Bineensi waggoota miliyoona 240 jiraate Tanzaaniyaa keessatti argame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Saayintistoonni sanyii bineensaa durii waggoota miliyoona 240 dura jiraate haaraa argachuu himan.

Uumamni biqiltuu sooratu kun, maqaan isaa 'Dinodontosaurus isiyavamanda' kan jedhamu yoo ta'u, Baha Afrikaa, Tanzaaniyaa keessatti argameera.

Qorattoota kanneen wanti ajaa'ibe tokko haftee lafee bineensa kanaa kanaan dura Ameerikaa Kibbaa keessatti qofa argame.

Ogeessonni akka jedhanitti, argannoon kun daayinoosaras jalqaba yoomiifi eessatti akka Dacheerratti mul'ate caalaatti hubachuuf gargaaruu danda'a.

Saayintistoonni maal argatan?

Qorannoon kun ogeessota Yunivarsiitii Biristol irraa ta'aniin kan gaggeeffame yoo ta'u, wagoota 60 darban keessa haftee lafee Taanzaaniyaa keessaa fudhatanii gadi fageenyaan qorannoo irratti gaggeessaa turan.

Saayintistoonni haftee Muuziyeemii Seenaa Uumamaa Landan keessatti argamu keessa ol kaa'ame ture kan irratti qoracha aturan.

Argannoon qorannoo isaanii kunis uumama muka/biqiltuu sooratu 'dicynodont' jedhamudha.

Caalaa akka adda baafatanitti, hafeen bineensaa kun kan uuma seenaa dur durii kanaan dura Ameerikaa Kibbaa keessatti qofa argame 'Dinodontosaurus' ta'uu isaa mirkaneeffataniiru.

Qorannoon dabalataa akka agarsiisutti taanaan, hafteen lafee Taanzaaniyaa irraa ta'e kun sanyii kanaan dura waliin isaa hin beekamne ta'ee kan qorattoonni 'Dinodontosaurus isiyavamanda' jechuun moggaasan keessatti ramadama.

Ogeessonni akka jedhanitti taanaan, argannoon qorannoo kanaa baayyee barbaachisaadha, sababiin isaa ammoo kattaawwan bakka Dinodontosaurus itti argame kun hafteewwan lafee durii daayinoosaras ta'a jedhamuu yaadamu hanga tokko akka argamuuf karaa saaqeera.

Amma bineensi muka/biqiltuu (baala) soorata ture jedhame 'Dinodontosaurus' Tanzaaniyaa fi Ameerikaa Kibbaa keessatti argamuun mirkanaa'eera.

Saayintistoonnis kattaawwan ykn dhakaawwan haftee lafee durii kana qaban tilmaamaan umurii wal fakkaatan qabaachuu adda baasuu danda'aniiru.

Yunivarsiitii Biristool irraa dursaa barreessaa qorannii kanaa kan ta'e Hadii Joorji waa'ee argannoo kanaa akkas jechuun ibse:

"[Argannoon kun] kan mirkaneessu hafteen lafee dur durii Taanzaaniyaa kan isa Ameerikaa Kibbaatti argame caalaa turuu isaa miti. Haata'u malee, tartiiba yeroo ittiin daayinoosariin ittiin adeemsa tirataa keessa darbe ilaalchisuun hubannaa keenya fooyyeessa."

gareen qorannoo kanaa itti dabaluun akka ibsetti taanaan, sababa bu'aa argannoo qorannoo kanaarraa kan ka'een, saayintistoonni daayinoosariin yoom fi eessatti jalqaba akka mul'ate irra deebiyanii qaratanii ilaaluudhaaf isaan barbaachisa ta'a.