Waa'ee vaayirasii balaafamaa Iboolaa wantoota ijoo beekuu qabnu

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa torban darbe dhibee Iboolaa yaaddoo fayyaa hawaasa idil-addunyaati jedhee labseera.
Magaalota Mogiwaalu fi Ruwaampaaraa bulchiinsa Iturii Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo argaman keessatti namoonni dhibbaan lakkaa'aman dhibee kanaan akka qabamaniifi namoonni 130 ol immoo akka du'an aangawoonni eegumsa fayyaa beeksisaniiru.
Weerarri Iboolaa Dimookiraatik Kongoofi Ugaandaatti mudate osoo hin baramiin torbanoota baay'eef faca'aa turuu akka maluufi isa himameen ol bal'inaan faca'uu akka hin oolle Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akeekkachiiseera.
Dareektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Tediroos Adihaanom akka mirkaneessanitti, Dimookiraatik Kongootti namoota 51 akkasumas Ugaandaa keessatti taateewwan weeraraa lama mul'ataniiru.
Kanaanis, namoonni dhibbaan lakkaa'aman vaayirasichaan akka qabaman kan shakkamu yoo ta'u namoonni 139 immoo lubbuu dhabaniiru.
Bara 2025 bulchiinsa Dimookiraatik Kongoo Kaaysiitti namoonni 45 sababa Iboolaan du'aniiru.
Iboolaan maalidha?
Ibooleen dhibee hamaa daddarbuufi du'aaf nama saaxiludha.
Mallattoonni jalqabarra mul'atan qaamni ho'uu, mata bowwuu, dadhabbii guddaa, dhibee maashaafi qoonqoon goguudha.
Vaayirasichi qaama keessa yeroo tamsa'u ol nama deebisa nama teessisa.
Namoonni tokko tokko immoo qaama isaanii keessaafi ala dhiigni isaanii dhangala'a.
Namoonni vaayirasichaan qabaman mallattoo kan agarsiisan guyyoota lamaa hanga torban sadii gidduuttidha.
Iboolaan akkuma busaafi taayfoyidii mallattoowwan wal fakkaatu qaba.
Namoonni Iboolaan qabamuu isaanii kan mirkanaa'u qorannoo laaboraatorii keessa taasifamuun qofaadha.
Vaayirasiin Iboolaa yeroo jalqabaaf addatti kan barame bara 1976 yeroo ta'u yeroos weerarri dhibee kanaa Rippablika Dimookiraatawaa Kongoofi Sudaanitti babal'atee ture.
Karaawwan vaayirasichi itti daddarbu keessaa tokko dhangala'aa namoota vaayirasichaan qaban waliin xuxxuqqaa qabaachuudha.
Kuni dhiiga, hancufa, dhangala'aa qaama saalaa dhiiraa, dhangala'aa qaama saalaa dubartii keessaa bahu, fincaan, bobbaafi dafqa dabalata.

Madda suuraa, Getty Images
Meeshaaleen dhangala'aa qaama keessaa bahe waliin xuxxuqqaa qabanis dhibee kana ni daddabarsu.
Ija, funyaan, afaaniifi kaan xuquun vaayirasichi ni daddarba.
Bineensonni kanneen akka sinbira halkanii, jaldeessa, qamalee, xaddeefi bosonuun dhibee kana daddabarsu.
Foon bineensota nyaataaf adamsaman irrattis vaayirasichi jiraachuu danda'a.
Reeffa namoota Iboolaan lubbuun isaanii darbe xuquunis dhibee kanaaf saaxila.
Dhihoo Iboolaan eessatti mul'ate?
Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti weerarri olaanaan Iboolaa kan ka'e bara 2018 - 2020'ttidha.
Yeroo kanattis namoota 2,300 galaafateera.
Bara 2022 Ugaandaa keessatti gosti Iboolaa Sudaan jedhamu mul'atee namoota 164 galaafateera.
Bara 2014 Giinii, Laayibeeriyaafi Seeraa Liiyoonitti weerarri Iboolaa ka'e yeroo kamuu caalaa hamaadha.
Yeroos dhibee kanaan namoonni 11, 000 ol du'aniiru.
Iboolaa yaaluun ni danda'amaa?
Vaayirasiin Iboolaa gosa garagaraa qaba. Gosa Iboolaa Zaayeritti mul'ateef wal'aansi argameera.
Gosa Iboolaa Sudaaniifi kaaniif talaallii yookiin qoricha argachuuf saayintistoonni qorannoo isaanii itti fufaniiru.
Hospitaalota keessatti haakimonni dhukkubsattootaaf deeggarsa kennu.
Dheebuu bishaanii baasuu, albuudota kanneen akka Soodiyeemii, potaasiyeemii, kaalsiyeemiifi maagniziyeemii wal simsiisuu akkasumas dhiiga arjoomuun carraa lubbuun oolchuu dabaluun wal'aansota yeroo ammaa jiran keessaati.
Iboolaa akkamiin ittisu?
- Namoota vaayirasichi keessatti argame yookiin qabaatti shakkame waliin xuxxuqqaa qabaachuu dhabuu
- Gosa Iboolaa Zaayeriif saaxilamneerra yoo ta'e talaallii fudhachuu
- Bakki jiraattan bakka weerarichi argametti yoo ta'e harka ofii irra deddeebiin dhiqachuu
- Foon sirnaan bilcheessanii soorachuu
- Reeffa namoota Iboolaan du'anii tuquu dhiisuu
- Nama Iboolaan qabame yoo tuqneerra ta'e gara mana yaalaa adeemuu

Madda suuraa, Getty Images














