Waancaa injifachuu keenya ilma kootu natti hime, ani tapha Siitiifi Bornimaaz hin ilaalle ture - Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Miikeel Arteettaa kilabnisaa waancaa Piriimeerliigii injifachuusaa ilmasaarraa akka dhagahe dubbate.
Kibxata darbe Siitiin Baarnimaaz waliin qixa bahuu hordofee shaampiyoonaa ta'uunsaa mirkanaa'e.
Mikeel Arteettaa Siitifi Baarnimaaz akka hin ilaalle ibsuun, Siituun qixa bahuu hordofee Arsrnaal waancaa akka nyaate "ilma koorraan dhagahe" jedhe.
Yeroo Arsenaal waancaa injifachuunsaa ifa ta'u boroodhaa foon waaddii qopheessaa akka ture kan hime Arteettaan, "ilma kootu imimmaanin dhufee Arsenaal waancaa injifachuu natti hime" jedhe.
Taphi Siitiifi Baarnimaaz Kibxata gaggeessaan Arsenaal waancaa nyaachuu kan murteessu ture. Kanumaaf jecha taphattoonni Arsenaal bakka itti leenji'anitti walitti dacha'anii dorgommicha koomerra taa'anii daawwataa turan.
Arteettaan garuu taphicha ilaaluuf "humna waanan dhabeef dhiiseen bahe" jedhe.
Taphichi eegaluuf yeroo daqiiqaan 20 hafu taphattoota Arsenaal achumatti dhiisee gara manaasaa akka deemefi abidda qabsiisee foon waaddii hojjachuuf gara manaa akka deeme hima.
"Taphattoota [koo] fi hojjattoota kilabichaa waliin achuma turee taphicha ilaalutu narra ture. Isaanis akkan isaan bira turee waliin ilaallu barbaadu ture. Garuu ani gara manaan deeme," jechuun Arsenaal waancaa injifachuu gaafa dhagahu baay'ee akka gammade ibsa.
"Mana galee boroo duubatti abidda qabsiisee osuman jiruu mana keessaa sagalee wacaa wayii dhagahaan ture," jechuun gidduun ilmisaa angafaa fiigee dhufee oduu aaga gurra buuse.
"Ilmi koo angafaa balbala boroo banee gara kootti fiigee boo'aa natti maramee Abbaa 'injifanneera, Shaampiyoonaa taanerra naan jedhe.
Ittaansee ijoolleen koo dhiiraa biroo lamaanifi haati warraa koo itti dabalamanii dhufan. Sana booda adda ture; gammachuu sana gaafan isaanirratti argu isaanis yeroo hundumaa akka na waliin turanin bare," jechuun battalumatti taphattootasaa keessaa tokko itti bilbiluu hima.
"Daqiiqaa tokko booda Maartiin Odigaard viidiyoon naaf bilbile," jedha.
'Leenjisaa Bornimaazitti bilbileen galateeffadhe'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arteettaan erga Arsenaal injifachuusaa dhagahee booda leenjisaa kilaba Bornimaaz Siitii qabxii gachisiisun oolmaa guddaa oolefiif bilbiluus hima.
Leenjisaan Bornimaaz Andoonii Arawolaa akkum Arteettaa lammii Ispeen yoo ta'u, waliin guddatan.
Lammanuu umurii dargaggummaatti kilaba Antiguoko jedhamuuf waliin taphataniiru.
"Ergaa hin barreessineef, kallattiidhumaanin bilbileef. Jalqabarratti kilaba Baarnimaaz keessatti milkaa'ina argamsiiseef baga gammadde jechuufan bilbile," jedha Arteettaan.
Dabaluunis, "Ati waancadhuma Pirimeerliigituu nurraa fudhattee oolte" jedhee itti qoosuun "waancaa akka injifannu waan nu gargaarteef galatamii jedheen" jedha.
Arsenaal ji'a Eblaa keessa 2-1n Bornimaaziin injifatamee ture.
Arawolaan kilabni Baarnimaaz dorgommii Awurooppaa Liigii akka hirmaatu godheera; haa ta'u garuu dhuma bara kanaa kilabicha akka gadi lakkisu ibseera.
Arteettaan leennjisaa Baarnimaaz hiriyaasaa ijoollummaaf bilbiluunsaa, galateeffachuufi Baarnimaaz gadi lakkisuuf jechuusaaf ammoo nagaa itti dhaamufi carraa gaaruu hawwuuf akka ta'e ibse.
Arsenaal shaampiyoonaa Pirimeerliigii erga ta'ee booda, carraa waancaa lammaffaa- Shaampiyoons Liigii injifachuu mirkaneeffachuuf qophiitti jira.
Caamsaa 30 Budaapeestitti morkii waancaa Shaampiyoonsi Liigii PSG waliin taasisu akkaan eegama.
Arteetaan barana "waancaa lama qabannee Landan keessaa garmaamuu barbaabba" jedhe Arteettaan.















