Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Haleellaan Huutii waraana Baha Giddugaleessaa hammeessuu booda Iraan fi US wal haleeluuf dhaadatan

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Iraan waliigalteerra hin geessu hin taanaan diinagdeen ishee akka kufu ykn hooggantoota ishee akka lafarraa balleessu dhaadate. Iraan gamasheen haleellaa haaraa mudatu kamuu tarkaanfii jabaa fudhachuun akka haaloo baatu ibsite.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mohammad Saalaan ji'a jahaaf konkolaataa oofuu dhorkame

    Taphataan kubbaa miilaa Liivarpuul duraanii Mohaammad Saalah konkolaataan isaa Rolls Royce saffisa eeyyamameen ol yeroo imalu qabamuun booda ji'a jahaaf akka hin oofne dhorkame.

    Yeroo konkolaataan isaa daandii sa'atiitti km48 eeyyamu irratti sa'atiitti km58 eenyu oofaa akka ture Saalaan ifa hin baasne. Taateen kuni Bitootessa 27 magaalaa Ingilaand Wiilmsloow, Cheeshaayaritti mudate.

    Taphataan kubbaa miilaa ganna 34 kuni ajaja poolisiin itti baase irratti deebii hin kennine, himannaa irrati ka'eefis jecha amantiis hin kennine.

    Dhorkaa ji'a jahaan dabalataan yuroo 1,044 akka kaffalu manni murtii ajajaeera.

    Dubbiihimtuun dhaddachaa Saalaan konkolaataa isaa eenyu oofaa akka ture odeeffannoo kennuu dhabuunis balleessaa jedhameera jette.

    Saffisa eeyyamameen ol konkolaataansaa oofamaa akka ture kan dhagahame waggaa sagaliin booda Liivarpuul gadhiisuuf beeksisuu isaan guyyootaan booda dha.

    Saalaan yeroo Liivarpuul gadhiisuu isaa gaafa bitootessa 24 beeksisu ''seenaa kilabichaa keessatti taphataa collee akka tahe mirkaneessuun,'' ture.

    Liigii Turkiyeef akka taphatu beeksisuun dura, Liivarpuuliif waggoota taphateetti al 442 taphaaf hiriiruun galchii 257 lakkoofsiseera.

  2. Qoqqobbiin daandilee xayyaaraa Iraan hundarratti kaa'ame borii qabee hojiirra oolufi

    Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Iskoot Beesaant boruu qabee ''daandileen qilleensaa Iraan hunda balalii taasisuu hin danda'an,'' jechuun beeksisan.

    Torbee lama dura ministeerri maallaqaa Ameerikaa daandilee xayyaaraa 27 irratti qoqqobbiin akka kaa'amuu himee ture.

    Hogganaan kuni waraanni Iraan waliin taasifamu hanga yoomitti akka itti fufu akka hin beekne himuun qoqqobbii kana ilaalchisee Chaayinaa waliin marii'achuu himaniiru.

    Pirezidantiin Ameerikaa Shii Jiin Piing guyyoota lamaan booda gara Ameerikaa imaluun dhimmoota garagaraa irratti Donaaldi Tiraamp waliin akka marii'atan ni eegama.

    Hogganooti biyya lamaan kunneen qoqqobbii Iraan irra kaa'ame irratti akka mari'atan pirezidantiin ittaanaa Chaayinaa fi Iskoot Beensaat akka marii'atan ibsameera.

    Mootummaan Ameerikaa diinagdee Iraan irratti dhibbaa geessisuuf baankiwwaan, dhaabota daldalaa, teeknolojii fi geejiba qilleensaa irratti qoqqobbii akka kaa'u himee ture.

  3. CNN dabalatee miidiyaaleen biroo lama Tiraamp irratti himannaa banuufi

    Miidiyaaleen Ameerikaa CNN, Politico fi MS NOW jedhaman Waayit Haawusirraa ugguramuun booda bulchiinsa Donaaldi Tiraamp irratti himannaa banuufi.

    Pireezidant Tiraamp Jimaata darbe ture miidiyaaleen kunneen waa'ee bulchiinsa isaa waan 'sobaa fi asoosama tahe' gabaasu jedhee himachuun kan dhorkaa irra kaa'e.

    Dhaabonni miidiyaa kunneen gaazexeessitoonni isaanii Dilbata darbe Waayit Haawus seenurraa dhorkamuu himan.

    Ibsa waloo Wiixata har'aa kennaniin ''mirga heera biyyattiin kennameefi mootummaan waan miidiyaan gabaasu hin murteessu,'' qajeelfama jedhuun tarkaanfii seeraa akka fudhatan himan.

    Tiraamp ibsa isaaniin booda miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti ergaa maxxanseen Waayita Haawus ''Walabummaa Pireesii irratti dhiibbaa gochaa jira osooo hin taane ODUU SOBAA irratti dha xiyyeefate,'' jedhe.

    Heerri Ameerikaa mootummaan walabummaa pireesii akka hin daangessine ni dhorka. Haala kanaan mootummaan miidiyaaleen qabiyyee isaan dabarsan murteessuu hin danda'u.

    Ibsi miidiyaalee sadan kanaan bahe''akeekkachiisa malee Waayit Haawus eeyyama gaazexeessitoota keenyaa haqe, kunis gabaasa keenya waan mormuufi,'' jedha.

    ''Dhimmi kuni yoo gaafatame malee bilisummaa pireesiifi gabaasa walabaa dhiibbaa mootummaa irraa bilisa taheef yaaddoo dha,'' jedhan.

    BBC'n Waayit Haawusirraa deebii argachuuf yaalee ture.

  4. US haleellaan bidiruu qoricha sammuu hadoochu fe'e jette irratti raawwatte yakka namoomaati - UN

    Ameerikaan dhihoo kana bidiruu qoricha sammuu hadoochuu daddabarsaa jira jechuun haleellaa irratti raawwatte seera idil-addunyaa kan cabsee fi yakka farra namooma tahuu mala jedhe gabaasni UN dhihoo bahe.

    Gabaasni Raappoortara addaa UN'n qindaa'e akka mul'isutti Fulbaana bara darbee qabee daangaa US ala odola Kaarabiyaaniifi garba Paasifiik haleellaa 68 raawwachuun namoonni 220 tahan lubbuu dhabaniiru.

    Qorataan UN Been Saawul akka jedhetti gareelee irratti xiyyeeffatame shororkeessummaan haa ramadamaniyyuu malee Ameerikaan seera idiladdunyaa cabsuun isaan irratti haleellaa akka raawwattu waan godhu hin raawwanne jedhe.

    Gabaasni kuni Ameerikaan Kaarabiyaan irratti doonii haleeluun nama afur ajjeeste jechuun guyyaa lama booda dhagahame.

    ''Odeeffannoon tikaa akka agarsiisutti bidiruu haleelame jedhame qoricha sammuu hadoochu qabatee ture. Kanaanis, shororkeessitoonni afur ajjeefamaniiru,'' jedhe humni Ameerikaa oppireeshinii kana hogganu Southcom.

    Ibsi UN dhimma kanarrtti gadhiise garuu ajjeechaan kuni murtoo dhaddacha maleetti raawwateen lakkaa'ama, seera idil addunyaa fi mirga ofirraa ittisuunillee seera qabeessa hin tahu jedhe.

    Akka Been jedhutti ''haleellaan 68 Ameerikaan raawwatteefi namoota 223 ajjeese yakka farra namoomaa fi seera idil addunyaa kan cabsedha.''

    BBC'n dhimma kana qulleeffacchuuf Waayit Haawus qunnamus deebii hin arganne.

  5. Ingilaandiifi Weelsitti dhaddachi yakka gudeeddii qofaatti ilaalu hundaa'uufi

    Ingilaandiifi Weelsitti yakka gudeeddii dabalatee dhaddachi haleellaa saalaa addatti ilaalu waggaa lama keessatti hundaa'uuf tahuu ministarri mummee biyyattii beeksisan.

    Mannni murtii hundi dhaddacha addaa kana qabaachuun miidhamtoonni himannaa banan oolmaa dhaddacha viidiyoodhaan hordofuu dandeessisa.

    Miidhamtoonni kunneen yoo dhaddachatti argamu taheef balballi qofaatti isaaniif qophaa'uun shakkamtoota waliin akka wal hin argine taha. Garuu kuni akkaataa ijaarsa gamoo mana murtii irratti hundaa'a.

    Dhaabooti haleellaa saalaa irratti hojjetan tarkaanfiin kuni ''murteessaafi'' jijjiirama waggootaaf gaafatamaa ture kan fiduu danda'u dha jedhameera.

    ''Tarkaanfiin kuni dhaddachi galma miidhamtootaa fi kanneen miidhamarraa hafaniif haqa baasuu irratti kan hundaa'e dha,'' jedhan hoggantuun dhaabbata tola oolaa Rape Crisis England, Siyaaraa Bergmaan.

    Dhaabonni haleellaa saalaa hordofan yakka kanarratti murtoon kennamu muraasa tahuu irraan kan miidhamtonni haqa argachuuf fuulduratti hin dhufan.

    Himannaa haleellaa saalaa poolisiin waggaa tokkotti galmeesse keessaa dhibbeentaa 2.8 qofatu dhaddachatti dhiyaate, kaan immoo yeroo qorannoo dheeraa fudhatu.

    Ministarri haleellaa saalaa Aleeks Deevis tarkaanfiin haaraa kuni tattaaffii himannaa haleellaa saalaa waggaa kana 80,098 irra jiru gadbuusuufis gargaara jedhaniiru.

  6. Konkolaachistoonni Wallaggaa Lixaatti hidhattootaan butamanii turan gadhiifaman- Waldaa

    Naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaatti konkolaachistoonni hidhattootaan butamanii turan gadhiifamuu Waldaan Konkolaachistoota Itoophiyaa BBCtti hime.

    Pirezidantiin waldichaa Obbo Salamoon Zawuduu haleellaa ALI Qaammee 1,2018 guyyaa Dilbataa raawwateen konkolaachistoonni butaman gadhiifamuu akka mirkaneeffatan ibsaniiru.

    Miseensonni waldichaa konkolaachistoota gurguddoo oofan kanneen butamanii turan sagal gadhiifamuu ibsan.

    Miseensota waldichaa dabalatee yeroo taateen sun mudatu kan butaman namoota hanga 14 ta'an turan.

    Kunneen hunduu gadhiifamuu odeeffannoon isaan qaqqabuu ibsan Obbo Salamoon.

    Namoonni butaman kunneen akkamiin akka gadhiifaman ykn hidhattootaaf maallaqa kaffaluun gadhiisisuu ilaalchisee kan gaafataman Obbo Salamoon, waa'ee kanaa odeeffannoo akka hin qabne ibsan.

    Torban lama dura Wallaggaa Lixaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniiru jedhameen konkolaattonni boba'aa fe'an sagal ta'an gariin guutummaatti kaan ammoo walakkaan gubachuu BBCn maddeen fi suuraalee saatalaayitiin mirkaneesseera.

    Hidhattoonni konkolaachistoota irratti dhukaasa banuun erga dhaabsisanii booda konkolaachistoota ukkaamsuun akka fudhatanii fi konkolaattota ammoo abiddaan akka guban maddeen ibsaniiru.

  7. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa TV Tigraay yeroof ugguruu ibse

    Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa har'a irraa eegalee yeroo hin murtoofneef TV Tigraay irra uggura kaa'uu ibse.

    Dhaabbatichi dirqama seeraan itti kenname ba'uun TV kana ugguruu kan ibse yoo ta'u ''miidiyaan kamuu odeeffannoo TV kanarraa fudhachuun tamsaasuu,'' cimsee dhorkeera.

    Miidiyaa akeekkachiisa kana hojiirra oolchuu dide irratti tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa barbaachisaa ta'e akka fudhatus ibse.

    Waliigaltee Piriitooriyaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti mallattaa'e hordofee bulchiinsa yeroo hundaa'e waliin mari'achuun uggurri TV Tigraay irra kaa'amee ture kaafamuu kan ibse dhaabbati kun, yeroo dhihoo as garuu miidiyaan kun qabiyyeewwan ''nageenya biyyattii balaaf saaxilan'' dabarsuutti jira jedhe.

    ''Carraa kennameef fayyadamuun akkasumas naamusaa fi kabaja ogummaa eeguun hojjechuu osoo qabuu, qabiyyeewwan nageenya uummataa fi biyyaa akkasumas dantaa biyyaalessaa balaaf saaxilan, walitti bu'iinsa hammeessan fi finxaalessummaa jajjabeessan dabarsuu'' qorannoo qabiyyee miidiyichaa irratti gaggeesseen hubachuu ibse.

    Bulchiinsi TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin (PhD) durfamu komii fi himannaa mootummaa federaalaa irratti dhiheessu hedduu karaa TV Tgraay dabarsa.

    Mootummaan Itoophiyaa erga hidhattoonni biyyattii keessa socho'an torba qindoomina uumuu ibsuu isaanii karaa TV kanaa dabarsanii booda tarkaanfii kana ibse.

    Qindoomina haaraa faallaa mootummaa goruun hundaa'e kana karaa TV Tigraay kan ibse Hoogganaa Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa Zammanee Kaaseeti.

    Ibsa kana ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa hanga ammaatti yaada hin kennine.

    Kanaan dura garuu hidhattoonni kanneen akka TPLF fi kaan mootummaa Ertiraa jalatti hiriiraniiru jechuun himataa ture.

    Pirezidantiin duraanii mootummaa yeroo Tigraay fi gorsaa dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Abiy Ahmad kan ta'an Obbo Geetaachoo Raddaa, hidhattoonni akka Faannoo, WBO fi TPLF galma Ertiraa milkeessuuf kan hiriiran jedhan.

    Hidhattoonni kunneen Ertiraaf ergamuun waraana biyyattii irreesaaniitti baachuuf warri hiriiraniidha jedhan gaaffii fi deebii miidiyaa biyyattii waliin taasisaniin.

    Obbo Geetaachoon gaaffii fi deebii sana keessatti mootummaan Ertiraa Masirii waliin ta'uun nageenya Baha Afrikaa jeeqaa jiraachuu fi naannawa kanatti hookkara kaasaa jiraachuu himatan.

    TPLF fi mootummaan Ertiraa waliin dhaabbachuun akkaan balaafamaa ta'uu kan ibsan Obbo Geetaachoon, haalli kun uummata Tigraay fi uummata Amaaraa rakkoo hamaa keessa kan buusu ta'uu ibsan.

  8. Iraan dhaabbata Afaan Faransaay cufuu hordofee Faransaay tarkaanfii akka fudhattu dhaadatte

    Giddugalli Afaan Faransaay kan Tehraan keessatti argamu cufamee booda Faransaay ambaasaaddara Iraan waamtee akka haasofsiistu ibsite.

    Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa Faransaay Paaskaal Konfaavruuksi ''tarkaanfiin kun sababa tokko malee raawwatamuu fi fudhatama kan hin qabne'' ta'uu ibse.

    ''Haleellaan giddugala aadaa Faransaay Iraan keessaa qabdurratti xiyyeeffate kun haleellaa Adoolessa keessa hojjettoota Imbaasii Faransaay irratti raawwatamerraa kan itti fufeedha,'' jedhan qondaalli kun.

    Aanga'oonni Iraan giddugalli Afaan Faransaay Tehraan keessatti argamu ajaja Abbaa Alangaan cufamuu Dilbata ibsan.

    Maddi oduu Miizaan jedhamu kan jaarmiyaalee haqaa Iraan waliin walitti dhiheenyaan hojjetu, ''Imbaasii Faransaay kan Tehraan keessatti argamu waliin hidhata kan qabuu fi maqaa barnoota jedhuun waggootaaf socho'aa kan ture giddugalli seeraan alaa cufameera,'' jechuun gabaase.

    Qaamoleen haqaa Iraan ''hojii dippiloomaasiin ala kan ba'ee fi gocha seeraan alaa,'' jechuun giddugala kana farrajan.

  9. Naannoo Gambeellaatti namoonni madaa'an hedduun buufata fayyaatti guuramuu MSF beeksise

    Dhaabbati miti-mootummaa garee hakiimota daangaa hin qabnee ta'e- MSF jedhamu, naannoo Gambeellaatti namoonni madaa'an hedduun gara buufata fayyaa isaa dhufuu ibse.

    Jimaata darbe, Fulbaana 18, 2026 aanaa naannochaa Itaang jedhamu keessatti haleellaa raawwate hordofee namoota miidhaman ture gara buufata fayyaa kana kan dhufan.

    Buufati fayyaa kun namoota madaa'an 88 kan simate yoo ta'u, kanneen keessaa saddeet lubbuunsaanii darbeera.

    Afru ammoo erga buufata fayyaa kana seenanii booda du'an.

    Gareen hakiimotaa lubbuusaanii oolchuuf tattaaffii taasisanis milkaa'uu akka hin dandeenye ibse dhaabbati kun.

    Kanneen miidhaan cimaa fi salphaan irra ga'e wal'aansa fayyaa argachuun fooyya'uu fi 13 ammoo wal'aansa dabalataaf gara Hospitaala Gambeellaatti ergamuu gareen kun ibseera.

    Dhaabbata garee hakiimota daangaa ce'anii tajaajila kennanii Keeniyaa, Naayiroobiitti argamutti hoogganaan damee Itoophiyaa Guul Baadishaahi ''nuti dursa kan kenninuuf, eenyummaa miidhamtootaa ilaalcha keessa osoo hin galchin, nama kamiifuu deeggarsa yaala fayyaa kennuudha,'' jedhan.

    Kanneen walitti bu'iinsa uumuu keessatti hirmaatan namoota nagaaf eegumsa gochuu akka qaban dhaaman.

  10. Haleellaan Huutii waraana Baha Giddugaleessaa hammeessinaan Iraan fi US wal haleeluuf dhaadatan

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Iraan waliigalteerra hin geessu hin taanaan diinagdeen ishee akka kufu ykn hooggantoota ishee akka lafarraa balleessu dhaadate.

    Iraan gamasheen haleellaa haaraa mudatu kamuu tarkaanfii jabaa fudhachuun akka haaloo baatu ibsite.

    Huutiin misaayeloota balistikii gara magaalota Sa'uudii Arabiyaa dhukaasuu yoo ibsu, aangawoonni misaayeloota kunneen qilleensarra qolachuun barbadeessuu ibsaniiru.

    Haleellaan Huutii hammaachuu hordofee Tiraamp gaaffii fi deebii Fox News waliin taasiseen ''aanga'oonni Iraan waliigalteerra ga'uu ykn diinagdeensaa manca'uu fi lafarraa haxaawamuu keessaa tokko haa filatan,'' jedhe.

    Haata'u malee Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan dabalatee aangawoonni olaanoo mootummaa Iraan torban kana kora UN irratti hirmaachuuf gara US imaluuf jiru.

    Tiraamp carraa kanatti fayyadamuun pirezidanticha waliin walarguuf balballi isaa banaa ta'uu ibseera.

    Ameerikaan aangawoota olaanoo mootummaa Iraan Kora UN irratti hirmaachuuf gara Niwu Yoork imalaniif viizaa kenniteetti.

    Tiraamp erga waraanni Iraan Guraandhala 28, 2026 eegalee haleellaa cimaa akka raawwatu dhaadachuu adda kutee hin beeku.

    Iraan gamasheen buufataalee waraanaa US kanneen Baha Giddugaleessaa keessa jiran haleeluun haaloo ba'aa jirti.

    Ammas haleellaa haaraan eegallaan tarkaanfii hamaa fudhachuun akka haaloo baatu ibsaa jirti.

  11. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Haleellaa Huutii fi deebii Sa'uudii akkasumas US fi Iraan gidduutti waan deemaa jiru irratti xiyyeeffanna.

    Akkasumas dhimmoota Baha Giddugaleessaa kaan, odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii armaan duraa irraa odeeffannoo argachuuf geessituu kana banadhaa!

    Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.