Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Waraana Kaaba Itoophiyaatti irra deebiin ka'een hanga ammaa maal beekna?

Bulchiinsa Naannoo Tigraay kan harkaa qabu TPL, mootummaan federaalaa waraana narratti bane jechuun humnoonnisaa 'haleellaa of ittisuu' akka gaggeessan' ajajuu beeksise.

Guduunfaa

Waraana Kaaba Itoophiyaatti irra deebiin ka'een hanga ammaa maal beekna?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Taatewwan ijoo waa'ee waraana kaaba Itoophiyaa deebi'ee ka'e irratti

    Waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegaluusaa TPLF beeksisera. Qondaalonni mootummaas akeekaniiru. Roobii, Fulbaana 23, irraa eegalee wantoonni ijoon ta'an maalidha?

    • TPLF Roobii ganama buufata xayyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqaleetti argamu to'achuu hordofee Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balaliiwwan gara Tigraayitti taasisu adda kutuu beeksise.
    • Boodarra TPLF ibsa baaseen, "mootummaan federaalaa waraana narratti labse" jechuun, humnoonni Tigraay haleellaa of ittisuu akka taasisan ajaja dabarsuu beeksise.
    • Gorsaa MM Abiy Ahmad kan ta'aniifi pirezidaantiin duraanii Naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa, TPLF daangaa naannoo Affaarifi Amaaraa irratti humnoota mootummaarratti haleellaa banuu ibsan. Halleellaa bane kanaaf ammoo TPL akka itti gaafatamus ibsan Obbo Getaachoon.
    • Itoophiyaatti Ambaasaaddara US kan ta'an Ervin J Maasingaa ibsa baasaniin haleellaa kaaba Itoophiyaatti eegaleef TPLF komatan. "Aanga'oonni TPLF kan jalqaba bara kanaa Yunaayitid Isteetis qoqqobbii irra keesse har'a haleellaa bal'aa banuun murtee dogoggora fudhachuu isaanii arguukootti gaddeera," jedhan.
    • Gamataan Afrikaas waraanni kun hatattamaan akka dhiyaatuuf waamicha dhiyeessera. Dura taa'aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa Maahaammud Alii Yuusuuf muddamani waraanaa kaaba Itoophiyaatti dhalate ''akkaan isaan yaaddessuu'' ibsan. ''Lolli kunis hatattamaan akka dhaabbatu,'' yaadachiisaniiru.
    • Waa'ee waraana kaaba biyyattiitti irra deebiin eegalee kana ilaalchisee mootummaan federaalaa hanga ammaa ifatti waan jedhe hin qabu.
  2. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Kaaba Itoophiyaatti waraanni irra deebiin eegaluu qondaalonni mootummaafi TPLF ibsaa jiru.

    TPLF mootummaan waraana narratti labse ittisuuf haleellaa of-ittisuu akka taasisan humnootaaf ajaja kennuu beeksise.

    Waa'ee waraana kanaa hawaasi idilaa addunyaa maal jedhan? Odeeffannoo waa'ee waraana Kaaba Itoophiyaa, ofeeffannoowwan biroo biyya keessafi kan idiladdunyaa isin biraan geenya!

    Odeessaalee kanneen karaa Marsariitii, Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.