Ameerikaan loltoota 5,000 ol gara Poolaanditti erguufi - Tiraamp

Madda suuraa, Reuters
Doonaald Tiraamp Ameerikaan loltoota dabalataa 5,000 Poolaanditti ergiti jedhan.
Torban darbe Peentaagon loltoota 4,000 gara Poolaanditti erguuf isa karoorse haqee ture.
Tiraamp murteen kun kan fudhatame erga pirezidaantii Poolaand Kaarool Naaworik waliin mari'anneeti jedhan.
Yeroo duula na filadhaa bara darbe gaggeesse loltoota Ameerikaa simachuuf qophii tahuu himeera jedhan Tiraamp.
Tiraamp loltoonni amma ergaman qaama loltoota kana dura erguuf karoorsanii tahuu ykn addatti karoora haaraa qabame tahuu hin ibsine.
Waayit Haawus lakkoofsa loltoota Awurooppaatti bobbafamanii xiqqeesuuf akka hojjetu ibsee ture.
Kunis imaammata isaanii ''Dursa Ameerikaaf'' jedhuun akka tahe ibsaniiru.
Ameerikaan loltoota Jarman jiran keessaa 5,000 akka baastu ibsitee ture. Kunis erga Chaansilerri Jarman Firederik Meerz dhimma waraana Iraan irratti Tiraamp waliin wal dhabaniiti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Meerz waraana Iraan irratti gaggeesite keessatti Ameerikaan salphatteetti jedhanii ture.
Amma loltoonni Poolaanditti ergan warra Jarmanii baasan tahuu fi haaraa garas erguuf karoorsuu isaanii hin ibsine.
Ministiroonni dhimma alaa miseensota NATO Jimata har'aa Iswiidinitti walga'ii ni gaggeessu.
Ministirri Dhimma Alaa USA, Maarkoo Ruubiyoos ni hirmaata.
Ruubiyon miseensonni NATO ba'aa Ameerikaa irratti qofa gatame akka irraa qooddataniif ni gaafata jedhamee eegama.
Walga'ii kana dura, BBC'n gabaasaa hin mirkanoofne tokko irratti: Isa Ameerikaan yoo miseensi NATO tokko haleelamte, lakkoofsa loltootaa waliigalaa bobbaastuu hir'isuu dandeessi kan jedhu gaafate.
Ruubiyoon deebii isaa keessatti "dhimmoonni tokko tokko walga'iicha keessatti irratti mari'atamu'' jedhe; akkasumas Trump michoota NATO irratti baay'ee mufatee fi abdii kutate akka jiru dabalee ibse.
Trump loltoota Poolaanditti akka bobbaasan kan ibse erga torban tokko dura Ministeerri Ittisaa (Department of Defense) loltoota 4,000 gara Poolaandiitti erguuf ture haquu isaa beeksiseeti.
Booda, Ministirri Ittisaa Ameerikaa Pete Hegseth bobbii kana ni haqane osoo hin taane yeroo gabaabaaf tursiifne jedhe.
Ameerikaan Poolaandi keessaa loltoota cimaa qabaachuu akka barbaadanis ibsan.
Nawrocki yeroo dheeraaf deeggaraa cimaa Trump ture; filannoo prezidaantummaa Poolaandi moo'achuun dura deeggarsa Tiraampis argateera.
Amajjii darbe, sagantaa Radio BBC 4 irratti prezidaantiin Poolaandi, Trump qofa hoogganaa addunyaa Vladimir Putin dhaabuu fi lola Yukireen keessatti xumuruu gochuu danda'u Tiraamp qofa jedhe.
Ameerikaan loltoota 36,000 Jarman keessaa, loltoota 12,000 Xaaliyaanii keessaa looltoota 10,000 UK keessaa qabdi.















