'Maatiin koo ergan du'ee booda itti himamuu wayya' - Lammiilee Itoophiyaa Sa'udiitti du'a eeggataa jiran

Alaabaa Saa'udii Arbiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

Kibroom biyyaa yeroo baqatu ol adeemaa ganna 16 fi barataa kutaa 8ffaa ture.

Biyyaa baqachuuf kan dirqames yeroo TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu waraanni dhalate ture.

''Baha Tigraayirraa bara A.L.I 2013tti ture aanaa Iggelaa jedhamturraa barnootasaa addaan kutee kan deeme,'' jedha naannoo Tigraay kan jiraatu eessumnisaa.

Yamanitti yeroo muraasa dabarsee yeroo Sa'ud Arbiyaa gahu baayyee otoo hin turiin qabame. Yeroos maatiinsaa Sa'ud Arbiyaa galaa akka jiru ergaan gabaabaa isaan qaqqaba ture. Firoota Sa'ud Arabiyaa jiran irraan ture ergaan kan qaqqabu.

Yaman yeroo ture ''Sa'udii yeroon gahu nan bilbila'' jedhus ergasii garuu sagaleensaa bade. Yeroo dheeraa erga eeganiin booda hidhamuusaa dhagahan. Erga hidhamee waggaan sadii darbee ture.

''Mana hidhaa taa'ee waa'ee fayyummaa maatiisaa gaafata ture. Keesumaa obbolessa isaa hangafaa isa hordofuun biyyaa baqate waa'eesaa dhiphata ture,'' durbiinsaa Sa'ud Arbiyaa irraa BBCtti himeera.

Obboleessi isaa yeroo Yaman galu Kibroom mana hidhaa keessatti waggaa lama dabarsee ture. Baqattoonni gara Sa'ud Arabiyaa ce'uuf iddoo walitti qabamanitti hidhattoota Yamaniin ajjeefameera. Kibroom du'a obboleessa isaa mana hidhaa taa'ee yeroo dhagahu gadda hamaafi gaabbiin guutame.

Ergaa du'aa

Kibroom durbiisaa Sa'udii jiru waliin bilbilaan yeroo haasa'u ''amma waggaa sadii gatii turreef nu hiikuu danda'u. Yoo nu tursanis waggaa tokkoofi,'' jechuun abdiidhaan dubbata ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Murtoon du'aa akka irratti darbe kan hime hiriyyootasaa Sa'ud keessa jiran muraasaafi kanneen mana hidhaa jiranif qofaadha. Maatiisaaf garuu akka hin yaaddofne jechuun yeroosaa fixatee akka hiikamu itti hime.

''Qabamee gaafa hidhame maatiisaafi firootasaa waliin isa hin quunnamsiisnu garuu firootasaa Sa'ud Arbiyaa jiran biroo waliin wal arga ture. Yeroo isaan gaafannu ''isa argina, ni gadhiifama,'' jedhu ture jedha durbiinsaa biraa Mabiraatoom.

Murtoon du'aa hojiirra ooluun torbee lama dura durbiisaa Sa'udii jiru Tasfaayitti bibiluun yeroo dhumaaf haasa'an.

Yeroo hunda ''gabaabaatti fayyaa koodha'' erga jedheen booda waa'ee obbolotasaa quxisuu isa hordofuun Saa'udii galanii gaafata ture.

''Maaloo isaan hordofi, hojii akka argatan isaan gargaari,'' akka isaan jedhe Tasfaay ni yaadata.

''Guyyaa ajjeefame ilma eessuma koo biraa Saa'udii jiruttis bilbilee ture. Ariifataa waa'ee fayyummaa keenyaa gaafata ture,'' kan jedhu Tasfaay badaa otoo hin dubbatiin bilbila cufee jedha.

Borumtaasaa hidhamtoonni biroo Tasfaayitti bilbiluun du'uusaa itti himan.

''Murtoon waan raawwateef du'asaa maatiisaatti himi,'' dubbii manauuf nama rakkisu itti himan.

Ministeerri Biyya Keessaa Saa'udii bulchiinsa Asiir keessatti lammiileen Itoophiyaa du'aan adabamuu ibsa baaseen ergaa amantiifi seera shari'aa eeruun tarree maqaa namoota du'anii baaseera.

''Kidaanee Angasoom Waldaayi, Filimoon Hagoos Gabiramasqal fi Kibroom Gabiramaariyaam Gabirgizaabeer baala sammuu namaa hadoochuu gara Saa'udii daddabarsuun hirmaataniiru,'' jedha ibsi bahe, bu'aa qorannoonis yakka kana raawwatanii argamaniiru jedha.

Himannaan isarratti dhiyaate erga mirkanaa'een booda duuti akka irratti murtaa'eeefi seera Shari'aan murtoon hojiirra akka oole eeruun ''adabbiin du'aa kuni Bitootessa 13/2028 bulchiinsa Asiir keessatti raawwatameera,'' jedha.

Kibroom mucaa maatii isaaf ajajamu ture jechuun Mabiraatoom isa ibsa.

Obbolonnisaa quxisuu Saa'udii jiraniifi obbolessi hangaafaa Yamanitti ajjeefame dabalatee obboloota baqatti bahan keessa lamaan isaan du'atu isaan eegaa ture.

Miila cancalaan hidhamee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Iggelaa gaddaafi naasuun guutamte

Maatiin Itoophiyaa jiran ijoolleen isaanii hidhamuu malee murtoon du'aa irratti darbuu hin beekan.

Saa'udii Arabiyaa kan jiru Tasfaay maatii Kibroomitti bilbilee ''murtoon ni salphataaf soomni Ramadaanaa gaafa galu araarri ni godhamaaf,'' jechaani jira.

Tahus yeroo murtoon du'aa irratti raawwatamu oduun du'a isaan Tigaraay aanaa Iggelaa qaqqabe. Akka carraa tahee sadan isaaniiyyuu aanaadhuma kanarraa deeman. Gara Saa'udii kan baqatan garuu yeroo garagaraa ture.

''Yeroo oduun kuni dhagahame aanaa Iggelaa keessa naasuutu bu'e. Sababiinsaas naannicharraa dargaggoonni gara Saa'udii baqatan baayyeedha.

''Akka nutti himametti 'mana murtii isin dhaqachuufi' jechuuni mana hidhaatii baasanii kan isaan ajjeesan,'' jedha Mabiraatoom.

Hiyuumaan Raayitis Wooch A.L.I Bitootessa 20/2018 ibsa baaseen iddoo Kaamis Mushaayit jedhamutti namoonni sadii odeeffannoo qabaniif af-gaaffii gochuu himeera.

Maddeen kunneen akka himanitti, gaafa Bitootessa 13/2018 A.L.I eegdonni mana hidhaa hidhamtoota Itoophiyaa sadii waamanii isaan fudhatan.

Yeroos adda baasanii yeroo isaan fudhatan mana murtii akka isaan dhaqatan ture kan itti himame. Boodarra eegdonni mana hidhaa kanaa lammiilee Itoophiyaa birootti kanneen sadan akka ajjeefaman itti himanii ''maatiisaanitti himaa'' jechuu isaanii gabaasichi ni ibsa.

Maatiin ijoolleen isaanii hidhamuu erga dhagahanii kaasee dhiphuu guddaa keessatti argamu.

''Akka nuti hin dhiphanne nu dhoksan malee ni ajjeefamu,'' jechuun Mabiraatoom dhphina guddaa keessa akka turan hime.

Namoota baqaan daandii du'aa irratti walitti fide

Hiyumaan Raayitis Wooch maddeen eeruun lammiileen Itoophiyaa dhibbaan lakkaa'aman manneen hidhaa Saa'udii keessa akka jiran ibseera.

''Lammiileen Itoophiyaa 200 ol murtoo du'aa irratti murtaa'e iddoo Kaamis Mushaayit jedhamutti hidhamanii jiru,'' jechuunis eeree jira.

Kanneen duuti irratti muramee keessaa baha Tigraay irraa kan baqate Dastaan tokko.

Sadaasa bara 2013 yeroo waraanni kaaba Itoophiyaa jalqabe obbolaansaa lamaafi maatiinsaa humoota Tigraayitti makaman. Inni garuu mana turuudhaaf sababa gahaa qaba ture.

Abbaa ijoollee laamaafi nama gaa'ela qabudha. Dabalataanis maatiisaafi miseensota maatii biroo namni bulchu hin turre.

Tahus galiin oomisha bilookeetiifi meeshaalee ijaarsaa irraa argatu isa gahuu hin dandeenye. Fedhii bu'uuraa maatiisaallee guutuu hin dandeenye.

Waraanni yeroos naannicha keessatti adeemaa ture Dastaafi maatiisaa rakkoo guddaa keessa galche.

Loltoonni Ertiraa gara naannichaa seenuun ''namoota yeroo gidirsaniifi ajjeesan'' argaa ture. Rakkoosaa kaaniin dabalataan Dastaaf kuni waan hirriba dhabsiisu ture.

Jireenyasaa oolfachuufi maatiinsaa deeggaraa malee akka hin hfneef waan tokko murteesse.

Bara 2013 A.L.I garee dhiitoofi dubartoonni keessa jiranitti makamuun Saa'udii Arbiyaa deeme.

Guyyaa 40f dheebuu, beela, dadhabbii, dhukkuba fi gidiraan hamaa erga arganiin booda Yaman gahan.

Haalli Habtooma dargaggoo ganna 24 wal-fakkaataadha.

Bara 2012 barataa kutaa 11 ture.Weerara koronaafi waraanni Tigraayi otoo badaa hin turiin ka'e kaayyoo isaarraa isa hanqise.

''Kaayyoo koorraa kaa'chuutti aareen baqachufan murteesse. Gaafa Guraandhala 9/2013 A.L.I manaa bahee yeroo ji'a tokkoo gaditti galaana ce'ee Yaman gale.

''Adooless 2013 A.L.I magaalaa Sana'aa keessatti otoon nyaata kadhadhuu namni yaman homaa isa hin goone tokko natti dhukaasee harka na madeesse. Madaan koo hamma Amajjin 2013 A.L.I hin fayyine ture. Kadhadheen ture kanin yaalame,'' jechuun BBCtti himeera.

Dhiirota hiriiraan taa'anii jiran

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo gara Saa'udii deemu isa waliin kan turan godaantonni baayyeen eegdota daangaa biyyattiin ajjeefamuu kan yaadatu Habtamuu ''awwaalchallee kan hin arganne namoonni karaatti hafan baayyee dha,'' jechuun dubbata.

''Namoonni 40 hanga 50taanu waliin ce'aa turre. Haa tahu malee yeroo nutti dhukaafamu lubbuu ofii oolchuudhaaf bittinoofne. Eenyu hafee eenyu akka du'e baruun rakkisaa dha. Du'a isaanii kan maatiin hin dhageenye, achumatti kan hafan baayyee dha,'' jedheera.

Saa'udiitti hojii re'ee tiksuu baatii sadiif erga hojjeteen booda qacartoota irraa yaadni tokko dhiyaateefi.

''Hojii qarshii fooyya'aa isiniif argamsiisu isin hojjechiisna' jechuun kan qasrhii isinii kenninu garuu miya kana iddoo wayii yoo geessitanidha jechuun itti himu. Isaanis yaada kana fudhatanii miya itti kenname qabatanii otoo deemanii poolisiin qabaman.

''Warri Saa'udii dhiisanii baqatan. Maal akka nu baachisnillee hin beeknu ture. Ergasii jimaa akka tahe barre. Isa dura jimaa waan jedhamu hin beekuun ture,'' jedha.

Namn Raayyaa Qobboo irraa deeme namni ganna 37 biraan nama Zawduu jedhamu dha.

''Ani qotee bulaa dha. Hin baranne'' kan jedhu Zawduun Guraandhala 12/2011 A.L.I ture baadiyyaarra baqatti akka bahe hima. Saa'udiitti otoo hojiirra jiruu qabamee erga hidhamee booda gara biyyasaatti arii'ameera.

Innis akkasumaan ''qarshii sii kennina, miya nuu baadhu,'' ''naan jedhan'' jedha. Poolisiidhaan akka qabames hima.

Yeroo ammaa kana bulchiinsa Asiir keessatti murtoo du'a warreen eeggatan keessaa tokko dha. Lammiileen Itoophiyaa 68 yakka jabaa biraan murtoon du'aa irratti darabe lammiilee biyyatti waliin gamoo keessatti hidhamanii jiru. Kibroom dabalatee baqattoota sadii irratti yeroo murtoon du'aa darbu lammiileen Itoophiyaa 65 garuu lubbuun hafaniiru.

''Duuti afaan banee nu eeggataa jira. Warreen as jirru keessaa baayyeen keenya Tigraayi irraa dhufne. Afur Amaaraa, lama immoo Oromoota dha,'' jechuun BBCtti hima.

''Warreen nu dura hidhaman hidhaan qofti irratti muramee gara biyya isaanii deebi'aniiru. Nu garuu du'aan adabamne,'' jechuunis hima.

Yaalii waan hin arganneef miila koo dhabe

Gamoo Saa'udii Dastaan keessa ture keessaa bahee yeroo daangaa ce'uuf jedhu lammiin Itoophiyaa biraa rasaasaan rukutame jira. Erga rkutamee booda miilasaa tokko akka dhabe dubbata.

''Bara 2026 biyyaa bahe. Waggaa tokko booda nan qabame. Erga duuti narratti muramee waggaan tokko darbeera. Yeroodhaan waanin yaalii hin arganneeef miilli koo citeera,'' jechuun ibsa.

Viidiyoon mana hidhichaa irraa BBC qaqqabe miila tokkoon kiraanchiin yeroo deemu agarsiisa.

Mallattoo adabbii du'aa fide

Hidhamtoonni BBC'n dubbise hundi yeroo hidhaman murtoon du'aa akkatti muramu hin eegne ture. Waggootaaf hidhaan irratti muramee erga turaniin booda gara biyyasaanii akka deebi'an ture kan beekan.

Gaafa hidhaman waraqaan afaan Arabaan barraa'e itti kennamee ''dirqamaan akka mallatteesan'' akka itti himamu eeru. Boodara mana murtii yeroo dhiyaatan waraqaan mallatteessan baala sammuu hadoochuufi miyoota seeraan alaa qabatanii akka ture kan mirkaneessu tahee akka argame himu.

Himannaa irratti baname mormuufis tahe falmachuudhaaf carraan akka hin kennamneef himaniiru. Iyyannaafis carraa akka hin arganne himu.

''Gaafa jalqabaa yeroo daanyaa dura dhiyaattu ''yakka kanaan himatamteetta, himannaa kana fudhattaa?' jedhamuun gaafatamta. Yeroo lammataaf yeroo dhiyaattu immoo murtoo du'aa sirratti murama. Isa booda ittisa ykn iyyannoo galchuu hin dandeessu,'' kanneen biroo sadii waliin baala sammuu hadoochu daddabarsuun murtoon du'aa kan irratti darbe Dastaan.

Bara 2013 A.L.I ganna 19tti biyyaa kan bahe Habtoom baatii 38 oliif hidhaa dabarseera.

''Yeroo hidhame iddoo garagaraa isa dhaqatanii waraqaa irratti na mallatteessisaniiru jedha. Garuu afaan kana gatii hin dandeenyeef maal akka jedhu naaf hin galu ture. Yeroo sadii daanyaa dura murtoof dhiyaadheera. Daanyaa dura kan si dhaaban daqiiqaa muraasaafi.

''Poolisiifi loltoonni si fudhanii waan deemaniif ''mallatteessi'' yeroo si jedhan diduu hin dandeessu. Dirqama mallatteessuu qabda. Yeroo sadaffaaf mana murtii yeroo dhiyaannu qofa dha kan nama Tigrinyaa dubbatu kan fidan. Kan jedhamaa jiru afaan keenyaan akka nutti himamu godhan,'' jechuun adeemsa murtoo kanaa hima.

Saa'udii Arbiyaafi funyoo namooti ittiin fannifaman

'Ergan du'ee booda maatiitti himuu wayya'

Kibroom fa'irratti murtoon du'aa erga raawwateen booda lammiileen Itoophiyaa biroo murtoon du'aa irratti darbe boqonnaa sammuu argachuu hin dandeenye.

''Nyaata nuu kennamullee nyaachuu hin dandeenye,'' jedhu.

Embaasiin Itoophiyaa Saa'udii jiru dhimma kana beekullee isaanii qaqqabuu akka hin dandeenye hidhamtoonni kunneen hadheeffatanii dubbatu.

Bilbila keenya mana hidhaarratti maxxanee jiru fayyadamuun gara embaasii bilbilu. Bilbilli yeroo baayyee akka hin kaane dubbatu, deebis akka hin arganne himaniiru.

''Waa'ee namoota aajjeechaan isaanii raawwatellee itti himnee nu amanu hin dandeenye. Baala sammuu hadoochu daddabarsuun Habashaan hidhame hin jiru,' nuun jedhu. Guyyaa sadii booda garuu dhufanii mirkaneessan.

Mootummaan lammiileesaaf xiyyeeffannoo kennuu dhiisuutti akka abdii kute kan himu Habtoom ''murtoon du'aa gara hidhaa umri guutuutti akka nuu geeddaramu dubbachuun danda'ama ture. Otoo hin beekiin takkaa dogoggorree jirra, du'aan osoo hin taane hidhaa umrii guutuufi araaraan darbuun danda'ama ture,'' jedha.

''Maatiin koo murtoon du'aa akka naratti murame dhaga'anii dhiphachuu mannaan, erga duuti raawwatee booda itti himamuu wayya,'' jechuun dubbateera.

Hiyuumaan Raayitis Wooch Bitootessa 28 gabaasa baaseen qondaaloti Saa'udii godaantota Itoophiyaa irratti murtoon du'aa darbu atattamaan akka dhaabbatu waamicha dhiyeesseera. Dhimmi hundi seera idl-addunyaan akka ilaalamuufi madaalamu gaafateera.

Mootummaa Itoophiyaafi bakka buutonni Saa'udii jiran atattamaan gidduugalanii lammiilee isaanii akka deeggaranis gaafateera.

Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Abuuna Maatiyaas xalayaa gaafa Caamsaa 4/2018 A.L.I barreessaniin ''ijoollee keenya Itoophiyaa Saa'udiitti dhiphuudhaan guyyaa lakkaawwachaa jiran jireenya isaanii fooyyessuuf biyya itti baqataniiti du'a jala gahaniiru.

''Murtoon du'aa irraa ka'ee gara biyya isaaniitti akka deebi'an mootummaan Itoophiyaa qondaalota Saa'udii waliin xiyyeeffannoo kennee dubbachuu qaba,'' jedhaniiru.

Ministirri Hajaa Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos yeroo Ministira Dhimma Alaa ittaan Saa'udii Waaliid Al Kaarjii waliin Finfinneetti yeroo wal argan dhimmi kuni ka'ee ture.

Ibsa ministeerichi baase irratti Dr Geediyoon nageenya lammiilee mirkaneessuuf fi hojii seera qabeessa akka argatan carraa kennuu irratti xiyyeeffannoo akka kennan jedha.

Haala wal-fakkataan Manni Maree Waliigalaa Islaamummaa gamasaan hidhata amantiin Islaamaa dachii Abiisiiniyaa waliin qabuufi gorsa Nabii Mohaammad eeruun ''mootummaan Saa'udii seenaa obbolummaa nabiyyiidhaan mirkanaa'e fi oolmaa yaadatee lammiilee Itoophiyaa kunneen maqaa Islaamaafi namummaaaf jecha gara biyya isaanitti akkaa deebi'an waamicha araaraa taasiseera,'' jedheera.

BBC'n gama kanaan mootummaa Itoophiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasiseera.

Ittigaafatamaa qontsilaa Jiddaa jiruu Ambaasaaddar Xaafaa Tulluu Daadhii, ''dhimma kanarratti hojjechaa jirra garuu amma waan bal'aa dubbachuu hin danda'u,'' jechuun deebii kenneera.

Gama biraan mootummaa Saa'udii irraa deebii argachuuf yaaliin taasise hamma gabaasni kuni bahetti hin milkoofne.

Yaadachiis: Durbii Kibroom Habtoomiin alatti seenaa kana keessatti eerame hundi nageenyaa maatiifi lammiilee Itoophiyaa Saa'udiitti hidhamanii jiraniif jecha maqaan geeddarameera.