta'e kanarratti akkamitti yeroo gabaabaatti walitti fiduu dandeessu?

Wal ganuun hoo? Kanaan dura siyaasa Itoophiyaa keessa wal ganuun tureera. Fakkeenyaaf, waan bara Chaarteraa yoo isin mudate maal gootu?

Obbo Jireenyaa: Warri waan hunda isaa banaa godhee kiyyootti galee ganame kasaaraa qabsoos fidee, ummatas kasaarse sun dogoggora.

Dhaloonni amma jiru kasaaraa akkasii keessa akka hin galle hoggansi isaa dirreera bakka to'annoo mataasaa jira, waraanni isaa, hidhannoon isaa mudhiirra, kaayyoon isaa sammuufi onnee keessa jira siin jedheera.

Waan procedural jenne kana keessatti mariyanna. Yoo wal dadhabne ummatatu murteessa. Waan irratti walif galle ummanni keenya akka inni bilisa ta'ee, sirni ittiin murtii kennu lafa kaa'uun sanadha.

Maaltu nu araarsa? Murtii ummataatu nu araarsa. Waan irratti waliif hin galle ummatatti dabarsinee, ummanni murtii kennee achiin booda waan inni murteesse sana fudhannaaf.

BBC: Ummata jettan. Ummanni har'a galaatii mootummaa wajjin waliif galaa yoo jedhe itti waliigaltuu? Gaafa sana waliigaltu yoo ta'e?

Obbo Jireenyaa: Jalqaba sirna ummanni ittiin murteeffatu sana tolchita.

BBC: Gaafa sana kan waliigalta yoo ta'e, ummanni waamicha yoo isiniif godhe maaliif mootummaa waliin waliif hin galtan?

Obbo Jireenyaa: Deeggaraa PP tu ummata bakka bu'aa? Maal taateetta? Ummanni akka murteeffatuuf jalqaba bilisa ta'uudha qaba. Ummanni bilisa hin taane waamicha maaliidha namaaf godha?

Jalqaba bilisa ta'ee, sirni sun jiraatee sana booda murtii inni murteesse fudhanna. Ummanni gabrummaa jala jiru akkamiinidha waamicha siif godha? Ummanni qawweedhaan komaand Postii jala bulu akkamiin waamicha siif godha?