Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan qaamolee alaa 'tasgabbii koo jeequuf yaalan' jette UN irratti himatte
Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqa-Sillaasee Itoophiyaan "qaamoleen alaa dhimmoota keessoo ishee keessa seenaanii jeequuf utuu yaalanuu tasgabbii naanichaaf jecha of qosachaa jiraachuu himan.
Pirezidaantichi haasaawa Niwu Yorkitti yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti taasisaniin, gahee Itoophiyaan tasgabbii naannichaaf qabdu guddaa ta'uu ibsan.
Akka gabaasa Rooyitersitti, Itoophiyaan 'gidduu seentummaa alaa" jiraatus "baay'ee of qusachaa" turuun hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu fooyyeessuu pirezdaanti Taayyeen kan dubbatan.
Haasaan isaanii kunis, yeroo walitti bu'iinsi humnoota mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti bifa haaraan ka'aa jirutti.
Roobii, kaleessaa Fulbaana 23, 2026 ganama humnoonni Tigraay Maqaleetti buufata xiyyaaraa akka to'atan erga gabaafamee booda, naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti bakka adda addaatti lolli eegaluun himameera.
Pirezidaant Taayyeen haasaa isaanii keessatti, Itoophiyaan walitti dhufeenya naannawaa cimsuu fi nagaan Sudaanitti akka bu'uuf tattaaffii taasifamu deeggaruu ishee himan.
Haa ta'u malee, "humnoonni alaa dhimma keenya keessa seenaa jiru" jedhaniiru.
Humnoonni alaa kun eenyu akka ta'an maqaa isaanii Pirezidaantichi hin eerre.
Gama biraatiin, Dura Taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Ali Yuusuf kaleessa galgala ibsa baasaniin, biyyoonni Itoophiyaa ollaa ta'an gochoota walitti bu'iinsa hammeessan irraa akka of qusatan gaafatan.
Isaanis, ,muddamni fi waldhabdeen waraanaa kaaba Itoophiyaa keessatti uumame "baay'ee nu yaaddesseera" jedhan.
Komishinii Gamtaa Afrikaa biyyoonni ollaa waraanni akka dhaabbatuu fi mariin akka gaggeeffamu gahee isaanii akka bahanis gaafate.
Walitti bu'iinsi kaaba Itoophiyaa keessatti bifa haaraan ka'aa jiru gara waldhabdee naannichatti guddachuun jeequmsa hammataa akka hin qaqqabsiifne yaaddoo uumera.
Muddamni naannoo Galaana Diimaa keessa jiru dabalaa jira.
Akkasumas waraanni waliinii Sudaan keessatti itti fufee jira.
Pirezidaanti Taayyeen, "Gidduu seentummaan diinotaa dhimmoota keessoo keenya keessatti itti fufus, baay'ee of qusachaa turre" jechuun yaa'ii kanarratti dubbachuu kan Rooyitersi gabaase.
"Ergaan humnoota balleessaa fi diigumsaaf hojjetaniif qabnu ifa dha. Uummanni Gaanfa Afrikaa nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf mirgi qabu akka kabajamu gaafanna," jedhan.
Gorsaan Ministira Muummee Itoophiyaa dhimma Baha Afrikaa fi Pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayii duraanii Geetaachoo Raddaa, fuula X isaanii irratti akka barreessanitti humnoonni TPLF "waraana banuu'' eeranii, carraqqiin biyya keessaattii fi hawaasni idil-addunyaa waraanni kun akka deebi'ee hin kaane hambisuu hin dandeenye jedhan.
Tibbana TPLF, Fannoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo dabalatee gareewwan hidhatanii mootummaa Itoophiyaa lolan torba tumsa waloo ijaarrachuu isaanii ibsaanii turan.
Aanga'ootni Itoophiyaa ammoo loltoota kana booda humni biyyyoota alaa akka Masrii Ertiraa fi Sudaan akka jiru himatu.
Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqa-Sillaasee garuu humnoonni alaa dhimmaa keessoo itoophiyaa keessa galuuf yaaluu jechuu irraa kan hafe eenyufaa akka ta'an hin eerre.
Gamtaa Afrikaa dabalataan, Gamtaan Awurooppaa (AU) haalli nageenyaa kaaba Itoophiyaatti deebi'ee hammaachuusaatti yaaddoo qabaachuu ibseera.
Sochiin waraanaa Naannoo Tigraay keessa jiru, TPLF buufataalee xayyaaraa to'achuu fi iddoowwaan tokko tokkotti waraana banuun uummataarraan dhiibbaa geessisa jedhe.
Ambaasaaddarri Ameerikaa Itoophiyaa, Ervin Masingaa, gama isaaniitiin, waraana kaaba Itoophiyaa keessatti bifa haaraan ka'e ilaalchisee hoggantoota TPLF "haleellaa bal'aa banuu" himatan.
Ambaasaaddarichi gareewwan hidhatan biroo waraana kana keessa akka hin seenne gorsan.
Akkasumas, Ameerikaan hoggantoota dabalataa Itoophiyaa gara karaa dogoggoraatti geessuuf yaalan irratti qoqqobbii dabalataan kaa'uuf filannoo qabaachuu ibsaniiru.
Gareen TPLF Ambaasaaddar Ameerikaa fi Komishinii Gamtaa Afrikaa yeroo haleellaan qilleensaa namoota nagaa Tigraay keessatti miidhaa geessisu raawwatametti callisanii turanii, amma qeeqa dhiyeessuun "haqa qabeessa miti" jechuun morman.