Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US qoqqobbii Ertiraa kaasuun hariiroo cimsuuf moo goolama Galaanaa Diimaa ittiin to'achuuf?
- Barreessaa, Hamza Hussein
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6
Ameerikaan qoqqobbii meeshaalee waraanaa bara bulchiinsa pirezidantii duraanii Joo Baayidan Ertiraa irra keessee turte itti fufsiisuu dhiisuun hariiroon biyyoota lameenii akka haaraatti ajandaa ijoo akka ta'u taasiseera.
Bulchiinsi Pirezidant Doonaald Tiraamp qoqqobbii waggaa shan dura kaa'ame kana itti fufsiisuu caalaa laaffisuun isaa- Waashingitan, Asmaraa fi xiinxaltoota biratti akkaataa itti hubatamu qaba.
Dhibdee addunyaa hunda keessaa kan hin dhabamne Ameerikaan, hidhattoota Huutii Yamanii dabalatee sochiin hidhattootaa naannawa Galaana Diimaa fi Gaanfa Afrikaatti taasifamu hundi yaada ishee gara kanatti deebiseera.
Qondaalonni Ertiraa ammoo tarkaanfiin US kun hariiroon biyyoota lamaanii boqonnaa haaraatti ce'uu mul'isa jechuun akka itti gammadan ibsan.
Akka xinxaltootni jedhanitti ammoo Ertiraan daandii murteessaa doonii addunyaa kan ta'e Galaana Diimaa irraa qarqara galaanaa dheeraa qabaachuun ishee, sochii yeroo ammaa naannawa galanaa kanatti taasifamu keessatti tarsimoof akka barbaadamtu taasiseera jedhu.
Ameerikaan tarkaanfii kanaan hariiroo Ertiraa waliin qabdu daran fooyyeessuuf kun karaa haaraa banuu akka danda'udha xinxaltootni kan eeran.
Chaayinaatti akkasumas Gamtaa Awurooppaatti ambaasaaddara Itoophiyaa kan turanii fi dhimmoota nageenyaa fi siyaasaa Gaanfa Afrikaa irratti yaada xiinxalaa kennuun kan beekaman Unatuu Bilaattaa ''US fi Ertiraa gidduutti hariiroo haaraan jiraatus ammallee gara michooma jabaatti hin ceene,'' jedhan.
Hariiroon michummaa fi tumsa siyaasaa guutummaa qabu uumameera jechuu miti.
''Jijjiirama tarsimoowwanii fi hariiroo haaromsaa jedhamee ibsamuu danda'a,'' jedhan.
Ameerikaan maal barbaaddi?
Ambaasaaddar Unatuu Bilaattaa yeroo kanatti Waashingitan maaliif Asmaraa waliin hariiroo uumuu akka barbaaddu wayita ibsan haala Galaana Diimaa waliin walqabsiisan.
Yeroo ammaa Galaanni Diimaan iddoo tarsimaawaa akkaan barbaadamu ta'ee jira.
Ertiraan ammoo qarqara Galaana Diimaa dheeraa qabdi. Akkasumas ulaa daldala addunyaaf murteessaa ta'e Baab el-Mandabitti baayyee dhihaattee argamti.
''Ulaan daldalaa kun yeroo ammaa hidhattoota Huutiin yaaddoo keessa waan galeef Ameerikaan nageenya kabachiisuuf fedhii guddaa qabdi. Kana milkeessuuf ammoo naannawa kanatti akka michuu ijootti kan filatan Ertiraadha,'' jedhan.
Kanaaf Ameerikaan nageenya dooniiwwan karaa Galaana Diimaa darbanii mirkaneessuuf akkasumas sochiin daldalaa akka hin gufanne gochuuf Ertiraa waliin hariiroo tarsimoo tolfatte jedhu.
Gaanfa Afrikaa keessaa teessumni Ertiraa murteessaa ta'uu fi kunis akkasheen Ameerikaadhaan barbaadamtu sababa ijoo ta'uu ibsan.
''Ertiraan Gaanfa Afrikaa, Baha Giddugaleessaa fi Galaana Diimaa walitti hidhuu keessatti bakka murteessaa jirti. Qarqarri galaanaa isheen qabdu Sa'uudii Arabiyaatti, Yamanitti, Garba Hindii fi Galoo Galaanaa Adenitti dhihoodha. Warri Ameerikaaf biyya akkasii waliin hariiroo cimsuun murteessaadha.''
Dhiheenya kana hidhattoonni Huutii kallattii kibbaatti socho'uun odoolaawwan Ertiraa fi Yamaniin kanana dura irratti waldhabanii turan Haanshii jedhaman to'ataniiru.
Kana malees Huutiin magaalota handaara Galaanaa kanneen akka Mokaa fi Hudeeyidaa qabateera. Kun ammoo akka hidhattoonni kunneen ulaa daldalaa murteessaa Baab el- Mandab to'atan haala waan mijeessuuf addunyaaf yaaddoodha.
''Kanaafuu biyya naannawa kanatti iddoo murteessaa fi tarsimaawaatti argamtu Ertiraa waliin hariiroo uumuun nageenya daldala addunyaaf murteessaadha,'' jedhu xiinxalaan kun.
Itoophiyaaf ergaa ykn hiika akkamii qaba?
Ambaasaaddar Unatuu Bilaattaa Ameerikaa fi Ertiraan hariiroo tarsimoorratti hundaa'e uummatan jechuun hariiroon Itoophiyaa waliin jiru bade jechuu akka hin taane ibsan.
''Kana jechuun Ertiraan Itoophiyaa caalaa Ameerikaaf barbaachistuudha jechuu ta'uu dhiisuu danda'a.''
Ertiraanis, Ameerikaanis, Itoophiyaanis fedhii isaaniirratti hundaa'uun hariiroo tolfatu.
Hariiroon tarsimoo biyyoota sadeen kunneen irraa mul'atu tokko dantaa isa kaanii miidhuu ykn dhiibbaa uumuu irratti kan xiyyeeffate miti kan jedhan Ambaasaaddar Unatuun, kana gidduutti ga'ee adda durummaa kan qabdu ammoo Ameerikaa ta'uu ibsan.
''Ameerikaan Ertiraas, Itoophiyaas ni barbaaddi. Kanaaf hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu balleessuu hin barbaaddu. Ertiraa waliin hariiroon eegalte kunis akka gufatu hin barbaaddu.''
Garuu hariiroon Ertiraa waliin eegalame jedhame kun gara michummaa siyaasaa cimaatti hin geeddaramne. Hariiroo tarsimoo fi dantaa mirkaneeffachuurratti xiyyeeffatedha jedhan.
''Ertiraan isa kana guddistee ibsuuf karaa ministeera dhimma alaa ishee ibsatteetti. Piroppogaandaa deemsisaa jiru. Biyyoonni waanuma xiqqoo qabatanii maqaasaanii ijaaruuf akkas godhu. Mootummaan Ertiraas kanuma godhe.''
Garuu hariiroon amma uumame kun nageenya Galaana Diimaa fi daldala addunyaaf jedhameeti.
Asmaraan waa'ee qoqqobbiin kun kaafamuu ilaalchisee wayita ibsa kennitu hariiroo boqonnaa haaraa US waliin eegaluuf qophii ta'uu beeksifte.
Qoqqobbiin US waggaa shaniif Ertiraa irra keesse "bifa kamiinuu fudhatama kan hin qabneefi diinagdee biyya keenyarraan dhiibbaa kan gaheedha" kan jedhan Ministiirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanaa Gabramasqal US Ertiraa irraa qoqqobbii kaasuun hariiroo biyyoota lamaanii ilaalchisee "waanti gaariin jiraachuu agarsiistudha" jedhan.
Qoqqobbiin kun yeroo waraana Tigraay Ertiraan harka keessa galfachuun dhiittaa mirgoota namoomaa raawwatteetti jedhamtee himatamuun kan irra kaa'ameedha.
Yeroon qoqqobbii sanaa Fulbaana kana keessa waan obba'uuf ''yeroo nageenya galaanaa fi sochii dooniiwwan eegsisuun murteessaa ta'etti qoqqobbii sana itti fufsiisuurra hariiroo cimsuu filatan,'' jedhan.
Bulchiinsi Tiraamp qoqqobbii bara Baayidan kan yeroonsaa obba'e kana itti fufsiisuu ykn maqsuutu irra ture.
Amma haala aanjeffachuu waan barbaadaniif hariiroo Ertiraa fayyadamuuf jecha qoqqobbii sana maqsuu filatan.
Dhimmi biraan waliigaltee Piriitooriyaa booda ga'een ykn hariiroon loltoonni Ertiraa waraana Itoophiyaa keessatti qaban waan haphateef barbaachisummaan qoqqobbichaaf hir'ateera.
Ameerikaan biyya addunyaarraa diinagdee fi humna waraanaa cimaa qabdu waan taateef biyyoonni addunyaa waan irraa barbaadan baayyeetu jira.
Kanaaf Ertiraanis hariiroo US waliin uumame kana akka milkaa'inaatti faarfatte.
Garuu Ameerikaan biyya Gaanfa Afrikaa taate Ertiraa irraa dantaa tarsimoon alatti kan barbaaddu ''biyyattiin mirga namoomaa lammiilee akka kabajju, akkasheen dimokiraatawaa taatu irraa eegdi,'' jedhan.
''Mootummaan Ertiraa ammoo hariiroon kun guutuu, hunda kan hammate, akka ta'u barbaadu. Dhuguma yoo qaawwa jiru duuchaa, haala mijeeffachaa deeman, hariiroo kana babal'ifachaa deemuuf carraa qabu.''
Mootummaan Ertiraa lammiilee biyyattiin dirqamaan waraanatti makuu, baqannaan biyyaa baasuu, dhiitaa mirga dhala namaa, sirna nama tokkoo, dhimmoota ollaa keessa seenuun goolii uumuu fi kaaniin himatama.
''Kunneen hanga hin sirreessinetti hariiroon ammaa tarsimoo amma uumame bira darbee daran deemuun waan nama shakkisiisuudha,'' jedhan xiinxalaan kun.
Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohammad qoqqobbiin bulchiinsi Tiraamp Ertiraa irraas Itoophiyaa irraas kaase dantaa isaa bu'uura kan godhateedha jedhe.
''Tiraamp Itoophiyaa fi Masirii mariisisuutti jira. Itoophiyaa waliinis hariiroo qaba. Qoqqobbii Ertiraa fi Itoophiyaa irraa kaasuunis ergaan isaa kanuma.''
Garuu Ertiraa fi Itoophiyaan yeroo wal qoccolloo hammeessanii fi gara waraanaa seenuu danda'u sodaan jedhu hammaatetti qoqqobbii meeshaalee waraanaa jalaa baasuun hiika akkamii qaba?
''Warri Ameerikaa bulchiinsa Abiy Ahmad kuffisuu hin barbaadan, garuu dhiibbaa irratti gochuu barbaadu. Gara Masirii waan jiraniif Ministirri Muummee Abiy Ahmad waliin mari'atee dhimma bishaaniirratti waliigalteerra akka ga'u barbaadu,'' jechuun dantaa Ameerikaan waliigaltee kana keessaa barbaaddu ibse.
''Kanaaf Ertiraa gama tokkoon sossobaa, itti haasawaa, akka Itoophiyaa waliin lola hin seenne gorsaa, garuummoo jajjabeessaa jiru. Itoophiyaas dhufanii dhimma Masirii irratti yoo waliigalte Ertiraa sirraa qabna yaada jedhu kennuuf.''
''Dhimmi Ertiraa dhimma Galaana Diimaatiinis walqabata. Garuu dhimmi bu'uuraa warri Ameerikaa hariiroo kana uumaniif dhimma Masirii fi Itoophiyaatiin walqabata,'' jedha Jawaar.
''Ertiraan akka waraana seentu fedhuu baatanis garuu biyyattiitti fayyadamanii Abiy akka Masirii waliin waliigalu harka kennisiisuu barbaadu.''
Kun gaaffii Itoophiyaan Ulaa Galaanaa argachuu ilaalchisuun dhiheessaa jirtu irratti dhiibaa akkamii akka qabu Jawaar akkanaan yaada xiinxalaa kenne.
Dhimmi kun dhimma bishaan lamaa [the two waters] ilaallata. Laga Abbayyaa fi Galaana Diimaa.
''Itoophiyaan duraanuu laga Abbayyaarratti hidha guddaa ijaartee olaantummaa argatteetti. Sochii Galaana Diimaa keessattis hirmaachuu barbaaddi.Masiriin isa kana hin barbaaddu.''
Laga Abbayyaarratti hidha ijaaruun olaantummaa kan jirtu Itoophiyaa gaafa Galaana Diimaa irratti humna galaanaa ofii dhaabuu dandeessu dhiibbaa Masiriin Gaanfa Afrikaa keessaa qabdu baayyee hir'isaa deema.
Akkasumas dantaa fi dhiibbaa Masiriin laga Abbayyaa irratti qabdus laaffisa.
''Haala kanaan Itoophiyaan olaantummaa horachuu dandeessi. Kana hambisuuf Masiriin biyyoota akka Ameerikaa, Sa'uudii, Turkii of cinaa hiriirsuu feeti,'' jedha Jawaar.
Gaanfa Afrikaatti biyyoota olaantummaaf dorgoman
Biyyoonni addunyaarraa humna qabaachuun sadarkaa giddugaleessaarra jiran- Middle Powers jedhaman humna waraanaanis diinagdeedhaanis biyyoota naannawa Galaana Diimaa fi Gaanfa Afrikaa jiranitti daran dhihaatanii jiru.
Sa'uudii Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), Turkii, Israa'el, Masirii, Qataar as keessatti ni eeramu.
Biyyoonni lixaa keessaa ammoo Ameerikaa fi Faransaay gama humna waraanaa fi nageenya naannawaa akkasumas Galaana Diimaa eegsisuutiin dantaa guddaa qabu.
Biyyi guddoo Gaanfa Afrikaa, Itoophiyaanis, fedhii biyyaalessaa ishee milkeessuuf socho'aa jirti.
Ertiraanis haala teessumaa mijataa qabdu fayyadamuun dantaashee kabachiifachuuf sochooti.
Biyyoonni akka UAE fi Sa'uudii Galoo Galaanaa keessatti olaantummaaf kan morkatan yoo ta'u Galaana Diimaa qabatanii hanga Gaanfa Afrikaatti irreesaanii diriirsuu barbaadu.
Israa'el gamasheen Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuun hirmaannaa ishee naannawa kanatti cimsaa jirti.
Itoophiyaa waliin qoccolloo keessa kan jirtu Masiriin ammoo Ertiraa waliin hariiroo cimsachuun Gaanfa Afrikaa keessatti dhiibbaa uumuu itti fufteetti.
Aangawoonni Itoophiyaa Masiriin naannawa keessa seenuun jeequmsaaf sababa ta'aa jirti jechuun himatu.
Turkiin ammoo Itoophiyaa, Somaaliyaa faana hariiroo cimsachuu barbaaddi.
Dhiheenya kana wayita hidhattoonni Huutii Yamanii gara daangaa Afrikaatti siquun lafa to'achuutti jiran, biyyoonni gurguddoon naannawa kanaa buufata humna waraanaa qaban kanneen akka US fi Faransaay akka dura dhaabbatan ibsaniiru.
Jibuutiin garuu oppireeshinii waraanaa gaggeeffamu kamiifuu daangaa akka hin eeyyamne ibsiteetti.
Ameerikaan Somaaliyaa keessattis hidhattoota al-Shabaab irratti oppireeshinii waraanaa gaggeessiti.
Waliigalatti Gaanfi Afrikaa bakka dantaa fi morkiin olaantummaa itti heddummaatu ta'eera.
Kun garuu guddinaa fi badhaadhina mirkaneessuu caalaa waldhibdee fi waraana babal'isuu keessatti guddoo gumaache.