Waa'ee daawwannaa pirezidaantii Chaayinaa hanga ammaatti waan beeknu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Trump Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiin piingi daawwannaa hojiif Washingtonitti yeroo ga'an simannaa addaa taasisaniifiru.

Pirezidaanti Shii fi haati warraa isaanii yeroo xiyyaara irraa bu'an hafata diimaatiin simannaa hoo'aan taasifameefi jira.

Tiraamp fi giiftii duree Ameerikaa Melaaniyaa Tiraampis buufata xiyyaaraa buufata xiyyaaraa Andrewisitti eeguun simatan.

Simannaa kana boodas Waayit Haawusitti sagantaan irbaata mootummaa fi dawwannaan adda addaa qophaa'era.

Shii Jinpingi bara 2015 irraa eegalee yeroo jalqabaaf daawwannaa gara Ameerikaa kan taasisan.

Kunis bara kana waggaa tokko keessatti yeroo sadaffaa Tiraamp waliin wal arguu isaaniti.

Dhimmi daldalaa fi taarifii, waa'een teknooloojii AI, fi dhimmi wal gaarreffannaa Chaayinaan Taywaan waliin taasisan dhimma marii hoggantoota lamaan gidduutti taasifamuudha.

Marii fi waligaltee hoggantootni lamaan bara 2025 taasisaniin karoorri Tirmaamp meeshaalee Chaayinaa irra gara Ameerikaa galanitti qaraxa dabaluuf karoorfate yeroo muraasaaf akka dhaabatu taasifame.

Chaayinaan immoo al-ergii albuudota gatijabeeyyiii warshalee keessatti barbaachisoo ta'an gara Ameerikatti erguu dhaabuuf murtessite mariin boodaa deebistee murtee san kaaste.

Haa ta'u malee, ammallee alergiin albuudota murteessoo kanaa Chaayinaa gara Ameerikaa ammallee hir'achaa jira jedhameera.

Mariin dhimma daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa yaa'ii UN madditti taasifame, garuu bu'aa guddaa tokko malee xumuramuu BBC'n odeeffateera.

Dhimma Taayiwaan irratti Shiin Tiraamp gurgurtaa meeshaa waraanaa Taayiwaanitti taasisan dhaabbidhaan akka daangessaan gatii sanaa ammoo dhorkii albuudota Chaayinaa gara Ameerikatti eruu irra kaa'ame salphisuu barbaadu.

Gama biraan Ameerikaa fi Chaayinaan dorgommii AI cimaa keessa jiru. Kanaaf dhimmi hubannoo namtolchee (Intelligence Artificial) dhimma ijoo marii Trump fi Shii ta'uu mala.

Sababa rakkoolee nageenyaa fi balaa AI waliin walqabatanitti, Ameerikaa keessatti AI irratti to'annoo fi seera cimsuuf dhiibbaan dabalaa jira.

Hoggantoonni dhaabbilee teeknooloojii fi hubannoo namtolchee gurguddoo Ameerikaa sagantaa irbaataa hoggantootaa kan irratti ni argamu.

Shii Jiinpiing ibsa barreeffamaan kennaniin, Chaayinaa fi Ameerikaan ''mormitoota osoo hin taane michuu'' akka ta'an dubbataniiru jedha gabaasnii miidiyaalee mootummaa Chaayinaa.